Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Hagayya 18, 2006 (Oromiyaa) - maadhonni wirtuu lakk.11130 jalatti gurmaawan Gadaa barii, Caayaa odaa biyyaa, gadaa sabaa mancituu lakk.2,  madda dhugaa,  ebla 15,   dhiheenya kana walitti dhufanii haala yaroo ammaa qabsoon teenya irra jirtu marihatanii ibsa ejjannoo baafatanii wagahii isaanii xumuratan. waltahiinsa dhaabota siyaasaa waliin dhaabni keenya ABOn godhe ni geegarra, fiinxa bahiinsa isaatiif  ni qabsoofna,  murannoo jaala keenya jeneraal kamaal ni dinqisiifanna, 

murtii warri nuti islaama oormooti jattee tv toophiyaa irraa dhimma soomaalii keessa seenanii feedhii wayyaanee guutuuf dhiiga ilmaan cunqurfamoo somaalii keessatti gad naquuf iyyan warri akka Haaji Awwal,   Sheek Aadam fi Sheek Aliyyi faa ni balaaleeffanna,

 bitamtoota wayyaanee ti nu bakka hin bu'an. rakkoo somaali  somaalumaatu furata janna. fii kan kana fakkaatu dabarfatan.

Baha Harargee ona jaarsoo keesssa farrummaa irratti bobbahee kan jiru fiqaaduu abbabaa D.A      keesssa kan dalaguu hujii farrummaa tan itti jiru irraa yoo hin dhaabbanne tarkaanfii irratti fudhatam kan itti gaafatamu matuma isaa tahuu asumaan hubachiifna jechuun sabboontonni naanichaa hubachiisan.

Injifannoo ummata oromoof!!

*******

*********

Ibsa Ejjennoo Maadhee Galata Qabsoo

Nuti miseensonni maadhee Galata Qabsoo wal-gahii Adoolessa 31,2006 magaala Adaamaatti deemsifneen, sochii ABOn tumsa bilisummaa fi diimookraasii ijaaruuf taasise, miidhaa yeroo ammaa Uummata keenya irra gahaa jiru, haala sochii maadhee keenyaa fi kkf irratti marii bal`aa erga taasifnee booda, ibsa ejjennoo kanaa gadi baafannee jirra.

1.            Tumsa bilisummaa fi diimookraasii ABOn dhaabbilee biro wajjin taasise ni deeggarra.

2.            Hidhaa fi ajjeechaa mootummaan wayyaanee Uummata Oromoo irra geessisaa jirtu cimsinee ni mormina.

3.            Lukkeewan Wayyaanee barsiiotaa fi barattoota maallaqaan sossobuuf yaaliin gochaa jirtu, gochaa hacuuccaa Uumata keenya irra tursiisuuf yaadame waan taheef cimsinee ni mormina.

4.            Erga wayyaaneen taayitaa qabattee as, ajjeechaa fi miidhaan qaama hundaan Uummata keenya irra gahaa jiru daangaa kan qabu miti. Keessumaayyuu amma barattoota yuunvewrsitii irraa eebbifaman raga dhowachaa jiru. Waan kana ta`eef, gochaa kana cimsinee balaaleffachaa, barattoota Yuunversitii maqalee irra eebbifamaniif ragaan barumsaa isaanii akka kennamuuf cimsinee gaafanna.

5.            Qabsoo Uummata Oromootiif ABO cinaa hiriirree wareegama barbaachisu kafaluuf waadaa keenya ni haaromsina.

**********

Barattoota Wayyaaneen Kaadhimete Bobbaafte Irraa Barattooti Oromoo akka Of Eegan Sabboontonni Oromoo dhaamu.

Wayyaanee OPDO yeroo darbe barattootni Oromoo yuniversity adda addaa irraa gara Alaagee fi Adaamaa deemanii dhimma misoomaa fi rakkina Oromiyaa keessa jiru waliin furra jedhanii OPDOtiin garas deemuun isaanii ni yaadatama. Haaluma kanaan barattoota godinaan, fi yunivarsiitiitiin qoqqooduun teessisuun isaanii beekameera. Kanneen Alaageetti hirmaatan keessaa kan yunversity Gondar turan Godina Shawaa afran irra dhufan 82 keessaa kan miseensummaa guutuun muraasi nu qaqabee jira. Ammatti barattooti miseensummaa guuttan akka hojii farrummaa dhiistanii, keessaan hojii lammii keessanii hojjettan dhaammataa,  Kanneen armaan gadiiti namoonni kun dirqama fudhatanii barattoota basaasuuf akka deebi’anis hubatameera. yoo hojii farrummaa keessanii itti fuftan rakkoo isin mudatuuf itti gaafatamaan isaanuma ta´uu hubachiifna.

*********

Dhaamsa Gammachuu


Jirattonni zoonii jimmaa :- Ona Qarsaa, Oomoo Naaddaa, Sokorruu, Xiroo Afataa, Deedoo, Maannaa, Aggaaroo, Shabee Somboo & Saqqaa Coqorsaa tarkaanfii General
Kamaal Galchuu & hiriyoonni isaa waliin fudhattan kana baga itti milkooftan; nutis gammanneerra. Ummanni Oromoo martuu baga gammaddan jechuun gammachuu isaanii karaa bilbilaa fi xalayaan ibsataniiru.


Akka kanaan tarkaanfii General Kamaal Galchuu fi hiriyoonni isaa fudhatan kun seenaa qabsoo Oromoo keessatti haaraadha jedhanii waan qabnuun giidoon,
qabeenyaan; beekumsaan isin duuka jirra jechuunis waadaa seenanii jiru. Tarkaanfiin kun kan calqabaati malee kan xumuraa akka hin taane hubanneerras jedhaniiru. Gara biraanis Loltuun dhiiga Oromoo taatanii waraana wayyaanee waliin hiriirtanii jirtanu
tarkaanfii Obboleessi keessan fudhatan kana daftanii faana bu’uun akka qabsoo saba Oromoo A B Otiin durfamutti dabalamtanu jechuun waamicha lammummaa &
DHIIGUMMAA dhiyeessaniifii jirani. Dhumarratti tarkaanfii General Kamaal Galchuu fudhate kana guddaa dinqisiifanneerra; akkasumas General Kamaal Galchuu
galata seenaa & qabsoo Sabasaanii qabu je’anii jiru.

 


Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net