Ebla 20, 2006 (Oromiya) - Tokkummaan Barattoota Oromoo Jarmanii (TBOJ) kora 31ffaa Ebla 15 bara 2006 magala Munshen kessa itti geggefate. Korri kun sagantaa seminaraa ummatni Oromoo fi firootin qabsoo bilisummaa Oromoo biyya Jarmanii jiraatan qooda irra itti fudhataniin baname. Gabasaan raawii hojii TBOJ kan bara 2005 ergii ballinaan gamaagamamee booda koree hojii geggesitu gadaa itti aanuu filachuu fi ibsa ejjannoo armaan gadii baafachuun milkii bareedaan xumurame.
- Qabsoo Fincila Diddaa Gabirummaa irra itti injjifannoolee bonsaa ummatni Oromoo galmessaa jiru ni dinqsifanna, qabenyaa kenyaa fi waan nu irraa barbachisu hundaan ni deggerra.
- Qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn hogganamu ni deggerra.
- Mirga hiree murteefannaa saba Oromoo galmaan ga´uf ABO dhaabbilee mormitoota siyaasa impaayera Itophiyaa kessa jiran wajjin hariroo inni qabu ni deggerra.
- Kayyoo gotooti Oromoo waregamaniif galmaan ga´uf waan nu irraa barbaadamu hundaa ni gumaachina.
- Mootummaan Wayyaanee (TPLF) Oromiyaa kessa itti loltuu Agaasii bobbaasuun tarkaanfii ajechaa, rebichaa, hidhaa, fi shororkessu inni ummata Oromoo irratti fudhachaa jiru ni balaalefanna.
- Hogganooti waldaa Macaa fi Tulamaa, barattoti Oromoo, fi hidhamtootiin siyasaa mana hidhaa wayyanee (TPLF) kessa itti gidiraa hiriyaa hin qabneen shororkeefamaa jiran hundaa haala duree tokko malee akka hikaman motummaa abbaa hirree (Malas Zenawi) akekachifina.
- Qabeenyaan waldaa Macaa fi Tulamaa mootummaa wayyaneen saamame akka deebiye abbaa qabenyaaf kennamuu fi waajjiri waldaa kanaa deebiye banamu mootummaa TPLF akeekachifna.
- Sababii mirgi nammummaa fi haqi hiree ofii ofiin murteefannaa Oromiyaa kessa itti hin kabajaminiif akka motummoti dhiyaa (angawoon) fi hawaasonni adunyaa motummaa wayyanee (TPLF) irraa itti qoqobaa diplomaasii fi dinagdee jabeessan ni gaafanna.
- Gaafilee saba Oromoo deebisuun furtuu rakkolee (waldhibdee) godina Gaanfa Afrikaa akka ta´ee motummota dhiyaa (angawoo) fi hawaasoota adunyaaf ibsina.
- Dhaabbileen mirga dhala namaaf falmanii fi jarmiyooleen sabqumnamtii gara gargaa dhittaa (dhibbaa) mirga dhala namaa motummaa TPLFn baadiyootaa fi maagaloota Oromiyaa kessa itti ummata Oromoo irra itti geggefamaa jiru ilaalchisee xiyyefannaa isaanii akka foyyefatan ni gaafanna.
Gadaan Gadaa Bilisummati!
Injjifannoon Ummata Oromoof!
Miseensota Kora TBOJ 31ffaa
Ebla 14, bara 2006
Munshen, Jarmanii
|