Hidhamuun, hiraarfamuu fi ajjeefamuun ilmaan Oromoof aaddefatamaa fi dhaqna ta’ee jira. Ilmaan gita bittuu habashaa Oromoo addunyaa kanarraa dhabamsiisuuf shirri isaan hin xaxne, boolli isaan hin qotne fi diraamaan isaan hin hojjenne hin jiru. Akkuma akan gaafa kamisaa guyyaa 12-2006 sa’aa 2:30 irratti foonaa zuniversity Maqalee (main campus) keessatti barataa muummee Herreeggaa waggaa 4ffaa Isheetuu Nugusee irratti yeroo inni kophaa adeemu ta’e jedhanii eeguun mana kitaabaa yuniversity keessaa osoo bahaa jiruu boombii harkaa itti darbuun miidhaa guddaa irraan gahanii jiru.
Barataan miidhame kun osoo gara hospitaala fudhatamee yaaliin godhamuu fi maluu, sana gochuu dhiisuun barattoota Oromoo isa waliin turan waliin gara waajira poolisii geeffamuun yaalii tokko malee sa’aa 2:00 oliif akka waan osoo inni baatee deemuu isarratti dhowee fakkeessuun, barattoota kaan ammo dhimmoota kanaan dura wal hin qabanne duraan foonaa yuniversiitichaa keessatti ta’aa ture gaafachuun bakka council barattoota kan yuniversiitichaa bira jirutti doorsisni ciccimoo irra gahee jira.
FKN: barataa madaahe lubbuun isaa du’aa fi jireenya gidduu osoo jirtuu maqaa barattoota hiriyoota kee nuuf himi, eessatti baratte, dhalatte, ijoollee Oromoo abalufaa beektaa ? fi kkf jechuun yaalii tokko malee waajira poolisii keessatti qaaqsaa turani.
Keessattuu itti gaafatamaan security naannoo Tigiraay kan ta’e Roobel namni jedhamu fi namichi poolis Koomishineerii naannoo Tigiray maqaan isaa hin beekamne gochaa ofii nurratti raawwatan kana yookaan haalee qabanneessuuf, kanaan achi ammo barattoota Oromoo yuniversitichaa akka sodaatanii gaaffii hin kaafneef akka malee itti dhaaddatanii jiru.
Dhuma irratti nuti wanti jechuu barbaannu nuti barattoonni Oromoo yuniversiitii Maqalee barannu:
- Wabii jireenyaa tokko illee akka hin qabne uummani Oromoo akka nuuf baru barbaanna.
- Sabbbboontonni Oromoo golee Oromia cufa jiran tarkaanfii wal fakkaatu ilmaan Faashistii Tigiree irratti nuuf fudhatee gumaa Oromootaa akka bahan waamicha goona.
- Yuniversiitiin Maqalee shira mootummaan wayyaanee uummata keenya irratti raawwate situ godhe jedhee hiraarsaa jiru barattoota Oromoo yunivarsiitii Maqalee irrattis irra deddeebi’ee raawwachaa jiraachuu Oromoonni akka nuuf beekan barbaanna.
- Ilmaan Tigiree xureessuu eenyummaa irraa hanga barattoota Oromoo dhoksaan adamsanii lubbuu baasuu irratti argamu. Ummani Oromoo gochaa kana hubatee bakka jiran maratti akka balaalleffatan waamicha goona.
Gadaan Gadaa Billisummaa ti!!
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Waldaa tokkummaa barattoota Oromoo Yun. Maqalee(WTBOYM)
|