Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa


Adooleessa 20, 2006 (Oromiyaa) - Ona Beegiitti namtichi maqaan isaa Barihuun Amaaree jedhamuu lammii tigiree kan tahe dhukkuba H.I.Vn qabamee akka jiru usuu beekuu kanaan duraas hati manaa isaa HIV qaamashee keessa akka jiru baramee Ummata
iyyuu deemtee usuu barsiiftu akka dutee beekkamaadha.namtichi kun kana usuu beekuu ilmaan oromoo faalaa kan ture yeroo tahuu  A.L.H. guyyaa gaafa 27/10/98 mucaa umuriin ishee waggaa 12 Ruqiyyaa Ahimad kan jedhamtuu humnaan eega gudeedeen booda achumaan fudhatee badee hanga ammattii Ummataa fi Poolisiin naannootiin barbaadamaati jira.Kanaaf Ummati naannoo sanii eedsiin faalamaa waan jiraniif akka of feeggatan jedhani jiru.
********

Aanaa najjootti guyyaa gaafa 3-14 akka korsiitti Barsiisotaa waamanii hanga ammaatti ittuma jiru.Yaadi walgahichaa Barataafi Barsiisaa walitti naquudhaan  fincila biyya keessaa laaffisuudha.Mata dureen isaan qabatanii deeman Tarsiimoo Biyya
keessaa kan jedhuudha

Imaammati keenya sirriidha.Garuu raawwii irratti dogongora qaba kanaaf isin Barsiisota keenya qabannee sirreessuu hin dandeenyuu? maaliif qaama biraa eeggannaa ? rakkoo barataa keessa jiru nuti furuu hindandeenyuu?  maaliif qaama biraa alaa eeggannaa? akka mana Barumsaa Abdiisaa Aagaatti barattoota dabarsaa kennaa kan kana gootan badhaasa qabdu, kanneen haaraan barana jalqabdan immoo yoo miseensummaa hin guuttan tahe nu wajjin hojjechuu hin dandessan,Barsiisonni Barattoota irratti ibsa ejjennoo baasaa, jechuudhaan karoora Barsiisotaafi Barattoota walitti naquu baafatanii barsiisaa jiru.Kanarratti 80% hin fudhannee mormaniru .kanaafuu walitti naqanii umrii bittaa isaanii dheereeffachuu waan yaalaniif Barsiisonnii tooftaa diinaa kana akka hin ordofne waamicha godhaniif barsiisoonni yaada wayyaanee kanaan morman.

 *********

Godina lixa showaa Aanaa Baakkoo Tibbee  keessaa   maadhee Eebotaa Jaarraa Tokko   Laak. 1fii2  maadhee Tuulluu Abbaa Margoo Laak. 1fii2 maadhee  Dhaloota Boruu Lak.1fii2ta’anii  wal’gahii bal’aarratti erga mari’atanii ibsa ejjennoo qabxii  5 qabu baafataniiru innis

      1. Tumsa dhaabni keenyi ABO dhaabbilee mormitootaa biro waliin godhatan ni deeggarra

        2. Tarsiimoo moottummaan wayyaanee baafatee uummata keeenya Aanaafii Gandaan adda qoodee bituuf yaalu nimormina .

         3. moottummaan wayaaanee maallaqaan barattoota oromoo goyyomsuu yaalu ciminaan dura dhaabbannee ni mormina  barattoonnis tooftaa isaaniirratti damaqanii akka dura dhaabbatan ni hubachiifna.

          4. Moottummaan Wayyaanee nagaan biyya oromoo keessatti jira jedhee goyyomsuu yaaalu nimormina .

  • Waldaan maccaafiii Tuulamaa haa banamu fii KKfta’u.

*******

Godina Wallagga Bahaa Aanaa GUdayyaa Biilaa keessatti maadheen Tulluu  Caalii jalatti walitti qabaman baa’inni  isaanii Maadhee 14   ta’anis  wal’gahii bal’aa erga godhatanii booda ibsa ejjennoo  qabxii 4 /  qabu baafataniiru .

              1/ Tumsa dhaabni keenyi dhaabbilee mormitoota waliin godhate ni deeggarra .

               2/ waan barbaachisu hundaa tiin dhaaba keenya bukkee dhaabbachuuf jecha keenya nihaaromfann .

               3/yaalii wayyaaneen barattoota keenya maallaqaan goyyomsuuf yaalu ciminaan dura dhaabbannee nimormina.

               4/hidhamtoonni   oromoo seeraan ala mana hidhaatti rakkachaa jiran haa hiikaman fii KKFta’u .

*******

Ibsa ejjennoo Maadhee

Ijaaramuun madheelee itti fufee jira  haaluma kanaan aanaa Saasigaa  fi Aanaa Giddaa kiramuu keessatt madheeleen haraa dhaabbataniif kan duraan jiran waa’ee yeroo amma kana irratti marihachuudhaan ibsa ejjennoo baafataniin

1. Qajeelfama ABOn nu kennuun akeekni TBD galma akka gahu ni deeggara, tumsa taasifame kunis waan yeroon gaafatu waan ta’eef irraa gammachuu qabna!

2. Deegarsi ABOf taasifamu hanga bilisummaatti gama keenyaan cimee itti fufa!

3. Dinota keenyaa fi warra qabsoo ummata oromoo gufachiisuf socho´an dura ciminaan dhaabbanee galii qabsoo keenyaa saffisisuuf ni hojjenna.

4. Gocha sanyii duguuginsaa wayyanee fi OPDOn ummata keenyaa fi saba biro irratti raawwachaa jiran ni mormina.

5. Gocha Wayyanee obbolaa fi Obbolaa, olla fi olaa walitti naquudhaan fayidaa siyyaasa argachuu kaachaa jirtu kan ni mormina jidhaniiru.

Basaastonni maqaan isaanii Takilee Olaanaa fi nugusee olii kan jedhamtu Aanaa saasigaa ganda Dangalii keessa Akkasumas basaastonni Shimallis Dachaasaa, Birruu tolaa fi lammummaan Tigiree kan ta’e G/tsadiq Gmikael jedhaman immoo Aanaa Giddaa Kiramuu bakka lalistuu Angar jedhamutti uummata gidiraa waan jiraniif gocha isaanii irraa akka of qusatan sabbontonni oromoo naannoo kanaa kan gaafatan yammuu ta’e gocha isaanii kana irraa of hin qusatan taanaan tarkaanfiin keessa deebii hin qabne akka fudhatamu akekkachiisaniiru.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Gadaan gadaa bilisummaa ti!!


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net