Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

 

Fincila diddaa gabrummaa

Hagayya 7, 2006 (Oromiyaa) - Diddaa fi ejjennoo barattoota Oromoo ona Shashamannee! Godina Arsii Onaa Shaashamannee keessatti Walgayiin lukkeewwan diinaa Torbaan kana Barattoota Oromoo mana baruumsa  Sad.2ffaa  shaashamannee keessatti gaggeessa turte bu'aa tokko malee Salphina OPDOtiin xumuramuun dhagahame. Barattoonni Shaashamannee Gaaffiiwwan hedduu kan gaafataa turan yemmuu ta'uu marii isaanii keessatti Gaaffiiwwan adda addaa itti dhiyessuun Lukkeewwan Diinaa Lafa laalchisaa turuun dhagahame.

 

OPDOn Dhaaba Oromoo Walaba Ilmaan Oromootiin Dhaabbatte Osoo hin taane Dhaaba Tigreen Siyaasaa Ufiitii jecha Ummata Oromoo ittiin Ukkamsuu dhaaf ijaarratte waan taateef Ummanni Oromoo hanga hardhaatuu beekkumsa isinii hin kennine jedhanii jiru.

 

Abbaa Duulaa /Minaasee W/Giyoorgis / Oromoo waan hin taaneef Dhimma Oromoo irraa dantaa waan hin qabneef Oromoo Bulchuu hin danda'u.

 

Ummanni Oromoo Buluu kan barbaadu Kallacha Qabsoo Oromoo kan ta'e ABOti. ABOn nu haa bulchu waa'ee ABO  ammo Maqaa Kabajamaa fi Maqaa Ulfaataa Ummanni Oromoo jalatti hiriiree qabsoo isaa Gaggeessaa jiru. Waan ta'eef  ABO jechuun ammo numa waan ta'eef  Maqaa isaa akka nu biratti Xureessitan hin barbaannu. Hardhas borus nuti kan ajajamnu ABOni. Hogganni keenya Ummata Oromoo ABOti jechuudhaan Gootummaadhaan itti himanii jiru.

Walgayii kana irratti Barattoonni Sirboota Warraaqsaa adda addaa Moobayilatti waraabanii seenaa Galma keessatti Walgayii isaanii akka jeeqaa turanis dhagahame. Keessattuu Sirba warraaqsaa Umar Suleeyimaan kan Dimookraasiin yoo dhugaa tahe hundumtuu abba fedhe haa deeggaru ka'ee jedhuun Walgayii Wayyaanee kana jeeqaa turanii jiru. 

Gama biraan guyyaa Walgayii xumuran akkuma amala isaanii akka Barattoonni Unkaa Mioseensummaa Guutan yeroo Gaafatan Galmee isaanii harkaa kukkutuun Didanii Galma gadii dhiisanii Bahanii jiru. Barattoonni kuni kana qofatti osoo hin dhaabin Maallaqa Mootummaan Wayyaanee Barattootaaf guyyaan Kanfalaafii baye Irraa Fuudhuu dhaan akka Qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuuf ABOtiif Galii godhanii jiru.

 

Ega barattoonni kun dhumarrattis Ibsa ijjannoo armaan gadii baafatuun Walgayii isaanii xumuratanii jiru.

