Oromoota FDGtin sadasa 9,2005 qabamani mana hidhaa karchale jiran keesa kan qama reebichaa fi giraan irran kan ka'e rakkon faaya irran ga'ee rakachaa jiru. Hidhamtooti kun kana dura iyyannoo qaamoolee adda addaan godhanii hardhallee mana hidhaa keessatti gidiraa arga jiran keessaa haga tokko dha.
A. kan keesi guraa midhamee mala'ufi dhageeti dhaban:
1. Assafaa lataa umuri, 25, amboo kan qabame
2. Guddata shubee umuri 24, finfinnee irra akan qabame.
3. Taamiru Alammayyoo umuri 30, kan Geedo irra qabame
4. Asfaw Waltajji umuri,25,hoplota iarra akan qabame.
B. kan harki issani hoji ala ta'e:
1. Daawit urgaa umuri 22, ambo irraa
2. Laaqo G/tsaadiq umuri 40 meeta roobi irra kan qabamedha
Sababaa fi iyyaannaan kana dura hidhamtooti siyaasaa Oromoo dhiyeessan armaan gadiitti maxxanee jira. Ammas warra naannoo isaanitti yoo deebihani bakka isaan jiranitti yoo filannoon gageeffame moohaman jedhanii yaadan akka gad dhiisaa hin jirre hubatama.
*********
Sabboontota Oromoo sababa mirga isaanii gaafatan qofaa fi sababa Oromoo ta`anii of irratti abdii qabaniif wayyaanonni isaan sodaattee, OPDOns yoo jarreen kun filannoo ona fi gandaa keessatti hirmaatan isaantu moohata, sana duuba bulchiinsa naannoo isaanii dhuunfatu jettee sodachuu fi dhiphachuun, yoo sabbontoti Oromoo kun naannoo isaanii jiraatan mirga ummataa gaafatu kun ammoo wayyanootaa fi OPDOf akka du`a ta`e waan hubatteef Oromoo Oromiyaa bakka adda addaa irraa ukkamsamanii mana hidhaa Maakalawwiitti hiraarsi hiriyaa hin qabne irra gahaa jirti.
Sabboontonni Oromoo too’annaa Wayyaanee mana hidhaa ma`ikalawii fi karchallee keessatti hojii, qe`ee, jireenya fi barnoota isaanii irraa sababa wayyaanonni isaan sodaataniif qofa ukkamfamanii jiran hawaasa addunyaa fi Oromoo adunyaa irra jiruuf iyya keenya iyyaa nuuf dabarsaa jechuun iyyatu, Oromoon bakka jiru maraa hojiin jabaatee mirga isaa deebifachuuf harka wal qabatee hojii qabsoo jabeessuu malee falli biraa hin jiru kan jedhan sabbootonni mana hidhaa ma`ikalawii keessa jiran kun dhaamsa armaan gadii dabarfatanii jiru.
Wayyaanonni gara jabinaan waan dhalli namaa dhalaa namaa irratti hin dalagne ilamaan Oromoo irratti hojjechaa jiru, Oboloota keenaya garii yeroo barbadanitti nurraa adda baasanii reebuun, hiraarsuun, qaamaa hirdhisanii nutti deebisu, garii ammoo mana murtiitti dhiyeessanii manni murtii mirga wabi erga itti kennee mana hidhaati akka meeshaa isaaniitti kaahu, garii ammoo waan galmeen isaanii cufame akka mana hidhaa keessatti umurii isaani guban gochuun akeeka mataa isaanii qabu.
Kun ilaalcha dadhabaa Oromoo mana hidhaatti hamlee buusanii akka abdii kutatu, gariin mataa dhukkubsatu, of irratti abdii dhabu fi yeroo mana hidhaatii bahu akka mirga isaa hin falmanneef jiilchina yaada jedhu irraa akka maddu eenyuufu ifaa dha. Haa ta`uuti ilaalchi isaanii kun ilaalcha gowwummaati, Oromoon mirga waliin dhalate! Mirga dhalootaan qabu kana hidhames hidhamuu baatees gaafachuun isaa waan hin oolle dha! Mirga kana waaqatu kenneef, namni irraa fudhachuu hin dandahu! Nama akkasaan mirga isaa dhorkamee hidhamuun isaa inumaayyuu akka mirga isaa jabeessee gaafatu isa kakkaasa! Jibbiinsa warra isa hiraarsan kanaaf dabalee yeroo gabrummaa isaa gabaabsuuf hojjeta malee takkaa akka isaan qaadanitti qajeeluu hin dandahu!
