Caamsaa 8, 2006 (Oromiyaa)
Nuti baratoonni Oromoo Yuniversiitii Jimmaa fi Kolleejjii Barsiisota Jimmaa halaa yeroo ammaa kana guutummaa Oromiyaa keessatti adeesifamaa jiruu fi gidiraa Uummata keenya irra ga'aa jiru irraa ka'uun ibsa ejjennoo qabxiilee kudhan of keessatti qabatan baafanneera.
- Ajechaa reebichii fi hidhaan baratoota, qonnaan bulaa, daldalaa fi hojjetoota Oromoo ta'an maqaa Oromummaan qofa irra ga'aa jiru cimsinee balaaleffanna! Qaamni haala kana raawwachaa jirus akka seeratti dhiyaatu ni gaafanna!
- Ajjeechaa fi dararama baratootaa fi uummata Oromoo mana hidhaa jiran irratti raawwatamaa jiru cimsinee balaaleffanna!
- Du'a baratoota Oromoo Yuniversiitii Finfinnee, kan akka Gaaddisaa hirphaa fi Muhaamed Xayib irratti raawateme ni balaaleffanna! Oromoonni meeshaa qabanii fi Wayyaanee tajaajilaa jiran gara qabsoo ummata isaaniiti fuula naannefatanii gumaa Obbolaawwan isaanii akka baasan waamicha ni goonaaf!
- FincilaDiddaa Garbummaa Baratoonnii fi Uummanni Oromoo gachaa jiran Nuyis cinaa isaanii akka jirrruu fi Gara kuteenyaan akka itti fufnnu ni beeksifna!
- Gaaffiileen Murnoonni hawaasa Oromoo gaafachaa jiran hatattamaan deebii akka argatu ni gaafanna!
- ABO'n Oromoo, Oromoon ABOdha waan ta'eef holola Dharaa Wayyaanee fi lukkeewwan ishee abbaa fi dhala addaan baasuuf shira oofaa jiran ni balaaleffanna!
- Oromoo fi dhaaba isaa jaalatamaa addaan baasuun akka hin danda'amnes diina keessa deebfnee ni hubachiifana!
- Poolisiin federaalaa seeraan ala doormii seenuun baratoota Oromoo harkaa waraqaa eenyummaa reebichaa fi gudeeddiin shamarran Oromoo irra ga'aa jiru hatatamaan akka dhaabatuu fi saroonni wayyaanee, Poolisii federaalaa, kun hatattamaan mooraa Yuuniversiitichaa gad lakkisanii akka ba'an cimsinee ni gaafanna!
- Barsiistonnii fi Baratoonni Yuniversiitichaa ergamtuu wayyaanee ta'anii Sabboontota Oromoo fi sabboomtaota Baratoota Oromoo basaasuun irratti boba'anii diinaaf kennaa jiran, kun gochaa isaanii sukkanneessaa kana irraa yoo of qusachuu baatan tarkaaffiini keessa deebii hin qabnnee akka irratti fudhatamu ni hubachiifnaanna.
Baratoonni basaaftota Wayyaanee Ta'anii Kun maaqaan isaanii akka armaan gaditti argamu ta'a.
1. Abbomaa Amantee Muummee Baayoloojii waggaa 2ffaa
2. Kaasahuun dhibbaa Muummee Afaan Oromoo Waggaa 2ffaa
3. Taamiruu Jabeessaa Muummee Ingiliffaa Waggaa 3ffaa
4. Gammachuu Nabee Muummee Afaan Oromoo Waggaa 3ffaa
5. Mohaamed Jaanuu Muummee Afaan Oromoo Waggaa 4ffaa
6. Kaasahuun Ascannaaqii Muummee Afaan Oromoo Waggaa 3ffaa
7. Qaasim Galatoo Muummee Afaan Oromoo Waggaa 3ffaa
kan ta'an kun hojii isaanii tortoraa kana irraa yoo of hin deebisne tarkaanfii isaan irratti fudhatamiif itti gaafatamaan matuma isaanii ta'uu yommuu isaan beeklsifnu saboontonni Oromoo jarreen kana bartanii of eegannoo cimaa akka gootan isin beeksifna.
- Diraamaa mootummaan Wayyaanee ayyaana musiliimaa fakkeessuun ayyaana dhalata ishee uummata magaala jimmaa miseensashee ta'an walitti qabuun mooraa kollajjii barsiisota Jimmaa keessatti walitti qabuun kabajuu yaaluun akka waan baratoonni koollejjichaa kabajanitti midiyaa isheen kijibuu yaalte:
- Yeroo sana ayyaanni musiliimaa akka hin jirre.
- Ayyaanich osoma jiraate illee hawaasa jimmaa keessatti malee Kollejjii barsiisotaa keesatti ta'uu akka hin qabne.
- Guyyaa sana baratoonni koollejjichaa akka mooraa hin seenne dhowwamuun isaa kijiba waayyaaneef ragaa guddaa waan ta'eef Uummanni Oromoo Diraamaa ishee kana irratti akka dammaqu ni beeksifna!
Waamicha
- Loltoonni, baratoonni fi hojjettoonni dhalootaan Oromoo taatanii fi Diina tajaajilaa jirtan fi Uummata keessan Miidhaa jirtan, diinaaf hojjechuu dhaabdanii qabsoo Ummata Keessan cinaa akka hiriirtan isin gaafanna.
- poolisiinnii, loltoonni fi hojjetoonni uummata keesan miidhaa jirtan gochaa keessan dhiiftanii meeshaa keessan diinatti akka galagalchatan waamicha isiniif goona.
- Gamtaan Africaa, gamtaan awuroopaa, mootummaan amerikaa, Dhaabanni fabboo diimaa adunyaa fi amnest internaashinaalii dhiitaa mirga dhala namummaa mootummaan wayyaanee Uummata Oromoo irraan ga'aa jiru hubachuun dhiibbaa akka mootummaa Of tuultuu kana irraan geessan waamicha keenya dabarsina.
Tokkommaa Barattoota Oromoo Yuniversiitii Jimmaa fi Kolleejjii Barsiisota Jimmaa
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Caamsaa 7, 1006
|