  1. Mirgi Hiree murteeffannaa Ummata Oromoo fi Saboota Cunqurfamoo biros Hojii irra haa olu !
  2. Gaaffiin barattootaa, Qotee bulaa, Daldalaa, Hojjatootaa, Hayyootaa Oromoo Haal duree tokko malee Deebii haa argatu.
  3. Haala Siyaasaa biyyattii Tanaa Furuuf Gaaffiin Ummata Oromoo fi Saboota kaanis Yoo walitti dhufanii Mari'atan qofa.
  4. ABO wajjiin Marii goonee Deebii keessan isinii Deebifna Jechuun akka Qabsoo keenya irraa duubatti nu hin deebisne Ni hubachiifna.
  5. OPDOn Gaaffii Ummata Oromoo Deebisuudhaafis ta'ee Gaafatuudhaafis Ga'uumsa hin qabdu.
  6. OPDOn Miseensummaa Fudhaadhaa Hujii argattanii jechuudhaan nu sobuu hin daneettu.
  7. Nuti ABO Hanga Qabsoo fi Kallacha Qabsoo Ummata Oromoo Cinaa Hiriirree Hanga Bilisummaa keenya Galmaan geenyutti Ni falmanna!
  8. Waldeenni Maccaaf Tullamaa Hatantamaan Haabanamu Hoggantoonni Waldichaa Mana hidhaa Wayyaanee keessatti Dararaan guddaan irra gayaa jiru Hatantamaan haa hiikkaman.
  9. Hidhaamtoonni Siyaasaa Oromoo Mana Hidhaa Wayyaanee Keessatti Tumaa fi Ajjeechaan ilmaan Tigraayiin Irratti Raawwatamaa jiru Dhimmi isaanii gara Mana Murtii Oromiyaa Deebi'ee akka Laallamuu fi  Mirgi dhala Namaaf Godhamu hundi akka godhamuuf Cimsinee Gaaffanna!
  10. Nama Gaaffii Mirgaa Gaafattu Hidhuuffi Hiraarsuun, Ajjeesuun Biyyaa Ari'uun Haadhabbatu.
  11. Bilisummaa Ummata Oromoo fi Biyya Oromiyaa Qabsoo fi Dhiiga Ilmaan Isheetiin Mirkana'a Waanta'eef Hanga Wareegama Lubbuutti  Qabsoo irraa Qooda Fudhatuu dhaaf Kutannee kaanee jirra jechuu dhaan Xumuratanii jiru.

**********

Diddaa barattoota Oromoo fi ejjennoo maadheelee.

 

1. Godina shawaa bahaa anaa Fantaallee, Lumee fi Boosat keessatti lukeewwan wayyaanee barattootaa fi barsiisota walitti qabanii goyyomsuuf yaalan illee jalaa fashalawuun isaa beekamee jira. Kunis kan ta’e barattootnii fi barsiistonni gaaffii ciccimaa kaasuudhaan yammuu ta’u, lukkeewwan wayyaanee garuu, gaaffilee ka’an deebisuu hin dandeenye. Gaffilee ka’an keessaa

a.  ABO jechuun nuyi, nuyi jechuun immoo ABO waan ta’eef walgahii kana irratti maqaasaa kaastu taanaan hin hirmaannu.

b.  Uummata Oromoo qarshiidhaan hin goyyomsiinaa.

c.  Waa’ee nafxanyaa dhiisaatii waa’ee wayyaanee Tigiree haasahaa.

d.  Qabsoo Oromootti makamaatii xurii seenaa keessanoii of irraa dhiqaa.

e.  Oromiyaan ni bilisoomtii, wayyaanee fi lukkeewwan ishee ni mancaatii jechuudhaan kan dubbatan yammuu ta’u, leenjii qopheessan irratti falmii guddaan kan isaan mudate ta’uun isaa beekamee jira.

Kana malees aanaa fantaalleetti barattoota wayyaaneen walitti qabde walgahii dhiitanii bahuun isaaniis beekameera.

2. Godina shawaa bahaatti miseensonni madheewwan

  a. Roorroo Baas

  b. Boonsaa qabsoo

  c. Balleechaa Diinaa

  d. Dibaandibaa fi sharraa

  e. Moommoo fi shukii

  f.  Korma Fantaallee jedhaman wal jalatti ijaaraman walgahii adeemsisaniin, Akkasumas miseensonni madhee Boontuu ijaaraman  wal gahii godhachuudhaan;

–             Hanga Oromiyaan bilisoomtutti humnaa fi beekumsaa qabnuun cimsinee ni hojjenna

–             TBD ijaarame ni deeggarra, hojii irras ni oolchina

–             Wayyaaneen barattootaa fi barsiisota goyyomsuuf toftaa baste ni mormina.

–             Waanta qabsoon bilisummaa gaafatu hundaa irratti ni hirmaanna.

–             Fincila diddaa gabrummaa adeemsifamaa jiru ammas haala adda addaatiin itti fufna

–             Dhaabbileen maqaa Oromootiin biyyaa alattis ta’e biyyaa keessatti dhaabbatanii jiran ABO dura dhaabbachuu dhiisanii, diina Oromoo dura akka dhaabbatan ni gaafatna jechuudhaan ibsa ejjennoo isaanii dabarsaniiru.

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net