Yeroon ammaa kun yeroo kamiyyuu caalaa uummanni Oromoo gabrummaa ilmaan habashaa jalatti kufee jaarraa tokkoo ol ture yerootti diinaa fi lukkeewwan diinaa waliin kokke wal qabee wal hudhaa jiru dha. Warraaqsa uummata keenyaa sadarkaa kana gahe kana fiixaan baasuu keessatti dhaloota ammaa irraa wanta guddaatu eegama, waan ta’eef, nuti Waldaan Tokkummaa Barattoota Oromoo yunivarsiitii Maqalee ibsa gabaabaa armaan gadii baafannee jirra.
- Gaaffiin yeroo ammaa uummani fi barattoonni Oromoo golee adda addaatti kaasuun lubbuu isaanii itti dhabaa jiran deebii hatattamaa haa argatu!
1.1. Hooggantoonnii fi miseensonni Waldaa Maccaa fi Tuulamaa mana hidhaa keessa jiraatan kanneen du’a irraa hafan hatattamaan akka hiikaman gaafanna.
1.2.Du’a jaallan keenyaa Jaagamaa Badhaanee, Alamayyoo Garbaa, Ahimad Xayyibi, Gaaddisaa Hirphasaa, Abdallaa Adem fi ilmaan Oromoo diddaa keessatti gootummaan lubbuu isaanii wareegan marti bara baraan yaadanna.
1.3. Badiisa lubbuu ilamaan Oromoof, barattoota Oromoof fi walumaa gala uummataa Oromoo itti gaafatamaan Wayyanee dha! Jeequmsaa fi hookkara biyyittii keessatti dhalatuufis badiin hundi kan wayyaaneeti!
- Sochiin jalqabame haalaan kan nama gammachiisuu fi itti baani isaa bilisummaa waan ta’eef, uummanni keenya diddaa calqabe barattoota keenya waliin ta’uun daran cimee itti fufuu qaba.
- Fincila diddaa gabrummaa golee Oromiyaa cufatti adeemaa jiru uummanni Oromoo hundii fi saboonni gabrummaa habashaa jala jiran marti mootummaa oftuulaa Wayyaanee hundeen dhabamsiisuuf dandeettii fi haala argataniin walcinaa dhaabachuun qabsoo jalqabametti firii itti gochuuf wal tumsuu qabu.
- Dhuma irratti, nuti Barattooni Oromoo Yuniversiitii Maqalee (BOYM) gumaa jaallan keenyaa mana hidhaa fi fincila diddaa gabrummaa adeemsifamaa jiru keessatti wareegaman haalaa fi yeroo akkasumas bakka argametti baasuuf, gara kuteenyaa fi tokkummaan kauu keenya waadaa keenya haaromsina.
GADAAN GADAA BILLISUMMAA!!
INJIFANNOON UUMMATA OROMOOF!!
WALDAA TOKKUMMAA BARATTOOTA OROMOO YUNIVARSIITII MAQALEE (WTBOYM )
|