Koreen Kutaa Kaanaadaa walgahii gamtaa kutaa Kaanaadaa fi Ameerikaa egga xumuratte booda walgahii koree kutaa kan duraa guyyaa 19/08/2006 godhatte irratti hujii bara dabree eega xinxilte booda hujii kutaa kanaa kan bara dufuu irraatti marii bal’aa godhuun sagantaa huji bara dhufuu kan bafattee yoo ta’u haala QBO kan yeroo kanaa ilaalchisee ammoo, keessattuu injifannoolee dhaabni keenya dhiheenya kana galmeesse fi haala fokkisaa daangaa Keniyaa irratti dhalate irratti maree bal’aa godhuun ibsa deeggarsaa kan armaan gadii kana baasuun walgahii isii xumarattee jirti.
- Ilmaan Oromoo waraana mootummaa Wayyaanee keessa jiran, Qondaaloota sadarkaa olii ti fi miseensoonni waraanaa mootummaa wayyaanee jalaa bahanii dhaaba isaanii ABOtti makamuu isaanii dhagahuu keenyaatti hedduu gammannee jirra, tarkaanfii seena qabeessa kana fudhattanii injifannooleen galmeesitan kan saba keenya hunda gammachisee diinoota keenya rifachiise waan ta’eef tarkaanfii keessan kana guututti kan deeggarru ta’uu akka nuuf hubattan isinitti dhaamna
- Injifannoolee jihaa kanaan argaman jabeeffannee kan kana caalu galmeessuuf tarkaanfii dhaabni keenya fudhatuuf gahee keenya gahummaan gumaachuuf qophii taanee argamuuf murteefannee hujitti bobbaanee waan jirruuf Ilmaan Oromoo biyya ambaa jirtan hundi qobsoon dhaabni keenya ABOn gaggeessaa jiru arra yoom iyyuu caalaa wareega ulfaata kan nu gaafatu ta’uu hubattanii bakka jirtan maraa akka sossootan waamicha isiniif dabarsina
- Ilmaan saba keenyaa kan waraana mootummaa Wayyaanee keessa jirtanii fi kanneen sadrkaa gara garaatti mootummaa kana tajaajila jirtan yeroon tarkaanfii seena qabeessa ta’e fudhachuun QBOf injifannoo boonsaa itti galmeesittan arra waan ta’eef akkuma obbolawwan keessanitti mootummaa ilmaan saba keessanii midhaa jiru jalaa baatanii dhaaba keessan ABOti akka makamtan isinitti dhaamna.
- Daangaa Keniyaatti mootummaan Wayyaaneeti fi Keeniyaa gamtaan qabsoo Oromoo gufachiisuuf tarkaanfii fudhachaa jiran irraa hedduu gaddinee jirra, qabsoo keessatti rakkoolee dhalatan qabsoon irra aanuu malee filmaanni biroo waan hin jirreef haala kana sirreesuuf tarkaanfii dhaabni keenya fudhatu hundaaf gahee keenya gumaachuuf qophiidha
Gadaan Gadaa Bilisummati
IUOf
Koree Kutaa Kaanaadaa
|