Ebla 17, 2006 (Oromiyaa) - Sabboonaan Oromoo Hajii Mahaamad Musaa jedhaman Mana hidhaa qaallitii keessatti dhukkubsachaa turanii yaalii dhabuu irraan kan ka`e halkan ebla 14-4-2006 Hospitaala Xiqur Anbasaa keessatti boqochuun isaanii beekkame. Hajii Maamad Musaa Waggaa 5 dura bakka dhaloota isaa Harargee Lixaa Baddeessaa irraa mana isaani keessa qabamani kan hidhaman yoo ta`u. Ispoortii otoo mana hidhaa keessatti hojjachaa jirani hiddi dhiigaa dugda isaani keessaa cite otoo dhukkubsachaa jirani, mana yaalaa dhaqanii akka yaalamaniif wayyanoonni gaafatamnaan dhorkamani edda du`uu gaahanii akkuma warra asiin duraa mana yaalaa galchanii tajaajila gaarii dhabuun addunyaa kana irraa boqochuun isaanii hiriyoonni fi maatin isaani dubbataa jiru. Reenfi Hajii Mahaamad Musaa Amma hospitaala Minilik kan jiru yoo ta`u Wiixata dhuf gara biyya dhaloota isaanitti gara harargee Lixaa Baddeessatti akka gaggeeffamu beekkame.
Uummanni Harargee Lixaa Ammumaan ba`anii akka reenfa simatan sabooniinni Oromoo dhaammatani jiru.
Injifannoo Ummata oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
|