Korri ABO kutaa Iskaandnaaviyaa kan bara 2006 gaafa Hagayya 5 fo 6 Magaalaa guddiittii Noorwee Oslootti geggeeffame. Korri kun kan hawaasaa fi kan miseensooni kan qoodame yammuu ta’u wal-gahiin hawaasaa gaafa Hagayya 5 haala gaariin geggeeffamee milkiin xummurame. Wal-gahii hawaasaa kana irratti ummatni hedduminaan kan argame yoo ta’u miseensa Gumii Sabaa (GS) ABO J/Leencoo Baatii wal-gahii kana irrattti argamuudhaan haala QBO kan ABOn geggeeffamu irra jiru fi wal-taiinsa Tumsa Bilsummaa fi Dimokraasii (TBD) irratti ibsa bal’aa kennaniiru. Ibsa kana boodas gaaffilee adda addaa ummatni dhiheesseef J/Leencoon deebii qubsaa ta’e kennaniiru. Ummatnis ibsa kennametti kan gammade yammuu ta’u QBO deggeruuf battalumatti gargaarsa maallaqaa kiroonera _6700____ gumaachaniiru. Kanatti fufuudhaan galgala aadaa qophaa’ee irratti artistootni Oromoo bebbeekamoon argamanii ummata bohaaressaniiru.
Wal-gahiin miseensotaas gaafa Hagayya 5 fi 6 bara 2006 geggeeffameera. Wal-gahii kana irratti haala yeroo ammaa QBO irra jiru irratti fi keessumaa immoo waa’ee TBD irratti marii bal’aan deemsfameera. Wal-gahicha irratti J/Leencoo Baatii TBD ilaalchisee ibsa bal’aa kan kennan yammuu ta’u miseensotnis ABOn haala yeroo waliin tarkaanfachuudhaan TBD ijaaruun isaa hedduu kan isaan gammachiise fi guutummaatti kan deggeran ta’uu isaanii ibsaniiru.
Dhuma irratti koree hojii geggeessituu ABO kutaa Iskaandnaviyaatiin gabaasni waggaa dhihaatee raawwii fi dadhabbilee ture irratti marii guddaa gochuu dhaan wal-gahichi xumurame.
Injifannoon Ummata Oromoof
Gadaan Gadaa Bilisummaati
Koree Qindeesituu
|