Caamsaa 28,2006,Toronto
Nuti miseenseensonni fi Deeggartonni ABO fi Hawaasni Oromoo magaalaa Toronto fi naannawa Torontoo walgahii arra godhamte tana irratti argamnee haala siyaasaa adunyaa, kan gaanfa afrik, kan Empaayara Etiyophi fi kan Oromoo irrati ibsa kannamee fi kophaatti Tumsa adda durummaa ABON dhiheenya kana ijaarame ilaalchisee ibsa kanname dhaggeefannee gaaffii qabnu gaafannee deebisaa quubsaa waan argganneef haala kana irratti marii bal’aa godhuun ibsa Eejjennoo asiin gadii kana bafannee jirra.
- Haala walii galaa kan dhaabni keeyna ABOn keessa jiruufi keessattuu tarkaanfiin Tumsa ijaaruu kan amma fudhate kun baay’ee boonsa ta’u isaa waan barreef akka dhuunfattis ta’ee akka gamtaatti QBO galiin gahuuf dirqama nuu irra eeggamu hunda guunnee argamuuf murteefanne.
- Fincilli Diddaa Gabrummaa ummanni keenya biyya keessaa gaggeesaa jiru osoo walirra hincitin ji’a jahaaaf gaggeeffammuun isaa waan addunyaa kana keessatti ta’ee hin beekkamne wan t’eef ittin boonna FDG gaggeefamaa jiru kanaas ni deeggarra.
- Tumsa tooftaa fi tarsimoo bifa bifaan ilaaluun ABOn kayyoo isaa galmaa gahuuf jechaa dhaboota gara garaa waliin tumsa uumee durummaan gaggeessaa jiraachuu isaattii baayyee boonna. Tarkaanfiin kuniis yeroo fudhatamuu qabutti fudhatame jennee waan amannuuf Olola fi shira tumsa kana irratti ademaa jiru hunda jabeesineeti balaaleeffana.
- ABO Fincilla Diddaa Gabrummaa haala bilchaatan abbuman gaggeessa jirachuu isaa itti ammana; ittis boonna. FDG kuniis galii isaa akka gahu dirqama nu irraa eeggamu hunda guunnee argamuuf murteefanne.
- Lammiwwan Oromo dantaa diinni jala qabun gowwoomanii uummata keenyarratti hojjechaa jiran ,ummata Oromoo dararaa jiran fi diinaaf humna ta’an akka gochaa isaani irra deebi’an waamicha dhaabni keenya ABOn godheef ni deggarra.
- Ilmaan Oromoo humna waraanaa, tikaa polisii fi milishaa Wayyaanee keessa jiran hundi mootummaa Wayyaaneef meeshaa ta’u dhiisanii gara bilisummaa saba isaaniitti akka dabalaman waamicha goonaf.
- ABOn tumsa dhabbatee kana ilaalchisee dhaboota Oromo wajjin mari’achaa turuu isaa hubannee jirra ;fuulduratille mariin kun akka itti fufu wamichaa ABOn godhamaa jiru ni deeggarra.
- FDG irratti Barattoota,dargaggootaa fi shamarran Oromoo,mootummaa Wayyaaneen ajjeefaman seena ummata oromoo kessatti jagnummaan akka galmeeffaman gaafanna ;kabajaa ABOn waregamoota kanaaf keennaa jiruttiis gammannee jirra.
- Waamichaa Saboota cunqurfamoo fi humnoota dimokraasii fi kabajamuu mirga ummatootaaf dhaabbatan hundi qabsoo bilisummaa uummata Oromoo cinaa akka dhaabbatan ABOn godhame ni deeggarra.
- Dhaamsa fi Ibsaa Hayyu dureen ABO yeroo hundaa ummata Kenyaaf,addnyaaf fi ummata Itoophiyaaf godhaanitti ni boona ni deegggarras.
- Qabsoon hidhannoo fi siyaasaa bifa qindaaween amma illee jabaatee akka itti fufu dhaaba keenya ABO gaafanna
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!!
Deeggartootafi Miseensota ABO Torontoo
Caamsaa 28, 2006
|