Ebla 18, 2006 (Oromiya) - Barattoonni Yunivarsitii Hawaasaa, Kolleejjii Fayyaa Elba 15 ,2006 guyyaa gootota Oromoo haala hoo’aadhaan kabajatanii oolaniiran. Haala kanaan guyyama kana ganama saa’aa 9.00 irraa haga guyyaa keessa saa’aa 1.00 tti haroo hawaasaa irratti wolgahanii gootota qabsoo irratti kufan yaadachuudhaan ayyaanefatanii oolaniiran. Ayyaannoi kun akka aadaa Oromootti akka eebbaan jalqabamee, itti aansuudhaan barattoonni eebbifamtoonni dhuungoo qabsaiisanii bartoota fuldura eebbifamaniif kennaniiru. Kunis ka ta’eef ayyaanni kun uf duras bartoota itti aananiif akka kabajamuu fi haaluma kanaan ka itti fufu ta’uu isaa agarsiisa.
Kanatti aanee bartoonni hundi lafaa ka’uudhaan gootosa bilisummaa sabaatiif woreegaman gaddaan yaadachuu dhaan seenaa gabaabaa woreegamtootaa wol yaadachiisaniiru. Kana booda barattoonni haala siyaasa Impaayera Toophiyaa ka taree fi ka ammaa irratti eega mari’atanii booda haalli qabsoo Oromoo fuula duraa maal ta’uu akka qabu wol hubachiisuudhaan ibsa ejjannoo baafatani jiran.
1. Kaayyoon gootonni irratti kufan haga galma gahutti woreegama qabsoon nurraa barbaaddu mara kafaluudhaaf waadaa keenya ni haaromsina.
2. Qabsoon bilisummaa Oromoo ka sadarkaa olaanaa irra gaheeru kun haala qindaayeen akka itti fufu waan nurraa eeggamu ni goona.
3. Meeshaa mootummaan kun ummata Oromoo addaan qooduuf itti fayyadamu ka akka amantii fi kutaa ummanni keenya itti dammaqee akka dura dhaabatu waamicha goona.
4. Mootummaan woyyaanee ka barattoota Oromoo sad. 1ffaa fi lammaffaa akkasumas Yunivarsitiiwwan adda addaa gaafii mirgaa gaafatan, kanneen qalama qofa qabatan kanneen daandii irratti lafarraa fixaaru kana cimsinee balaaleffataa gochi diinummaa kun hatattamaan akka dhaabatu ni gaafanna. Worri mirga dhala namaatiif dhaabbates dhiibbaa barbaachisu mootummaa woyyaanee irratti akka godhu gaafanna.
5. Ummanni Oromoo ilaalcha siyaasaatiin mana hidhaa woyyaanee keessatti hiraarfamaa jiran marti hatattamaan akka gad dhiifaman akeekkachiifna!.
6. Dararaa fi ajjeechaan mana hidhaa keessatti miseensota WMT irra gahaa jiru akka dhaabatuu fi miseensonni woldichaa gad dhiifamanii woldichis hojii isaa akka deebi’ee jalqabu akeekkachiifna!
7. Hawaasni Oromoo biyya keessaa fi biyya ambaa jiran marti biliusummaaf karaa jiru kan ABO qofa ta’uu hubachuu dhaan adeemsa qabsoo ABOn durfamu kana akka cimsan waamicha goona.
8. Worri garaa keessaniif jettanii FDG Oromoon godhu beekkaas ta’ee wollaalaan dura dhaabbatan marti gara qabsoo haqaa ummanni Oromoo godhaarutti akka deebitan waamicha keenya ka ijibbaataa dabarsina.
9. Dhumarrattis hawaasni Addunyaa rakkoon gaafa Afrikaa ka furamuu danda’u gaafiin mirgaa ka Ummata Oromoo yoo deebii argate qofa ta’uu hubatanii badii mootummaan wayyaanee ummata Oromoo irraan gahaa jiruuf addunyaan xiyyeeffannaa akka kennan gaafanna.
Qabsaayaan ni kufa!
Qabsoonitti fufa!!!!!!!!
IUOf!!!!!!!!!!!
Tokkummaa barattoota Oromoo Yunivarsitii Hawaasaa Kolleejjii Fayyaa.