Mana Hidhaa Qaallittii keessa Dhukkubni (Dhibeen) Hin beekkamne seenee Hidhamtoonni heddu dukkubsachaa jiraachun barame. Dhukkubni kun haalli isaa Qufaa(utaalloo) walfakkaatus, Qufaarraa tasuma gargar ta`uu isaa hidhamtoonni heeranii, yaalin mana hidhaa keessatti kennamaa jiru tasuma to`achuu akka dadhabe hidhamtoonni kun ibsaniiru. Mallatoon dhukkuba kanaa Qaama hoo`isuu, Dugda dhukkubsuu, Mataa Bowwaafachiisuu, Olcabsuu(Vomite) fi K.K.F yoo ta`u dhukkubichi namarraa namatti akka darbu hubatameera. Dhukkubni kun Zoonii tokkoo Zoonii tokkotti darbaa akka jiru ibsanii Namoonni heddus dhukkubichaan qabamanii akka jiran dubbataniiru. Qaamni dhimmichi ilaallatu dafee yoo tarkkaafii fudhachuu baate dhukkubichi yaaddessaa ta`uu isaa hidhamtoonni sodaa qaban ibsanii jiru.
Kuni kanaan otoo jiruu, Wayyaanonni akkuma barte mana hidhaa qaallitii keessatti ilmaan Oromoo haalan dararaa akka jirtu Barame. Oduun mana hidhaatii ba`e akka ibsutti, Wayyaanen Kashlabboota mana hidhaa keessa jiraniif qarshii kennitee ilmaan Oromoo walitti buusaa kan jirtu yoo ta`u, lamiin Oromoo Sabboontota ta`anii fi wayyaanota jala warra deemuu dide fi Gubboo kennuu dide e Ofiin boonaa jiru Akka malee dararaa jiraachun barame. Haaluma Kanaan Sabboontuun Oromoo Aaddee Feeruzaa Abdii Ibrahim kamisa darbe irraa kaasee harka ishee Kaatenan hidhanii Mana dukkanaa keessati akka hidhanii dararaa jiran keessa beektonni ibsanii jiru. Namni kamiyyuu itti siqee nyaata itti kennuu akka hin dandeenyef fi Rakkoo ishiin qabdu itti siqanii akka hin gaafanne kan dhorkkan yoo ta`u. Qobaatti hidhanii ajjeessu fi jechuun hidhamtoonni sodaa qaban ibsaa jiru. Asiin duras Bareessituu WMT kantaate Aaddee Ayyaluu Ittisaa T-shartii suraa Generaal Waaqoo Guutuu Qabu uffate Jedhanii Mana Dukkanaatti hidhanii dararaa turuun niyaadatama., Wayyaanonni hidhamtoota Oromoo beekaa sababa barbaadanii akkuma baran ajjeessuf waan karoorfataniif Waldaan Fanoo Diimaa Addunyaa fii mirgi Dhala Namaaf mormu, Atattamaan deemee Wa`ee Aaddee Feeruzaa Akka hordofuuf hidhamtoonni Oromoo Qaallitii Gaafatani.
Adoollessa 4, dhaddachi oole ilmaan Oromoo asiin dura du`a irratti murteesse keessaa sabboonaa Oromoo Fissahaa Mirisaa ammas murtee du`aa kan irratti raggaasise yoo ta`u Darajjee Damee kan jedhamuuf immoo fooyyessee hidhaa waggaa 23 ti gadi buusun dhaga`ame, Murteen kun seeran ala akka ta`e hidhamtoonni Oromoo qaallitii akka isaan gaddisiise heeranii, Manni murtii dhimma Fissahaa irri deebi`ee akka ilaalu gaafatanii jiru.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
|