Biyya heera qabdu, biyya maqaaf ol-aantummaan seeraa kabajama jedhamee afuufamu keessatti gochaa fi gidiraa akkanaa quba qabeenyaa abbaa seeraa fi addunayaan alatti bakka kanatti ukkamamnee ta`uun keenyi akka mootummaa wayyaanee irratti xiiqii qabannu nu taasise malee waan qabsoo irra duubatti nu deebisu tokkollee hin qabu.
Sodaan wayyaanee ummata bifa kanaan hiitee hidhamtoota gidirsuun rakkoo cimaa itti dhalcha malee waan rakkoo keessaa ishee baasu miti, fkn yoo qabsoo kibba Afrikaa keessatti nama gootaa fi muldhata biyya isaaf qabu tokko Maandellaa nu yaadachiisa. Nama ganna 27 mirga ummata isaa gaafachuuf hidhamee, morka qabatee, dhugaa isaaf falme, diina gabroonfattuuf osoo hin jilbeenfatiin dhugaan isaa fi ummata isaa ifatti baatee, Ummata isaa kan kibbi Afrikaa bilisummaa ishee goonfachiise goota addunyaan aja`ibsiifate kana irraa dhimmi Oromoos adda baafamee kan ilaalamu miti, hoogganni kun hooggana kabajamaa fi adunyaan dinqisiifattu ta`e. Egaa nutis hardha mirga keenyaaf hidhamnus hidhaa sodaa mirga keenya gaafachuu irraa duubatti hin jennu! Waan ummata hoogganu jedhanii nu sodaataniif nu hidhan! Waan mirga keenyaaf duubatti hin jenneef nu soodaatan! Kanaaf Oromoon addunyaa irra jirtan marti kan biyya alaa fi keessaa:
- Kan biyy keessaa diddaa amma itti jirtan jabeessuun akka nuti mana hidhaatii baanu dabalatee gaaffii qabdan fi dhiibbaa wayyaanota irraan geessan jabeessaa itti fufa!
- Oromoon biyya alaa jirtan sagalee keenya mana hidhaatti ukkamfame kana xalayaalee mootummootatti bareessuun, hiriira nagaa bahuun, mootummootaa fi dhaabbilee dhimmi dhala namaa itti dhagahamu hundaatti rakkoo keenyaa fi ummanni Oromoo keessa jiru akka hubachiiftan gaafanna!
- Dhaabbileen mirga dhala namaaf falman, kana akka fannoo diimaa, amnesty international, human right watch fi kkf akka seeraa ala wayyanonni heera biyyitti cabsuun hojii seeraa ala hojjetaniif akka gaafataman! Heera biyyittii diiguun isaanii biyyittii diiguu irraa waan addaa baafamee ilaalamu miti isin kana hubachuun, miidhaa diiggaa fi rakkoo sabatinsa dhaba gaanfa Afrikaa keessatti dhalatuuf wayyaanonni gaafatamaa ta`uu isaanii hubachuun akka of sirreessan gorsitan! ol-antummaa seeraa cabsanii balaa biyyittii keessatti dhaltuuf gaafatama akka ta`uu fi dararamaa nu irra jiru akka addunyaan hubatu fi dirmatu gaafanna!
- Biyya keessaa akka addunyaan dhimma keenya hubatu Imbasiiwwan biyya keessa jiraniitti hubachiiftan! fi kan biyya alaa Mootummoota angawootti kana akka USA fi EU wayyaanonni nuu fi ummata Oromoo irratti miidhaa gahaa jiru hubatanii dhimmi kun rakkoo sabatinsa naannoo kanaaf waan rakkoo qabuuf jabeessanii itti yaaduun dhiibbaa barbaachisu mootummaa abbaa irree kanarran akka gahan gaafanna.
- Oromoonni paarlaamaa wayyaanee keessa jirtan dararama nurraa fi Ummata Oromoo irra gahaa jiru akka addunyaatti nuuf iyyitan, dhiittaa mirgaa saba isaan filate irra gahaa jiru akka ustanii hin ilaalee, mootummoota adunyyaa maratti akka dhageesisan Jechuun dhaammatan.
- Maqaa fi bakka irraa qabaman fi haala keessa jiran akka armaan gadiitti ibsamera.
