Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Haala yeroo ammaa ilaalchisee ibsa Ejjannoo Miseensota ABO konyaa Adelaide,Australia.

Nuti miseensi ABO deeggartootni biyya Australia magaala Adelaide jiraannu gaafa 7/6/06 irratti walgahii godhanne haala QBO yeroo ammaa fi FDG ummatni keenya biyya keessaa, baadiyyaa fi magaala keessa gochaa jiru irratti erga mari'anne booda, ibsa ijjenno armaan gadii baafnee jirra.

ABOn dhiheenya kana tooftaa fi tarsimoo isaa gilgaalee fiixa bahiinsa qabsoo bilisummaa Oromoof ni barbaachisa jechuun tarkaanfii fudhate qalbii guutuun jala buunee hordofaa turre. Murtii tumsa ijaaruu tis akkasuma hordofaa turre.

Wantii namma gammachisuu ABOn kaayyoo ganama qabatee ka’ee utuu gad hindhiisiin haga har’aa itti fufiinsaan qabsoo godhuu isaati,

Dhaaboti Tumsa kanatti miseensa tahan sagantaa mataa isaanii akka qabatanitti tahuun, fi walabummaan dhaaba isaanii tikfamaa tahuun akka ejjennoon ABO sirrii tahee fi, dhugaa dhan kaayyoo ganamaa sana bakkaan gahuuf mala dhawaa jiraachuu isaa hubannee jirra. Haga sagantaa fi kaayyoo keenya nu harkaa hin buufnetti diina nuti qabsoo irratti geggeessaa jiru isaanis karaa kaanin danquu dhan qabsoo keenya kan nu gargaaruu wajjin hariiroo tumsaa tolfachuun barbaachisaa dha jenna. FDG yeroo dheeraa deemsisaa jirruun ammaan booda ummata Oromoo kan gowwomsuu fi dabsuu danda’u akka hin jirre mirkaneessinee jirra. Tumsa heddumeefachu fi diina xiqqeffatee fashist woyaane jigssuuf gochi godhamaa jiruu seenaa fii galmaa guddaa tokko.

Kanafuu gammachuu daanga hin qabnee injifannoon argamsiise kana karaa (dandetin, qabenyan) karaa dandayamee hundaanu dirqama Oromummaa bifa hundaanu yoomiiyyuu caallatii birran akka dhaabanuu hubachisaa ijanoo ABO fi FDG jalatti murtii asi gad dabarafanneerra:

1. Tooftaa fi tarsiimoo ABOn haala qabsoo bilisummaa Oromoo dinna xiqesse firoota bayifachun (AFD) sadarkaa amma irra jiru uummata saba oromootiif kayoo isa fixanii bahufii karaa gababa ta’u isaa humaa irra shakii hinqabnuu.

2. Kayyoo keenya fixan basufii hooggana ABO jalatti hiriirree hojjechuuf waadaa kaleessa seenne irra calaatii ni jabeessina.

3. Akeeka kana ummata keenya bal’aa hubachiisuuf halkanii fi guyyaa of qusannoo tokko malee ni hojjanna. isa hinhubatinii tusmaa kana dura dhaabbatu ni hubachiifna, ni gorfanna, kan beekaa Wayyaaneef ergamtuu tahee dura dhaabbatu ammoo karaa irraa maqsina.

4. Sabni Oromoo kan biyya kessa jiruu fi kan biyya alaa adunyaa hunda kessa jiraatu hundinuu carraa amma argamme kanaa caalaattii ufii ijaaree, ufii jabeessee dukana kessa gara ifftuu Oromiiyatii uf basu dhafii biyya isaa dhunfachuu fi walii dirmachuuf akka of qopheessuu waamicha ni goonaf.

5. Qabssoo Oromoo laaffisuu fii tokkummaa Oromoo addan facasuu dhan kayyoo keynaa akka fixan hinbanee gochuf socho’an eenynullee taanan dura dhaabbanna.

6. Balaa mootummaan itiyoophiyaa, ajeeccha, reebiinsa fi saamiinsa dhabamsiisu oromoo irraan tofftaa jijirataa uummta keeyna irraan gayaa jiruu hundaa ni balaleeffanna.

Wolumaa galatti addemsaa ABOn itti deemuu karaa sirri waan ta’ef itti gammadna.karaa kaminis taanan waan barbachisu hundaan cinaa dhabachu keenya ni mirkaneessina. Umatni Oromoo hundinuu bikka jiran mara tti akka tokko tahee carraa kanatti fayaadamu, hireen akkanaa ammaa yoo nudabarte lamuu akka hin deebine bekee, garaagarummaa jidduu jirtu lakkisee walirrati duulu fi olola walirratti ofuu dhiisee walii dirmatu waamiicha gonnaf.

Gadaan Gadaa bilisummaati!

Injifannoo Ummata Oromoof!

ABO konyaa Adelaide, Australia


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net