Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Adoolessa 16-Guyyaa Fiinifnnee

(Finfinneen handhuura Oromiyaati! Abbaan Biyyummaa fi Mirgi Oromoon Finfinnee irratti Qabu seeraan  guutuutti haa mirkanaahu!)

Ummatni Oromoo guyyaa gabrummaa jalatti kufe irraa kaasee bilisummaa isaa deebifachuu wareegama baasaa as gahe. Ammas wareegama qaqqaalii baasaa jira. Boris, ifitaanis haga bilisummaan mirkanaawuutti wareegama baasuun hin dhaabbatu. Warra mirga abbaa biyyummaa Oromoof jecha osoo qabsoo godhanii  wareegaman  seenaan bara baraan isaan yaadata.

Bara 2000 keessa manni marii Oromiyaa dha ofiin jedhu murtii dabaa Wayyaaneen itti kennite qabatee Finfinnee irratti murtii Oromoo fifinnee keessaa baasuu dabarsan. Oromoon marti bakka jirutti mormii isaa itti fufe. Falmaan Hoogganooti, miseensoti fi maanguddooti Waldaa Maccaa fi Tuulamaa godhan salphaa hin turre. Sana duubas hiriira  waaman irratti goototni barattoota Oromoo hirmaatanii, warra hiriira bahaniif deebiin mootummaan Wayyaaneee kennee reebichaa fi salphisuun hamlee cabsuuf yaaluu ture. 

Dhimma kana waliin wal qabatee barattooti Oromoo hedduu barnoota irraa arihamaniru, maanguddoon keenyi biyya isaani irraatti kabajaa dhabanii ulee reebamuu fi kophee polisiin dhiitamuun salphifamaniiru. Oromoon hedduu lubbuu isaa qaaliis itti wareeganii jiru. Gootonni sabbontonni Oromoo hoogganoota waldaa Maccaa fi Tuulama dabalatee barattooti Oromoo yuniversity Finfinnee haga hardhaa illee mana hidhaa keessatti gidiraa argaa jiru. Alamayyoo Garbaa fi Gaaddisaa Hirphasaas dhimma kana waliin wal qabatee mana hidhaa keessatti wareegaman akka fakkeenyaatti kaasuun dandahama.

Filmaata Caamsaa 15, 2005 booda ammoo Wayyaannonni oggaa sardaman murtii duraan waa’ee Finfinnee irratti dabarsan waan ummatni irraanfate itti fakkaatee Finfinneen kan Oromooti jechuu jalqaban. Waajjirri Caffee Oromiyaa Finfinnee dha jechuu jalqaban. Kun hundi ittiin ummata sobuuf akka tahe ifaa jira. 

Murtii Wayyaaneen waa’ee irratti murteesseen Oromoon biyya isaa irratti mirga abbaa biyyummaa dhabee alagaan dhufee akka barbaade kan itti murteessu, asii deeme, bakka sana dhaqi kan jedhu tahe. Kun ummata Oromoottif tuffii guddaa, qaanii dha. Kanaaf jecha murtii Finfinnee irratti Wayyaanee dabarse mormuu dhaan waggaa waggaan Adoleessa 16 Guyyaa Finfinnee jedhamee akka yaadatamu murtaa’e. Adoleessi 16, bara 2006 as dhihaataa waan jiruuf amma irraa guyyaa kana yaadachuuf of qopheesuun barbaachisaa dha.

Akeeka Guyyaa Finfinnee

Oromiyaa irratti yoo ummata Oromoo tahe  malee gara biraan itti ajajuuf mirga akka hin qabne agarsiisuuf;

  • Fifinneen handhuura Oromiyaa ta`uu wal hubachiisuun dantaa Oromoon irraa argachuu qabuuf bifa kamiinu eenyu illee dhorkachuu akka hin qabne mirkaneessuuf,
  • Wareegama dhimma Finfinnee fi Abbaa biyyummaa Oromoo kabachiisuuf godhame keessatti bahe wal yaadachisuun wareegmaa kana firii itti gochuuf wal ijaaruu irratti wal jabeessuuf.
  • Gootota Oromoo dhimma Finfinnee fi dhimma Oromoo irratti lubbuu isaanii dabarsanii kennan, qaamaa itti hir’atan, qalbii itti caban yaadachuuf, hidhamtoota Oromoo dhimma kanaa fi gaaffii abbaa biyyummaa Oromoof jedhanii gidiraa argaa jiran yaadachuuf.
  • Finfinnee qaamnishii marti maqaa Oromoo qabaatuu, sanaanis yaamuuf walhubachiisuu, sunis seeraan akka ragga'u falmatuu, dantaa Oromoon irraa qabus akka mirkanaahuufii falmatuuf.

