Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Generaal Kamaal Galchuun Humna waraana wayyaanee waliin ABO ti galan.

Hagayya 9, 2006 (ABO) - Humni waraana sirna Wayyaanee lakkoofsaan guddaa
ta’e Generaal Kamaal Galchuun durfamu ABO tti makamuu ABOn beeksiise

Waraana qubattuu murna bicuu Wayyaanee keessaa humni wayyaan daangaa cabsuun Eritrea keessaan dhaaba ABO tti makamuu isaanii WHD-ABO beeksiisee jira.

Ibsi odeeffaannoo WHD –ABO irraa hagayya 8-2006 bahe akka addeessetti humni waranaa mootummaa Itoophiyaa General Kamaal Galchuun durfamu fi Koloneel Abbabaan keessatti argamu qabeeenyaa lolaa gaafatamummaa isaanii jala ture guutuu waliin QBO ttii dabalamani jiru.

Brig. General Kamaal Galchu

Yeroo ammaa sochiin fakkaataan sirna qubattuu Wayyaanee hudhee jiraatuu kan ibse WHD-ABO odeessa bal’aa fi dabalataa dhihootti kan kennu ta’uu mirkaneesse jira. Ilmaan Oromoo waraana sirna Wayyaanee keessa jiranii fi dhalattooti saboota cunqurfamoo, hoomaa waraana Itoophiyaa keessaatti argaman hundi fakkii yeroon gaafattu kana hordofuun gara QBO fi ummatootaatti akka makaman ABOn waamicha isaa ammas haaromseera.

Gama biraan sirna Wayyaanee mormii murna waraanaa irraa isa mudataa jiruun rifatee, tarkaanfii hammeenyaa adda addaa ilmaan sabaa fi sab-lammootaa garaa garaa irratti fudhataa akka jiruu fi yeroo gabaabaa keessattiis akkuma amala isaa humna waraanaa kana, keessattuu miseensoota saba Oromoo fi cunqurfamoo biroo “gimgamaa” jedhee kan rakkisuuf jiraatu tahuu oduun naannoo waranaa irraa argame irraa mirkaneeffame jirra.

Injifannoo Ummatao Oromoof!
Gadaan gadaa bilisummaa ti!!


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net