Maqaa Bakka qabaman Ibsa
1. Guddataa Shubbee Finfinneerraa Wabii jedhamee gadhiisuu kan didan
2. Kabbadaa Baqqalaa Finfinneerraa Wabii jedhamee gadhiisuu kan didan
3. Asaffaa Lataa Finfinneerraa Wabii jedhamee gadhiisuu kan didan
4. Asaffaa Waltajjii Finfinneerraa Galmee cufanii ka teechisan
5. Laaqoo G/Tsaadiq Finfinneerraa Wabii jedhamee gadhiisuu kan didan
6. Bars. Gonfaa Dureessaa Naqamterraa Wabii jedhamee gadhiisuu kan didan
7. Dhaabaa Asafaa Naqamterraa Wabii jedhamee gadhiisuu kan didan
8. Dhugaasaa Maangashaa Naqamterraa Kan galmee cufanii teesisan
9. Bafiqaaduu Dabalaa Naqamterraa Kan galmee cufanii teesisan
10. Fiqaaduu Nagaraa Naqamterraa Kan galmee cufanii teesisan
11. Barataa Sanyii Taaddasaa Naqamterraa Kan galmee cufanii teesisan
12. Bars. Abraahaam Likkaasaa Naqamterraa Kan galmee cufanii teesisan
13. Bantii Kumaa Gimbii Kan Galmee cufanii teesisan
14. Walqixxee Olanii Gimbii Kan Galmee cufanii teesisan
15. Yaasin sayid Gimbii Wabii jedhamee gadhiisuu ka didan
16. Bars. Zawudee Tulluu Meettaa Roobii Wabii jedhamee gadhiisuu ka didan
17. Galataa kafanaa Giinci Kan Galmee cufanii teesisan
18. Taammiruu Alamaayoo Geedoo Kan Galmee cufanii teesisan
19. Tashoomaa Eebbisaa Geedoo Wabii jedhamee gadhiisuu ka didan
20. Yoonaas Galaanaa Dambi Doolloo Wabii jedhamee gadhiisuu ka didan
21. Fiqaaduu Shibashii Qeellam Wabii jedhamee gadhiisuu ka didan
22. Birraa Roorrisaa Adaamaa Kan Galmee cufanii teesisan
23. Asaffaa Taaffasaa Adaamaa Kan Galmee cufanii teesisan
24. Caalaa Huummoo Adaamaa Wabii jedhamee gadhiisuu ka didan
25. Warquu Fayyiisaa Ambo
26. Caalumaa Mangistuu Ambo
27. Furgaasaa Barsiisaa Ambo
28. Shuumii Dandanaa Ambo Wabii jedhamee gadhiisuu ka didan
29. Daawwit Urgaahaa Ambo Harki bitaasaa reebicha diinaatiin hojii ala kan tahe
30. Fufaa Gulee Ambo Kan Galmee cufanii teesisan
31. Abbabaa Gonfaa Ambo Kan Galmee cufanii teesisan
32. Likkaasaa Leejjisaa Ambo
33. Taaddasaa Teessoo Ambo
34. Shifarraa Taganyi Ambo
35. Shifarraa Daksiisaa Ambo
36. Alamuu guddataa Ambo
37. Tasfaayee Beekaa Ambo
38. Baqqalaa Beekaa Ambo
39. Taakkalaa Koorsaa Ambo
40. Habtaamuu Gaaromaa Ambo
41. Rattaa Makonon Ambo
42. Taammiraat Eebbisaa Ambo
43. Massalaa Caalaa Ambo
44. Minilik Jifaaraa Ambo
45. Qana’aa Chuuchee Ambo
46. Abdataa Baatirii Ambo
47. Abiyoot Daandanaa Ambo
48. Sisaay Dhinsaa Ambo
49. Imnat Hayiluu Ambo Yaroo mara kan hidhaamaa turte
50. Simmanyi Dayyaasaa Ambo Jaagamaa waliin 2004 irraa eegaltee Karchalee Ambo keessa hidhaa kan turte.
51. Sawunat Taammanaa Ambo
52. Taarik Girmaa Ambo
53. Moosisaa Dirribsaa Ambo
54. Shifarraa Eebbisaa Ambo Reebicha Diinaatiin du’af jireenya jidduu ka jiru(wallaansi godhaamaafii hin jiru.)
55. Bars.Toleeraa Owwaataa Ambo Wabii jedhamee gadhiisuu ka didan
56. Maammush Tasfaayee Adaamaa
57. Adam Gaarisoo Adaamaa
58. Minishaa Girmaa Adamaa Filannoo caamsa darbe irraatti Junneddii ka injifatte.
60. Sannii Xilaahuun Ambo Kan Galmee cufanii teesisan
Hidhaafii Ajjeechan Mirga Keenya Kabachiisuurraa Tasa Of Duuba Nu Hin Deebisu!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaat !!