Nuti Miseenstni, qondaaltotnii fi bakka bu’oonni ABO kuataalee lameen keessa jiraannu walgahii kora gamtaa 11ffaa kan Adoolessa 24 galgala sirna baniisaa ho’aadhaan eegalee Adooleessa 25-27/2006 geggeeffame irraa qooda fudhanne, walgahiin keenya sirnaa fi injifannoon xumurachuu keenya gammachuun ibsina.
Kora guddaa kana kanneen darban irraa kan adda godhu, ogganni ol’aanaa ABO heddumminaan kan irratti argaman caalayyuu, yeroo itti qabsoon keenyaa boqonnaa haaraa fi murteessaa keessa seene keessatti waan taheef hirmaannaa fi murannoon miseensota keenya kan nama hamilchiisuu dha.
Kana irratti hundaa’uudhaan kutannoolee fi ejjennoo keenya akka armaan gadiitti dabarfanna.
- Ibsa hayyu dureen keenya J/Daawud Ibsaa nuuf godhan hubannoo fi qalbii guutuun dhaggeeffachuu dhaan sadarkaa abdachiisaa qabsoon keenya irra geesse hubbanne. Kanumaan wal qabatee boqonnaa haaraa qabsoon keenya keessa jiru shaffisiisuuf waan qabsoon keenya nurraa barbaadu hunda baasuuf, dandeettiin, qabeenyaan, qaamaan qooda fudhachuuf waada keenya ni haaressina.
- ABO dhaloota irraa eegalee kan duula balleessii diinaa keessa qoramee darbe tahuu ni hubanna. Kana keessa darbuun sadarkaan qabsoon keenya amma irra jiru diinoota keenya abdii waan kutachiisaa jiruuf ololaa diggaa, duula balleessii sadarakaa adda addaatti diinni qabsoo keenyaa oofaa jiru dammaqinaan dura dhaabachuun qabsoo ABOn geggeeffamu bakkaan gahuuf, dhaaba keenyaafis saba Oromoofis waadaa ni seenna.
- ABO fi uummata Oromoo addaan qooduuf tattaaffii diinnonni sabaa fi dhaaba keenyaa godhan hunda dura dhaabbanna. Qabsoo bifa adda addaan sabni Oromoo biyya keessaa fi alatti godhu hunda cinaa dhabbanna.
- FDG baatii Sadaasa 2005 iirraa eegalee bifa qindaawaa fi wal irraa hin citneen geggeeffamaa jiruu deeggersa keenya kan itti fufnu yommuu thau Fincilli kun uttuu wal irraa hin citin daranuu akka babl’atee galii akeekameef gahuti waan barbaachisuun cinaa dhaabbachuuf murteeffannee jirra. Fincilli seena qabeessi kun sadarkaa addunyaatti akka beekamaa jiru ni hubanna kana caalaa beekamee qbasoo saba Oromoof mararfannoo alagaa akka horatuuf bifa addaan irratti hojjechuuf waada seenna.
- Dhaabbileen Oromoo tokko tokko maqaa uummata Oromoo aguuggatanii, utuu beekaniis tahe dogoggoraan dalagaan ammoo hojii diinaa raawwachuun ABO fi saba Oromoo irratti duula faallaa QBO geggeessan hojii farrummaa kana dhaabanii fuula isaanii gara diina saba Oromoo isaa tokkooffaa kan thae Woyyaanee irratti akka xiyyeeffatan waamicha Oromummaa goonaaf. Sana taruun hojii diinummaa kana kan itti fufan yoo tahe diina keenya irraa adda baafne isaan hin ilaallu. Tooftaan diinni keenya gandaan, gosaan, amantiin gargar nu qooduun bara bittaa isaa dheereffachuuf godhu toofataa dulloommaa waan taheef uummata keenya biratti akka fudhatama hin qabne amantii guutuu qabna.
- Tumsa Bilisummaa fi Demokiraasii ABOn hogganamu kan sadarakaa guddina qabsoo keenya nuuf mirkaneessu irra darbee mirga uummta Oromoo kabajchiisee egeree nageenya saba Oromoo fi uummata olla akkasumas gaafa Afrikaaf wabii waan taheef akkuma bu’ura isaa deggerre fiixaa bahinsa Tumsa kanaaf shakkii malee hojjenna. Qajeelfama dhaabni keenya baasu fudhannee hojiitti hiikuuf tattaaffii walirraa hin citne ni goona. ABO tumsa kana milkiin akka fiixaan baasu deggersa barbaachisu mara kennuuf waadaa galla.
- Gaachana QBO kan ta’e WBOn lakkoofsaan, dandeettii fi ga’ummaan guddachaa, dirree irra socho’us babal’fachaa akka jiru hoogganni dhaabaa haala qabatamaan nuuf ibsani jiru. Nutis hirmaatotni kora kanaa sochii WBO daran jabeessuuf deggersa barbaachisu godhuuf murteeffatne. Ummatni keenyas akkuma kanaan dura gochaa ture, WBO waliin harka wal qabatee akka qabsoo isaa finiinsu waamicha goona.
- Nuti hirmaatotni kora kanaa gabaasaa kutaalee lameen irraa dhihaatan dhaggeeffannee, jabinaa fi laafina keenya erga qorannee booda, dhimmoota injifannoon raawwataman mirkaneessuun, kanneen haala qabsoon keenya keessa jiru waliin deemuuf fooyya’uu qaban irratti mari’achuun, yaada bibilchaataa hirmaattota irraa dhihaatee fi karoorran fuulduraa irratti mari’atamee erga fooyya’ee sagalee guutuun gabaasicha fudhanneerra. Haala kanaan saba jabaa, miseensa jabaa, qondaala jabaa fi oggana jabaa horachuu akka dandeenyu shakkii hin qabnu.
- Gamaaggama gama hundaan qaama ogganaa irraa dhihaatee dhaggeeffatnee, foyya’iinsa tahuu qaban irrattis erga mari’anneen booda fiixa bahiinsa karoora kanaaf jabaanee hoojjechuun, akkasumas hir’ina karaa humna namaa jiru miseensi dandeetti fi ogummaa qabnu yeroo barbaadamnetti dirqama dhaabni nutti kenne fudhchuuf qophii thauu keenya oggana hayyu dureen durfamee nu gidduutti argamu fulduratti waada seenneerra.
- Hariiroo karaa diplomaasii dhaabni keenya qaamota siyaasaa fi mootummoota adda addaa wajjin horate dinqisiifachaa, nutis gama keenyaan firoota qabsoo keenyaa heddummeessuufis tahe dhibdee uummata keenyaa addunyaa beeksisuuf, sagaleen Oromoo akka dhageettii addunyaa harkisuuf bakka jirru hundatti tattaaffii godchuuf murteeffanne.
- Haala sochii biyya keessa jiruun wal qabateeb, dararama ilmaan Oromoo, jaarsaa jaartii, dhiiraa fi dhalaa irra gahaa jiru Oromoota qaamaan keessa turan irraa haala sukanneessaa taheen dhageenyeerra. Nutis qaama saba dararamaa jiruu waan taaneef miidhaan kun akka qaamaa fi qalbii keenya irra gahetti nutti dhagahama. Diinni duula kanaan waan uummata Oromoo naalchu itti fakkaatuyyuu nuti ammoo wareegamnii fi dararamni kun akka saba keenya qaraa jiru kan hubannu caalaa, qabsoon keenya wareegama kanaan akka bakka gahu shakkii hin qabnu. Duulli uummta keenya irratti godhamaa jiru abdii kutannaa diinaa irraa kan madde tahuu hubannee, qabsoo keenya daran jabeessinee, wareegama caaluuf of qopheessuu keenya ni mirkaneessina. Irbuu lafee gootota wareegamaniin seennee qabsootti seenne ni haaressina
Injifannoo Uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti
Kora guddaa USA fi Kanaadaa bara 2006
|