Raawwii Isaa

Guyyaa kana Oromoon bakka jiruu hundaa daqiiqaa tokkoof gootowwan mirga abba biyyuummaa Oromootiif qabsoo irratti wareegaman yaadatu. Fi Gootota Oromoo mana hidhaa dhimma kana waliin walqabatee hidhaa jiran yaadachuu.

  • Hojjatooti mootummaa guyyaa kana sa’aatii beekameef hojii diduu dhaan diddaa isaanii agarsiisu;
  • Guyyaa kana Oromoo kan tahe hundi karaa isaaf mijjateen mootummaa Wayyaanee irratti diddaa agarsiisa, wal gahii guyyaa kana waamamtu dhaquu diduu;
  • Dhimma Finfinnee fi dhimma abbaa biyyummaa Oromoo wal barsiisu.
  • Haala ittiin Oromoon biyya isaa dhuunfachuu dandahu irratti marihachuu, yaada walii kennuu, wal gurmeessuu, wal gootomsuu, wal jabeessu irratti wal gorfachuu fi wal bilcheessuu.
  • Guyyaa Adoolessa 16 bara 2006 guyyaa guutuu Oromoon bakka jirutti dhimma kana irratti wal marihachaa fi wal yaadachiisaa akkaataa of jabeessuu irratti marihachuun ejjennoo isaa ummata Oromoof karaa SBO fi VOA dabarfachuu.
  • Jiraattooti magaalaa fi baadiyyaa dhimma kana dursanii wal hubachiisuun namuu qalbiin guyyaa sana dhimma Finfinnee yaadachaa oolu irratti hojjechuu.
  • Faaruu Finfinnee faarfachuu da´immanii fi shamarran faaruu kana barsiifachun fi akka faarfatan gochuu.
  • Garboomfataan maqaa lafa Oromoo akka ofii fedhetti eenyummaa Oromoo irraa haqee kan moggaaseen lafa keenya akka waamuu hin feene ifatti mormatuu, sabqunnamtii/media argateen waliif dhaamuu.

  Seenaa Finfinnee keessaa waan muraasa Oromoon wal barsiisu qabu.

Mootummooti Habashaa Finfiinnee kan Oromoo akka hin fakkaanneef maqaa isaa jijjiiruu irraa eegalanii hojjatan. Lafooti har’a Finfinnee keessaa maqaa adda addaan waamaman hundi duritti maqaa Oromoo qabu. Isaan keessaa hangi tokko kan akka Qabbannaa, Boolee, Gullallee, Gafarsaa fi kkf  baduu didani hafan malee irraa guddaan isaanii har’a wallaalamanii jiru. Isaan kana wal yaadachiisuun barbaachisaa dha. 

Ilmaan Oromoo Finfinnee Bulchaa Tranii fi Bakka Isaan Bulchaa Turan

  • Caffeen Tuulamaa kan bulaa turte gooticha Oromoo Tufaa Munaan ta`uu,
  • Birbirsa fi Manni Gullallee kan bulchaa ture Qajeelaa Dooyyo
  • Teechoo kan bulchaa ture Guddataa Araddoo
  • Boolee Kan bulchaa ture Shubu Ejersaa
  • Boolee Bulbulaa kan bulchaa ture Soraa Lomee
  • Kolfee kan bulchaa ture Axale Jatanii
  • Dalattii /Qaraniyoo kan bulchaa ture Jamo Dabalee
  • Jarsaye kan bulchaa ture Galatee Ashate
  • Yakkaa kan bulchaa ture Abeebee Tufa

Karrewwan shanan Finfinnee

  • Karra Qirxi –Karra gara kaaba geessu
  • Karra Qoree – Karaa Jimmatti geessu
  • Karra Allo - Karaa Walloo/Daseetti nama geessu
  • Karra Qaallu /Qaallitti- Karaa Bishooftuutti nama geessu
  • Karra Gafarsaa - Gara Amboo fi dhiyaatti nu geessu

Bulchiinsi duraanii keessatti akkaataa onoonni(aanaa) wal qoodan akka armaan gadiiti.

