Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

IBSA EJJANNOO HAWAASA OROMOO BERGEN

Nut Hawaasni oromoo Bergen-Norway jiruu  guyya har`a Waxabajji  3/ 2006  teessuma arifachiisa haala yeroo ammantana FDG ummatni Oromoo Biyya keessatti Sochiif falmaa Hadhaawa sodaa ajjeechaa,reebiinsa ,hidhamu,daraara gurguddaa irra gayaa jiru osoo of duuba hin deebine kallatiin guutu biyya Oromoo, magaaal fi baadiya ,gamoojittti   wol dhuunfate fincila didda gabrummaa, kana achi baatu hin qabnuu jedhee, haallan isa mudataa jiruu osoo hin sodatin   jabinaan  injifannoo tti amanuudhaan kaayo Qabso ABOn sabaa isaatiif xababara qabsoo jalqabee hanga har`a  baya biiftuu bilisummaatti milkii gurguddoo baroota duri daranuu caalatti injifannoo argamsiise jiruuf bira dabreetu  Gaanfa afrikkaattis nagaya waara  ummatoota Afrika tiif kan ta`e jedhanii falasamni siyaasa( poltikootni)  Addnuyaatu yeroo raggasiisa jiranitti ,Hawaasni Ormoo Bergen ijjannoo fi deeggarsaa guddaa haala amma biyya keessa fi alaanis Oromootni qasboo ABOn geeggeefamuu woliin tarkaanfatuu daranuu qabeenyaaf yaadaan, waan barbaachiisa hundaanu FDG ni deeggara ,ni jabbeessa, ni utabaa ,akkasumas haala ABOn tumsaa siyaasa dhaabilee mormitoota Mootummaa Etiyoophiyaa  woliin  caamsa (may,22) gurmuu tumsaa ofitti qabee, tumsaa bilisummaa fi mirga dimokraati sabaaf sablamoota Biyyatti Mootummaa Makkala, ana malee jedhee mirga dhala namaa kabajuu dhabee dhala namaa gar-maleetti gaafa aango qabatee kaase haga har`a itti jiru kana  bifa toofta tumsa heddumeefatuun bineensa guddaa  kana kuffissuufi humna tumsaa( AFD) woliin wali galtee karaa kaayo saba keenna hin tuqneef  faalleessu hin dandeenne kamiinu  tarsimoo siyaasa qabsoo bifa hundaanu godhaa jiruuf ,kanneen biroo wojjinis haaluma kanaan daranuu tumsaa heddumeefatuun fashist woyaane laafaan dhayuuf injifannoo ABon galmeesseeru kana gammachu daanga hin qabnee injifannoon argamsiise kana yaadaa ,dinagdeen  waan eegamu hundaanu dirqama Orumummaa bifa hundaanu tin`isuu keenna ijjannoo  onnachiisaaf  ABO fi FDG  jalatti murtii asi gad dabarafanneerra.

1, Ibsa ABOn haala qabsoon bilisummaa Oromoo amma irra jiruuf  haala  "AFD woliin tumsa uumatu isaa saba oromootiif Ibsa karaa Bakka Bu`ota ABO koonya Bergen ibsaa nuu dhaqabuu isaa hedduu irra gammadneerra. Ummatnis kan ABO ti ABOnis ummataaf kaayo isaa bakkan gayaa jiruu kanatti ummata isaatiif ibsa dabarsuu akka daran ABO  woliin hiriirru cimsaa  fi jabina nuuf kennu isaatiif galatni Bilisummaa aarsa gurguddaa fi milkii injifannoon deebi`aafi. Kanaaf nut Hawaasni Oromoo Bergen wal gayii har`a  haal  yeroo irratti  hubannoo guddaa dhaaba irra argannee irrati hundaayuun biyya keessa  Yoomiyyu daran qabsoo bilisummaa sabni keenna injifanno seena qabeessa gruguddo kanaan wal dhuunfatee alaaf -keessanis ABO jala hiriiru  ni deeggarra ,ni jabbeessina.  

2.  Hujii Diploomaasi ABOn baroota duri daran  baroota kana keessatti  qaroome siyaasa addunyaa tti wal qixxeefatu bira dabree baqaysee keessa seene, seena sabaa isaatiif dhiitamiinsa mirga ummta Oromoo,dhitamiinsa sab-lamoota biyya Oromiya keessa jiraatniif hundaaf  iyyata addunya tti osoo hin hifatin  galmee siyaasa adunyaa keessatti haala qabsoo ummta oromoo galmeesiise  caalatti  Motummoota  Addunyaa yeroo duraaf  irra deddeebi`amee gama addunyaatiin rakkoon saba Oromoo biyyaa isaa irratti haqaa qabaachuu,abbaa biyyaa ta`uun isaa mirkanaaye hanaga rakkon saba oromoo hiikkamutti Gaanfa Afrikaa keessatti nageenni argamuu akka hin dandeennes dubatameeru kanatti sochii ABOn seena galmee addunyaa kanatti barreessuus bira dabree Addunyaanu haala siyaasa Afrikaattis ta`e haallan hundaa irratti beektoota Hoogana ABO  mariif  barbaadaman geesse  jiru kana heddu deeggarra, injifannoo kana hin jedhamne kan bilisummaa ta`u  injaannoo keenna kanaan mirkaneessina.

3, WBO  biyyaa keessatti naanno hundaan qabsoo haadhawa godhaa jiruuf injifanno fidee jiruu guumata barbaachiiseen bira dhaabannaa.

4. FDG  ummatni Oromoo akka baroota Minilikiin  lolaa turee sanitti ofirra lolaa jiru ni jabbeessina ,ni cimsina,Diina ni moona.

5. QBO fi jechaa barattootni fi beektotni  Oromoo  umataa ofiitiif  of weerega jirani ni utubina,deeggarsa kaaminiinu bira dhaabanna.

6. haala yeroo amma biyya keessatti dubartiin ,haawwotni oromoo bishaan dhaqatte gaaffi mirga Oromummaatiif reebamtu ,ni balaleeffanna, gochaa woyaaneen ijoolle, shamarran ,manguddo wkf ormoo  irraan guyyaa guyyaatti gayaa jiruu dura dhaabanna. Mirga dhala namaa addunyaattis ni iyyanna.

Woluma galatti balaa mootummaan etiyoophiyaa ,ajeeccha ,reebiinsa ,saamiinsa ,dhabamsiisu oromoo irraan saa`a  saa`aan ,halkani guyyaa ummta keenna irraan gayaa jiruu ni mormina ,saboota addunyaatti ni iyyannaa, hiriira  nagayaa sabaa kenna deeggarsa argsiisu ni goona,guumata qabsoo bifa hundaanu ni baana, tin`isaa fi tumsaa guddaa ummata kennaaf ABOs halkani guyaatti  gargaarsa barbaachisee hundaan ,ijaarsa cimaan qabsoo ABOn ummata keenna kaayo sabaa isaatiif toluun jaalatamee jiru gad fageenyaan itti amannee ammas osoo wol irra hin kutne guumata hundaanu bira dhaabanna.

Gadaan Gadaa bilisummaati!

Injifannoo Ummata Oromoofi!

 

Hawaasa Oromoo Bergen.


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net