Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu
Fincila Diddaa Gabrummaa

Adooleessa 24, 2006 (Oromiyaa) - Diinni kittilliyoolee garaaf bitaman biyya keessaa fii biyyoota adda addaatti yeroo ammaa ergaa jiraachuun isaa beekkamaadha, haala kanaan naannoon Jabuutii biyyoota wayyaanoonni Basaasota ykn kittillayoota isaa baayyinaan bifa gara garaatiin baqattoota oromoorratti bobbaasan keessaa tokko.

dhiheenmya kana warra isiin dukkaana banteefii jirtu dhaamuun keenyaas ni yaadatama, amma jarri sun waan saaxilameef warreen biroo bobbaafteeti jirti, isaan kuniis:

1, Sheek Hassan Sheek Mahammad Sa'id ykn Hassan Xaasoo jechuun kan beekkamu Mahammad Ahmaduu kan duraan dabarsineen bobbaafamee baqatoota oromoo keessa deemee ani jara SBOn dabarsite keessa hin jiru, ani dhaabaatu na ergee warra gara Dirree deemu yoo qabaattan maqaa isaanii naa keennaa jechuun hujii basaasummaa tan diinni ergateen baqatoota rakkisaa jira, kanaaf sabboontoonni baqatoota oromoo nannoo jabuutii namni kuni hujii farrummaa kanarraa yoo if dhaabuu baate rakkina isarra gahu akka innummaan  murteeffate hubachiifna jedhan.

2, Abdurahmaan Haaji Habuubaa kan jedhamu kuniis duraan Jabuutii keessa turee gaafa baqattoota biyya jabuutii keessaa baasan nama gara biyyaatti galee ture, inni kuni odoo hin galin dura hujii basaa summaatti bobbahee galmee jaarmayaa Obbo Husseen Waaqoo jalaa fuudhee isaa gara diinaatti dabarsuuf jedhu kadhaa manguddummaa meeqaa kan harkaa fudhame tahuun isaa beekkamaadha, amma namni kuni biyya Jabuutii dhufee baqattoota keessa deemee dhaabaatu na erge jechuun xalayaa sobaa tan wayyaanee tolchiteef Alaabaa ABO irra keesse qabachuun baqattoota basaasaa jira, namni kuni xalayaa tika wayyaanee tan gara garaas akka qabu saaxilameeti jira, kanaaf jaroota akkanaa baqattoonni oromoo biyya Jabuutii akka ufirraa eegan dhaamaa, namoonni kuniis yoo gochaa farrummaa isaanii kanarraa deebi'uu baatan waan isaanirra gahu akka isaan murteeffatan hubachiifna jechuun sabbootoonni baqattoota oromoo dhaaman.

********

Sochii Wayyaaneen godina (Shawaa Bahaa) keessatti gochaa yeroo ammaa raawwachaa jirtu – keessa beektoota irraa:

1. Leenjiin barsiisotaa

Godina Shawaa Bahaa keessatti kan argaman aanota hundaa keessatti leenjii Barsiisotaaf qopha`e irratti, barreeffamni “diimokraasiifi diimookraatawaa tokkummaa Itiyoophiyaa keessatti” jedhu irratti, marii adeemsifamaa jiru irratti hirmattonni marichaa mormii adda-addaa kaasuudhaan dabballootaa Wayyaanee mataa naannessaa jiru.Gaaffiilee ka`an keessaas:-

  • Oromiyan ganna 15(Kudha Shan) guutuu akkamitti nagaa dhabde?
  • Gaaffiin Barattootaa fi Uummata Oromoo maaliif humnaan ukkaamfamuuf yaalama?
  • Naannoon gara biraa yoo misoomu naannoon Oromiyaa maaliif saamamti?
  • ABO ummanni Oromoo ni jaallata akka bulchus ni barbaada. Gaaffii Uummataa kanaaf maaliif furmaatini hin kennamneefi?
  • Uummanni Oromoo maaliif hidhama, Maaliif ajjeefama?
  • OPDOn yoommaa Uummanni inni nan dhabbadheefii jedhu hidhamuu fi Ajjeefamu maal hojjechaa jira? Gaaffiilee jedhanii fi kan biroo gaafachuu dhaan abbaa waltajjii gara dhabsiisaa kan turan tahuun hubatameera.

2. Hojii Basasummaa wayyaaneen hojjettu saaxilame

 

  • Mootummaan Wayyaanee Uummata irraa amantaa dhabdee jirtu, Godina Shawaa Bahaa keessatti Basaastota bobbaaftee jirti. Haaluma kanaan:-
    • Magaalota keessa basaastota lammii Tigree tahan;
    • Baadiyyaa keessa Basaastota Afaan Oromoo dubbatan maallaqaan bittee bobbaasuu dhaan Uummata basaasaa akka jirtu hubatameera.
  • Godina Shawaa Bahaa aanaa Boosati Keessatti Qonnaan bultoonni Lammii Oromoo ajaja Dabballoonni ergamtoonni wayyaanee bobbaasan diduu dhaan fincilaa kan jiran yoo tahu, Torbaan darbe keassa poolisoota nagaa egsisan jedhan Baadiyyaa keessa yoommuu deeman hidhattoonni hin beekkamne Konkolaataa isaanii irratti dhukaasa kan banan tahuun hubatameera.

3. Biyya Somaalee ilaalchisee:-

Haalli amma Somaalee keessa jiru Motummaa Wayyaanee gara malee waan yaaddesseef, (Xiyyara Waraanaatiin rukutuu dhaaf ) qophii gudduu gochaa akka jirtu odeeffamaa (dubbatamaa jira.)