a.      Ona Caffee Tumaa

  • Finfinnee – Hora saawwan(sa´a) Gullallee fi Galaan arraabaa turan amma bakka ´´Filwuha´´ jedhamu sana. Har’a bakka mana masaraa mootummaa isa lammaffaa fi awwaaree dabalata.
  • Hurufa Boombii -( Jaanmedaa) Dur bakka Oromoon loon itti yaafatu ture. Har’a Embasii Egypt, Hospitaala Minilik, bakka qubtuma waraanaa isaanii godhatan dha.
  • Dirree Caffee Araaraa - Bakka amma Yuniversity kilo jaha/sidist kilo/, Hospitaala Yakkaatiti 12 jedhamu dabalatee fi naannoo isaa jiru dha.
  • Dhummuggaa – Bakka amma Ginfillee jedhamu irra ture.
  • Keelloo Masqalaa - Bakka amma kilo yuniversity kiiloo Afur  jiruu, parlaamaa, Bataskaana qiddist Maramii, fi qiddist Sillasee, bakka amma baasha waldeechilot jedhamu, fi bakka amma xiyyit beet jedhamu.
  • Tulluu Heexoo Diimtuu – Bakka amma masaraan mootummoota habashaa jiru, taboti gabrelii jiruu, buufata polisaa 6ffaa fi bakka baahitaa jidhamu.
  • Dhaka Araara – Bakka amma ´´fit berr´´, bakka police garaaji jedhamu, bakka amma hooteelli sharaatan jiru, bakka ´´etege mask´´ jedhamu, fi bakka amma hoteelli hilton jiru.
  • Qarsaa - Kun ammoo bakka amma kazanchis jedhamu irraa kaasee haga xizzit bet jedhamutti ammata
  • Awwaaroo - Bakkuma amma awwaaroo jedhamu dha.
  • Hulluuqo kormaa - Bakka amma bataskaanni esxifanos jedhamu jiru, bakka amma ´´masqal addababay´´ jedhamu, fi bakka amma raas birru safar jedhamu ammata.  
  • Dolloo Biddeena – Bakka amma baqlo beet,gotaraa fi walloo safar jedhamu
  • Dabaso – Bakka amma lagahar mashulakiyaa jedhamu.
  • Haada Amma – Bakka amma teelee Garaje, bataskaana carqos jedhamu jiru kana turan.

b.      Ona Birbirsa Yaa´i goroo

Waddeessa – Bakka amma piyassaa, charchil godanaa, fi araadaa giyorgis jedhamu kana Maarama Birbirsa – Bakka amma bataskaanni gorgis jiru

c.       Ona Qarsaa

  • Hurufa Raaree – Bakka amma buufati konkolaataa dhaabbatu, bakka amma raas ganamee safar jedhamu fi addisuu mikaêl dabalatu dha.
  • Sokorru – Bakka amma hospitaala Amanu´el jiru, bakka amma dhaabbii midhanii(ehil baranda), masalamizaa, fi kuas meedaa jedhamu ammata.
  • Sulula garbii – Bakka amma taklahymanot fi cid tara jedhamee beekamu ture,
  • Garbi – Bakka amma sangaa tara fi ambaxxa makkalakayaa jiru sana dha,
  • Qarsaa – Bakka amma markaatoo jedhamu, amerikaan gibbii, fi masgiida Anuwaar isa gudda fi naannoo isaa dabalata.
  • Baro Kormaa – Bakka amma gollaa mika´el, ras tasamma safar, hospitaala xiqur ambassaa, fi bakka waajirrii dhimma daangaa cehuu (imegrashin) jedhamu ammata.
  • Dache Golbaa – Bakka amma addis katamaa jedhamu kana

d.      Ona Gullallee ykn mana Gullallee

  • Adaamii - Bakka amma bataskaanni rufaa´el jedhamu jiru, sameen mazagajaa, fi sameen total jedhamn fi naannoo ishee ammata
  • Didiimtu – Bakka amma shogolee jedhamee beekamu ammata.
  • Qaallee – Bakka amma askoo jedhamu
  • Fiichee – Bakka amma dahannoo xaliyaani ykn xaliyaan mishig jedhamu.
  • Kattaa – ammas kattaa jedhaama
  • Burayyuu – Bakka amma burrayyuu, fi gafarsaa jiru dha,
  • Harbuu Irreechaa – Bakka amma raas hayiluu safar jedhamu

e.       Ona Abbichu

  • Burqaa Ejeree – Bakka amma enxooxxoo kidana mihrat jedhamu, fi bakka amma Imbasiin Faransaay irra qubatee fi naannoo isaa.
  • Baddaa Ejersaa – Bakka amma Iyyasuus ras Kaasaa safar jedhamu
  • Huruma – Bakka amma Imbaasiin Faransaz, Xaliyaani fi bataskaanni Aabboo jedhamu jiru ammata

f.        Ona Xiixaa (enxooxxoo)

  • Haxxee laalii – Bakka amma shiroo meedaa fi enxooxxoo maramiin jiran fi naannoo isaa ammata
  • Muujjaa – Bakka amma shiroo meedaa jiru keessatu itti waamama.
  • Waayyuu – Bakka amma qacanee madanalam jedhamu ture
  • Karaa Qorxii – Bakka amma ´´Balay Zallaqaa mangad´´ jedhamuu fi samen bar jedhamu ammata.                       

g.      Ona Ekkaa.

