Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Ibsa Ejjannoo barattoota Oromoo Godina Arsii lixaa Ona(aanaa) gadab Asaasaa

Nuti barattoonni oromoo aanaa gadab manneen barnootaa
1. Asaasaa sad.2ffaa
2. Asaasaa Burqituu
3. Xiijoo woqeenxaraa
4. Qaawwaa
5. Adarshoo Garjeeda
6. Dabaara Wol-ta'ii
7. Ardayitaa
8. Hanxoo.

Guyyaa har'rr Ebla 13 bara 2006 walgayuun dhimma yeroo amma irratti bal'innan marii adeemsisuun ibsa ijjannoo qabxii (8) qabu bafannee jirra.

1. Ummanni keenna biyyaa fi biyyee, qabeenna isaa samamaa, mirgi isaa dhiitama kan turee fi har'as kanuma sana caalaa cimee kan itti fufee waan ta'eef xiqqaa, guddaa fi hayyoonni hunduu qabsoo diddaa gabrummaa godhamu cina akka dhabatan ni gafanna.

2. Mootummaan woyyanee kan maqaa dimokirasitiin daldalu fiixaa (Sanyii) balleessaa saba Oromoo irratti rawwataa jiru irra akka of qusatu cimsinee ni gaafanna.

3. Mootumman woyyanee adeemsa isaa farra dimokraasii, guddinaa fi nageenna ta'uun isaa filannoo caamsaa darbe irraa kan ofitti raggasise waan ta'eef qabsoon ummanni Oromoo didda gabrummaf godhaa jiru ummanni addunyaa deeggarsa wol-irra hin cinne akka nuuf godhu ni gaafanna.

4. Umurii mootummaa woyyaanee worroonni tursiisuuf carraqxan gaafatamummaa seenaa jelaa bayuuf gocha rawwataa jirtan kana irra akka deebitan dinniina xumuraa isiniif kennina. Mirga saba keennaa kabachiisuuf qabsoo nuti goonu yoomiyyuu caalaa finiinee kan itti fufufi hanga xumuraa lubbuu kennatti qabsayuuf waadaa nigalla

5. Ummanni Oromoo kan yakka tokko malee yeroo amma mana hidha woyyaanee keessatti akka malee dararamaa jiru dhabbileen mirga dhala namaatiif dhabbatan  wannaa dhugaa akka addunyaaf nuuf dabarsan waamicha keenna isiniif dhiyeessina.

6. Dhabbileen maqaa ummata Oromootiin dhaabbatanii sochii godhaa jirtan hundinuu tokko ta'uun qabsoo finiinaa godhuun awwaala woyyaanee irratti dimokraasii dhugaa akka dagaagsitan sagalee tokkoon ni gafanna.

7. ABO cinaa hirirree gumaacha nurraa eeggamu godhaa, qaamma keenna summa'aa kan taatee OPDO yaallee fayyisuuf waadaa ni galla.

Ebla 13 bara 2006

Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net