4. Maallaqaan nama bituu:-

Wayyaaneen yeroo ammaa namoota Uummata keessatti fudhatama qabanii fi waltajjii adda-addaa irratti yoo yaada kennan Uummata amansiisuu dandahan ykn Uummanni yaada isaan jedhan fudhachuu dandaha jedhanii amananiif Lafa Magaalaa fi Maallaqa kennufii dhaan mootummaa deeggaranii akka dubbatanii fi Uummata amansiisan gowoomsaa jirti.

5. Loltoonni Huma Qilleensaa wayyaanee du`uu:

Gaafa 19\07\2006 ykn 12\11\98 loltoonni human qilleensaa wayyaanee 4(Afur) lola yeroof eddoon isaa hin beekamne irratti Xiyyaarri keessa turan rukutamtee kan du`an tahuu namoonni sirna awaalaa isaanii argan mirkaneessaniru. Xiyyaara kana keessas jenraalonni 2(Lama) kan keessa turan tahuu ni dubbatama. Loltoota du`an keessaa,

·         Ajajaa Kumaa Girmaa – hojiin isaa Paayileetii,

·         Ajajaa Dhibbaa Tsaggaayee –hojiin isaa gargaaraa Paayileetii

·         Teknisha. Ol1`aanaa G\mikaa`eel – hojiin isaa teknishaana.

Namoonni jedhaman kan keessa jiran tahuun beekameera. Akka shakkii jiruutti yoo tahe gochichi kun kan raawwatame naannoo Ogaadenitti ykn baha Oromiyaatti akka tahe ni dubbatama.

**************

Ibsa Ejjennoo eebbifamtoota barsiisotaa Oromoo

Nuti barsiistonni Oromoo bara 2006 Kollejjii Bariisisota Adaamaa irraa erga eebbifamnee booda leenjii jechuudhaan ergamtootini Wayyaanee ergama isaanii bahaa jiru.Haatahu malee, duradhaabbannaan sabboontota Oromoo haalaan cimaadha. Haala kana irratti hundaahuun, ibsa ejjennoo qabxii Shan (5 ) of keessaa qabu yeroo Ariifachiisaa kana keessatti baafannee jirra.

1.Wareegama ilmaan Oromoo bilisummaa saba isaaniitiif gochaa turan nutis ni goona.

2. Ergamtoonni diinaa (OPDO`n) dirqamaan barsiisota Oromummaa isaaniitiin boonan miseensa godhachuu dhaaf yaalii gootu irraa of- haaqusattu; yaalii ishii kana dura ni dhaabbanna.

3. Barsiistonni ergama diinaa galmaan gahuuf barattoota dhuunfaan kadhachaa jirtan, akka irraa of qusattan ni hubachiifna. Tahuubaannaan, gaafatama senaa jalaa hin baatani.

4. Oromummaan dhiigaa n maleewaraqaan hin taatu; waraqaa OPDO fudhachuun diinummaa Uummata ofii fudhachuudha.

5. Miidhamini nurragahu kan dhufe gabrummaa jala jiraachuu Kenya irraa waan taheef,hanga gabrummaan unu irraa buqqa`utti miidhamuun keenya waan hin hafneef, miidhamuun otoo unu hin laaffisiin diina keenya hundee irraa buqqisuuf ni qabsofna!!

 *****

Wamicha Barattoota Amboo! BARATTOOTA OROMIYAA MARAAF!

(Wal ga´ii wayyaanotaa irratti hirmaachuu dhiisuu ilaalchisee! Wal gahii lukkee hin deemnu!)

  • Lukkeen wayyaanee OPDOn marii kijibaa fi qoqqoodaani Oromoo fi saboota adda addaa bituuf wixxifachaa jiru. Wal gahii kijibaa kanaan furmaanni ni argama jedhanii yaaduun gowwummaa dha. Wal gahii OPDO’n qopheessitee jirtu fashaleessuuf filannoon tokkoffaa walgahii ishee lagachuu dha.
  • Kanaaf Ilmaan Oromoo kan taatee fi gabrummaan sitti hadhaa’ee kan jirtu qoodamtee marii kijibaa kana hirmaachuu hin qabdu. Irraa hirmaachuu didi!
  • Kanneen qarshiin mookfamtanii walgahii warri gumaa waaman irratti hirmaachuuf yaaddan yoo jiraattan qarshiin isin fudhachuuf garaa hirtan kun lafee jaallan JAAGAMAA fi KABBADAA akkasumas barattoota Oromoo Oromiyaa mara keessatti wareegamaan, qonnaan bulaa fi hojjettoota Oromoo Oromiya akeessatti ajeefamanii fi hidhamani gidirfaman qoree ta´ee isin haa waraanu!
  • Gumaa obboloota keenyaa dhumanii nyaanna kan jettan yoo jiraattan, Gumaan isaanii bilisummaa dha malee qarshii akka hin taane hubadhaa.
  • Yoomiyyuu yoo ta’e rakkoo marii kana uume, kan uumame qabsoo waliiniitiin waan ta’eef, bilisummaan waliin hiikna malee qoqqooddaan kan hiikamu miti.
  • Kanneen kana darbitanii marii kana ni hirmaanna jettan bakka jirrutti wal iratti qabsaa’uun akka hin hafne hubadhaa!

Injifannoon Ummata Oromoof

Gadaan Gadaa Bilisimmaa ti!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net