Site Name

subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Odeessa Biyyaa


Adooleessa 21, 2006 (oromiyaa) - Maandhewwanii fi Namoonni Waldaa tokkummaa Gaaddisa Arbuu jalatti Ijaaraman kuni Adoolessa shan walitti dhuifuudhaan marii bal’aa erga godhanii booda Ibsa ijannoo armaan gadii kana baafatanii jiru.

  1. TBD Dhaabni keenya yeroo ammaa Dhaabotaa Siyaasaa biyyattii keessa jirani fi ummata sochoosuu dandahan waljjiin ijaarratte Fedha armaan dura nuti qabnuufii kan yaadaa turre waan ta’eef Ijaaramuu TBD kana Haalaan Deeggarraa.
  2. Olola Mootummaan wayyaanee TBD ilaalchisee Ummata keessatti oofu Afoo Dhaabbannee harkaa Fashaleessuuf Qophii dha.
  3. Maandheewwan kuni dabaluunis Gumaacha Yeroo ammaa Dhaaba keenyaa jabeessuuf goonu daran jabeessinee itti fufna. Jechuun battalumatti qarshii 883 gumaachaniiru.
  4. Waan silaa Qabsoon Oromoo nurraa eegdu mata baasnee Hanga Bilisummaan Ummata Oromoo Galii Geettutti Dhaaba keenya waliin dhaabbatuuf Kutannee kaanee jirra jedhanii jiru.

*********

Ibsa ejjennoo maadhee

Maadheeleen:

  1. Yaaddessaa Diinaa 2006
  2. Ifa Bilisaa fi
  3. Bilisummaa Gadaa

kun walgahii Oromiyaa kibba lixa(magaalaa Baddallee) keessatti godhataniin ejjennoo armaan gadii baafatanii jiru.

  1. Tuumsa Bilisummaa fi Dimokraasii ABOn dufamuun ijaaramerratti gammachuu nuti qabnu guddaa dha! Dhaabbachuu isaas ni deeggarra! TBD kanas galmaan gahuuf dhaaba akka qaroo ija keenyaatti ilaallu ABO duukaa hiriruun galmaan gahuuf wareegama barbaachisu ni baafna.
  2. Mootummaan wayyaanee gochaa abdii kutannaan Oromoorratti raawwataa jiru akka dhaabu cimsinee gaafanna.
  3. Warreen farreen qabsoo bilisummaa Oromoo ta’an fi gufuu qabsoo Oromoo ta’an irratti tarkaanfii barbaachisaa ta’e irratti fudhachuuf kan yaroo kamii caalaatti hidhannee kaaneerra.
  4. Yaa Ummata Oromoo bakka jirtanii ka’a; waldammaksa; Yaroon kun ummata Oromoof yaroo murteessituu fi abjuu keenya waggaa dheeraa galmaan geenyudha waan ta’eef kutadhaa ka’aa.
  5. Hanga Oromiyaan bilisoomtutti wareegama barbaachisu kafallee qabsaa’uuf kutanneerra.
  6. Dhaabonni Oromiyaaf qabsoofna ofiin jedhan martuu hangafa qabsoo keenyaa ABO waliin akka hiriiranii qabsoo ummata Oromoo bakkaan gahan maqaa jaallan waregamaniin gaafanna. Akkasumas dhaabonni Oromoof dhaabanne ofiin jedhani olola ABO irratti oofan akka dhaaban ni gaafanna. Ololli kun ammoo ABO irratti olola ofaa jirtan otuu hintaane Ummata Oromoo fi dhiiga jaallan qaqqaalii qabsoo bilisummaa Oromootiif wareegaman irratti akka qoosaa jirtan akka hubattan barbaanna.  

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net