Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Hagayya 8, 2006 (Oromiyaa) - Wal’gahiin   Barattoota  yuneversitii  wayaaneen godhamaa jirtu irratti  barattoonni gaaffii gurguddoodhaan dura dhaabbachaa jiraachuun baramee jira.

Walgahiin kun kan gaggeeffamaa jiru A fi  B  jedhanii bakka lamatti  qoodaniiti.

Qubee A Jalatti

               Barattoota yuneversitii   Haramaayaa

               Brattoota yuneversitii   Maqalee

               Barattoota yuneversitii   Arbaamincii

                Barattoota yuneversitii   Awaasaa   yoo ta’an    

Qubee B jallatti  immoo

                Barattoota yuneversitii      Adaamaa

                Barattoota yuneversitii     Bahardaar

                Barattoota yunevesirtii        Goondar

Akkaataan deemsa wal’gahichaa  sa’aa 2:30  hanga sa’aa 6 tti leenjii OPDOtiin kennamuudha . sa’aa booda marii barattootaati.  Wal’gahicharrattis gaaffiii gurguddoon ka’aniiru

1/ Abbaan Duulaa Oromoos ta’ee ta’uus baate erga ummanni hin filannee akka moottummaatti bulchuu hin danda’u .

2/oromiyaan moottummaa mataa ishee qabdi jettu yoo akkas ta’ee maaliif waraanni feediraalaa keessa galee hidha? Ajjeesa ? saama? Darara?

3/ miseensa OPDO ta’aa jettu, miseensummaa dura oromummaan hin dursuu?

4/ isin erga ummata oromoof dhaabbatan maaf  waldaan maccaaf tuulamaa cufsiiftan?

Sababa kanaaniis hooggantoota isaa maaf hiitan? yoo kana hojjettan isin Oromoo balleessaa moo ijaaraa jirtu ?

5/ karoorri fii kaayyoon OPDOn barreeffamee jiru  hojiirra hin oolle kana jijjiiruu dandeessuu?

 6/ gaaffiin saba oromoo jalqabaa hanga dhumaatti gaaffii bu'uraa kan ta’e mirga hiree ofii ofiin murteeffachuuti, gaaffii bara dheeraaf gaafatamaa tureedha, isa kana deebisuu dandeessuu?

6/ seeraa fii heera barreeffame irratti Aadaafii Seenaan saba kamiyyuu kabajamaadha jedha, garuu kun osoo jiruu warri baahiruu zawudee tigirichi getaachoo jedhaman kitaaba aadaa fii seenaa saba tokkoo xureessu barreessanii jiru, egaa  oromoof  yoo dhaabbattan ta’e kanarratti maal jettan?

7/ mirgi dimokiraasii mirga dhala namaaf dhaabbate jettu kun immoo waraqaarratti  barreeffamuun ala hojiitti hin jijjiirramnne ykn hojiirra hin oolle ooleera yoo jettan hidhamtoonni kumaan lakkaawwaman gaaffii tokko malee mana hidhaatti dararamaa jiru? osoo seera jala jiranii rasaasaan maaf reebamanii du’an fii kkf  gaafachuun wal gahii isaanii qaneessaa jiran..

 

Injifannoo ummata oromoof!

Gadaan gadaa bilisummaa ti!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net