Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Hiriira nagaa Oslo

Bitotessa 25, 2005 (Oslo) - Fincila diddaa gabrummaa gootota ilmaan Oromootiin biyya keessatti gaggeeffamaa jiruuf deegarsa agarsiisuu fi hammenya wayyaaneen ummata Oromoo irratti raawwataa jirtu hawaasa addunyaatti beeksisuuf Hiriirri oowwan guyyaa 25.03.2006 biyya Norway, magaalaa Oslootti gaggeeffamee jiru. Hiriira kana irratti kan argaman hedduun isaanii naannoo addaa adaa Norway  fi Denmark yommuu tahu, sa,aa sadiif dhaadannoo garaa garaa dhageessisuun iyyanna qophaawee Ministera Dantaa Alaa fi Parlamaa Norway, koree dhimma Hajaa alatti kennachuu dhaan xumuramee jira.

Kana malees gargalchi xalayaa iyyannoo kun Muummicha Ministera biyyatti kan ergame yommuu tahu, torbaan itti aanu keessa gochaa shororkeessaa humni Wayyaanee ummata keenya irratti raawwachaa jiru, kallattii dhaan Paarlamaa Norway koree dantaa alaatti dhiheessuuf qoophii irra jirama.

     
   


Xumara hiriiraa irratti Hawaasni Oromoo naannoo Scandinavia jiraatu, fincilli diddaaa
gabrummaa akka dagaagu fi sochii ummata keenyaa kun akka mararfannoo addunyaa argatu, akkasuma gochaan fashistummaa wayyaaneen ummata keenya irratti raawwatu akka dhaabbatu, gara hawaasa addunyaatiin dhiibbaan akka godhamu gahee dirqama seenaa Oromummaa bahuuf waadaa seenanii jiru.

Hiriira kana kan qopheessan koree ABO koonyaa Oslo fi Ijaarsa Hawaasa Oromoo magaalaa Osloo yommuu tahu, hanga gaaffiin saba keenyaa deebii qajeelaa argatutti sochii ummata keenya bira waan barbaachise hundaan bira dhaabbachuu fi hammenyi diinni ummata keenya irratti baasu saxiluuf sochii addaan hin cinne akka godhamu waadaa galan.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Gadaan gadaa Bilisumaati!

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net