Waxabajjii 23, 2006 (USA) - Nuti Ummatin Oromoo konyaa Oregon guyyaa ardhaa Waxabajjii 18, bara 2006 magaalaa Portland tti wal geennee, Haala QBO irra jirtu, siyaasaa naanno gaaf Afrikaa, FDG ABOn hogganamu biyya keessatti finiinaa jiruu fi haxxiyyumman ABO kaayyoo ilmaan oromoo wareegama guddaa itti kanfaltee fi ardhallee itti jirtuu bakkaan gayuuf qabsoo roga sadiin(Siyasaa, Diplomaasii fi lola) adeemsiisaa jiru, haala kana irraan kan madde Tumsa Bilisummaa fi Democracy(TBD) ABOn dhaabee hoogganee ofaaruu, ummatin Oromo fi miseensin ABO Konyaa keenyaa baldhinaan erga irrati mari’anneen bood a ibsa ejjanoo arma gadii baafneerra.
1.ABOn QBO Shaffisiisuuf tarii siyaasa fi haala walxaxaa impayeera itophiyaa keessa jiru hubannoon tarsiimoo fi tooftaa ABOn baafatee irratti hojjacha jiru kan dinqisiifannu yoo ta’u, itti ba’iinsi isaa akka milkiin fiixa bayu guututti deeggarra, biras dhaabanna.
2. TBD umaame haala addunyaan keessa jirtu kan hubatamee fi haxxiyyummaa, bilchinna ,fi jabinna siyasaa ilmaan oromoo kan calanqisisu ta’u isaa hubannee akeekn tumsa kana akka fiixa bayu waan nurra eeggamuun hundaan bira dhaabanna.
3.Erga TBD umamee jalaqabee Woyyanneen kan hirriba dhabde yoo taatuu, akeekn TBD akka fiixa hin baane sharrii isiin xaxxu itti damaqnee bakka jirutti akka afoo dhaabannu ilmaan oromoti dhaamsa dabarfanna.
4.Ilmaan Oromoo kan akeekni TBD hin galleef hubbanna barbaachisu hundaa fi marii’achuuf bakka jirtanitti qondaloota naannoo wajjin marii fi shakkii qabdaan kalatti dhiyataa akka mari’atani isiin gafatna
5. Gariin Dhaabootin Oromoo fi namootin (gareen xinnoon) tarsimoo fi tooftaa ABOn baasee itti dalagaa jiru irratti faallaa akeeka ABO, warri olola fi ummata oromoo afaan faanjessuuf skiriinaa computeera duubaa taa’aa ibsa oloolaa ABO irratti ooftan akka dhabdaan isin gaafaachaa, ijjannoon ololaa gartuu dhaabaa garii fi ilaalcha dhuunfaa ta’e amma ABO irratti ofaamaruu, kan ilaalcha ummata oromoo hin ammannee garee xi qqa ta’u isaa umatin keenyaa qubaa qaba. Kanaafuu olola tasa xiyyeffanna isaan ABO irratti goodhan hundaa afoo dhaabanna, gocha isaanis ummatatti ni saaxilla. Gocha kana irra of qusatanii tumsa kana kan ABOn hogganamu bira dhabatanii akka milkiin xumuramu waamicha goonaaf.
6.Ummata keenya hogganummaa ABO tin FDG halkanii guyyaa falma finiinsa jiru yeroo kam caalaa kan dinqisifannu yoo ta’u, jannummaan ilmaan oromoo diina afoo dhaabattee falma kallattiin geggessaa jiruu nu ilmaan oromoo biyya amba jirru kan boonseef kan abdii guddaa uume ta’u ni mirkaneessina. Kanaafuu nuti ilmaan oromoo konyaa Oregon deeggarsa fi bira dhaabanna FDG godhamuuf waan hundaanu akka bira dhaabannu ammallee waadaa galla.
7. Haala QBO keessa jirtuu fi gidiraa ummata keenya irra gayaa jiruu ilmaan Oromoo hubannee kallacha QBO kan ta’e ABO bira, qabeenyaan, beekumsaan fi lubbun, humna keenya hundaanuu akka bira dhaabaannu ilmaan Oromoo hundaafuu waamicha goona. Bilisummaan wareegama malee tasa akka hin dhufne ilmaan Oromoo gadi fageenyaan akka hubattanis dhaamanna.
Gadaan Gadaa Bilisummaati !
Portland Oregon irraa
Waxabajjii 18, bara 2006.