Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Ibsa ejjennoo maadhee Bakkalcha Bari

Nuti miseensi maadhee Bakkalcha  Barii  ( B. B. ) jedhamnu Adda Bilisummaa Oromoo ( A B O ) jalatti  ijaaramnee jirru waa’ee haala yaroo biyya keenyaarratti erga ballinaan maryyanneen booda ibsa ejjennoo qabxii 12 qabu armaan gaditti baafannee jirra.

1. Qabeenyaa qabnu, dadeettii keenyaa fi hanga lubbuu keenyaa haarsaa goonee A B O cinaa dhaabbannee mirga saba oromoo ni kabachiifna.

2. Minasee Walde goorgis bakka bu’aa maxxannee opdo fi ilman Tigiree malee bakka bu’aa ilman oromoo akka hintaane beeksifna.

3. Opdon dhaaba oromoof  dhaabbate otoo hintaane Goobanaa 2ffaa ta’uu ishee ni ibsina.

4. Kallachi qabsoo bakka bu’aa oromoo A B O waanta’eef  akka  oromoota bulchuuf  ni gaafanna.

5. Sabni oromoo martii fedhii dhuunfaan otuu hin gowwoofamin martuu harka walqabannee sirna bittaa wayyaanee of irraa akka qolannu dhaamsa sabummaa ni dabarfanna.

6. Gaaffiin barattoota oromoo fi ummata oromoo hunduu akka deebii argatuuf  qabsoo barbaachisu ni goona.

7. Barattoota, barsiisota, Daldaltoota, fi qonnaan bultoota mirga isaanii gaafachuun qofa kan hidhaman akka hiikaman ni hubachiisna.

8. Maqaa miseensa A B O jedhu qofaan balaaleffatamanii hojii isaanii irraa aryatamanii fi barattoonni hidhamanii dararfamaa jiran akka gara hojii jaraatti deebifaman ni akeekkachiisna.

9. Kittillayyoonni wayyaanee ummata dararaa jiran gochaa isaanii fokkisaa kanarraa akka of qusatanu cimsinee akeekkachiifna. 

10. Wayyaaneen walgayii nuwaamtus, meeshaan nudoorsioftus, nuhiitus, nu ajjeeftus qabsoo keenya irraa kan duuba hindeebine ta’uu keenya cimsinee isheehu bachiifna.

11. Olola sobaa wayyaaneen labsitu akka bakka hingeenye ummata keenya waliin taanee ni fashalsina.

12. Amma kaayyoo goototaa bakkaan geenyutti, A B O biyya keenya bulchuu fi hiree murteeffannaan saba oromoo murtaahutti qabsoo keenya karaa adda addaan kan itti fufnu ta’uu keenya dalagaan ni mirkaneessina.

 

Qabsaa’aan ni kufa; qaboon itti fufa !!

Injifannoon Ummata Oromoof !!

Bitootessa 10 2006

Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net