  • Burqaa Qorichaa – Bakka amma yakkaa mika´el xabal, laga qabbana, fi laga daadhii jiran dabalata
  • Karaa alloo riqicha – Bakka amma Imbasiin engiliz, Imbasiin Jarmany, fi Imbasiin Raashaa jiran dabalata.
  • Harbuu – Bakka amma ´´gurd shoolaa´´ jedhamu dha
  • Kotabee – Ammas kotabee jedhama
  • Doqaa Booraa – Bakka amma ´´haya hulat mazoriyaa´´ jedhamu dabalata

h.      Ona Boolee

  • Garjii – Ammas garjii dhumaan beekama
  • Bulbulaa – Ammas Bulbulaa dhan beekama
  • Warra ganuu – Ammas warra ganuun beekama

i.        Ona Teechoo

  • Golboo – Bakka amma Marqos, warshaa qadaaddi (qorkii), qaallitti, qeeraa, gofaa jedhaman ammata.
  • Lumee – Bakka amma bataskaana yooseef jiru kana dabalata
  • Laaftoo Tumtuu – Bakka amma ´´bunnaa bord´´ jedhamu ammata
  • Jaajaa – Bakka amma ´´biheere tsigee´´ jedhamu ammata
  • Tulluu ejersaa – Bakka amma hannaa mariyaam jedhamu ammata
  • Tulluu dheertuu – Bakka amma gofaa beetamangist jedhamu ammata
  • Baaboo – Bakka amma addisuu qeeraa jedhamu dabalata
  • Sammuu Gullallee – Bakka amma ´´meettaa darichaa´´ jedhamu ammata

j.        Ona Caffee Annanii

  • Caffee muudaa – Bakka amma manni murtii ol aanaa jiru (lidataa) ammata
  • Harbuu – Bakka amma meksikoo, mana barnoota tagbaara id jiru, mana adabaa Finfinnee, bakka saar bet jedhamu, bakka geejjaa safar jedhamu, mana barnootaa dajjaa baalchaa, bakka oomisha dhugaatii wayin xajji, bakka oomisha kokaa kollaa dabalata,
  • Harawaa – Bakka amma oomishini haadaa jiru ( qaacaa fabrika) jedhamu dabalata.

k.      Ona Jaarsayu

  • Calcali – Cakka amma sar bet jedhamu dabalata
  • Mardee – Bakka amma ´´arogee awropilan marefiya´´, ´´midir xor´´, ganda tolasaa, fi rabbii jedhaman ammata
  • Bakkanniisa – Bakka amma makkaanisaa jedhamee waamamu dha.

l.        Ona Kolfee

  • Daalattii – Bakka amma qaraniyoo jedhamee waamamu,
  • Labu – Bakka amma ´´siga meeda´´, ´´taxaq xor safar´´ jedhamu ammata
  • Xaro – Bakka amma ´´axanaa taraa´´ fi ´´faxino darash´´ jedhamu ammata.

Nam-tokkeenis tahe gartuun walitti dhufanii guyyaa kana faaruu Finfinnee faarsu dabarsuu gaafanna.

Faaruu(sirba) Finfinnee

Finfinnee! Finfinnee!
Handhuura Oromiyaa
Biyya abbaa kiyyaa
Si utubaan biyyaa

Finfinneen keenyumma kan Oromooti
Halagaan nu olitti mirga hin qabdu itti
Biyyi keenyi keenya eenyuuf gad lakkisna
Irratti wareegamne seenaa galmeeffanna.

Nu Oromoo olitti abban biyyaa hin jiru
Biyya abbaa gadaa kanbeekne haa baru.
Haawwannisaa fi yeeyyi sirratti qubsiisani
Maqaa kee haqanii ababaa jedhani

Oromoo dhiibanii,
Moggatti baasani
Abbooma mulqanii
Jiruunis dhaalani

Nu Oromoo olitti abban biraa hin jiru
Biyya abbaa gadaa kanbeekne haa baru.

Guddaafaa fi gufuun sirraa haxaawamtee
Qilleensa walaba kan duree goonfatte
Sirna abbaa gadaa keetiin of bulchitee
Ni waarta Finfinnee yoomiyyuu jiraatte,

Nu Oromoo olitti abbaan biyyaa hin jiru,
Biyya abbaa gadaa kanbarin haa baru.

Finfinneen keenyuma kan Oromooti
Halagaan nu wajjiin miga hin qabu itti

Biyyi teenya keenya eenyuuf gad lakkisana
Irratti wareegamne seenaa galmeeffanna

Nu Oromoo olitti abbaanbiraa hin jiru,
Biyya abbaa gadaa kanbeekne haa baru.
Biyyi abbaa gadaa Finfinnee dha duru!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

Injifannoon Ummata Oromoof!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net