Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Ibsa ejjennoo barattoota Oromoo yuniveristy Awasaa

1. kaayyoo  dhiigni gootota keenyaa itti dhangala’e hanga galmaan geenyutti marti keenya reebicha, hidhaa fi ajjeechaa sodaannee qabsoo uummaanni keenya gaggeessaa jiru irraa yoomiyyuu duubbatti hin deebinu, kaayyoo isaan kufaniifis galmaan geenya, alaabaa bilisummaa isaan kufaniifis ni dhaabanna.

2. Mootummaan wayyaanee har’as akkuma mootummoota nafxanyaa darbanii Ilmaan Oromoo heddu ajjeesaa  fi ajjeesisaa akkasumas biyya abbaa isaanii irra akka  hin jiraanne biyya ambaatti akka dararaman, garii immoo irbaata bineensaa akka  ta’an gochaa jirti. Kanaaafuu nus taanee uummanni Oromoo marti mootummaa nafxanyaa kana waliin warra gumaa waan taneef bakka jirru hundatti irratti ni qabsoofina, yoomiyyuu  garaa keenyaa jennee mootummaa  faashishitii kanaaf hin  jilbeefannu, gonkumaa ergamtuu ishees akka hin taane ni beeksifina.

3. yeroo ammaa kana godinaalee Oromiyaa mara keessatti seerri baruu fi barsiisuu dhaabachuun isaa  ni beekama. kanaaf ammoo sababa kan  taate OPDOn garaa  isheef malee mirga uummataa kan gonkumaa hin yaadne ergituu ishee mootummaa wayaanee waliin ta’uun gaafii mirgaa barattoota Oromoo karaa nagaa deebisuu irra barnoota dhaabuu fi barattoota reebuu, hidhuu fi ajjeesuu filatanii jiru. Duula  mootummaan wayyaanee fi jaleen ishee OPDOn gaggessan kana ni balaaleffanna, hanga gaafiin barattootaa deebi’ee barnoonni jalqabutti nutis isaan cinaa ta’uun ni qabsoofna, itti gafatamummaan gochaa seeraan alaa kunis kan OPDO ta’uu isaa ni beeksifina.

4. Mootummaan wayyaanee waggoota darbaniif hooggantootaa fi miseensota waldaa Maccaa fi Tuulamaa mana hidhaatti reebaa fi dararaa turteetti. Yeroo ammaa immoo hidhaa fi dararuun ni xiqqaate jechuun ajjeesaa jirti, kuni immoo tuffii mootummaan wayyaanee uummata Oromoof qabdu mul’isa. Kanaaf gocha suukanneessaa mootummaan kun jaalleewwan keenya irratti fudhatte kana  ni balaaleffanna, tuffii mootummaan kun ilmaan Oromoo irraa qabdu kanas lammii Oromoo waliin  tokkkummaan hiriirree ofi irraa ni dhabamsiifna, jaalleewwan mana hidhaas akka yeroo gabaabduu keessatti nuuf gadhiifaman irra beebnee ni akeekkachiifna!

5. Ergamtuun wayyaanee OPDOn garaa ishee guuttachuuf qofa uummata Oromoo dararuu, gidirsuu fi ajjeesuu irraa deebitee akka bilisummaa uummata Oromoof uummata waliin hiriirtu waamicha goonaf, yoo gocha ishee kana irraa hin deebine garuu uummanni Oromoo marti bakka jirutti maxantuu gufuu bilisummaa uummaata Oromoo taate, OPDO, dhabamsiisuu dhaan kaayyoo isaa akka galmaan gahatu, bilisummaa isaa goonfatu ykn argatu jenna, Nutis yaada kanatti amanuun dhabamsiisuu maxantootaa irratti akka bobbaanu  ni beeksifna.

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!!

Injifannoon Uummata Oromoof!!!

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net