Adoleessa 19, 2006 (Oromiyaa) - Godina jimmaa magaalaa jimmaa keessatti humna ittisa biyyaa/ Makkalaakayaa/ fi Poolisiin magaalaa jimmaa gidduutti walitti bu’iinsi guddaan uumamee jira. Akka kanaan gaafa guyyaa 6/11/98 A L Htti halkan Poolisoonni m/jimmaa dabballee wayyaanee, nama dhalootaan Tigiree ta’ee miseensa Waraanaa ta’e tokko akka malee rukutanii miidhaaa qaama hirrisuu irraan gahanii jiru.
Sababni kun ta’uu danda’eef nama dhalootaan tigiree ta’e kanatu Poolisoonni zoonii jimmaa Kaayyoo A B O deemsisaa jiru waan ta’aniif guutuu Itiyoophiyaarra tamsa’uu/faca´uu qabu; yoo bakka tokkotti isaan dhiisne hojii naannoo jimmaaf rakkisaa dha jedhee qorannoo/gamgamaarratti waan dubbateefi.
Egaa ati Kaabaa dhuftee waa’ee keenya dubbachuu maal dandeessa? ittiin jechuun adabbii cimaa irratti fudhatanii jiru. Kanarraa kan ka’e yaroo ammaa kana gidduu jaraatti jeequmsi guddaan uumamee jira; ammallee itti fufeera. Wal-gayii guddaatu poolisaa fi humna ittisa biyyaa gidduutti deemaa jira. Kan humna ittisa biyyaa jala fiigee haasaa olii gad fuudhaa jiru miseensa Poolisa magaalaa jimmaa nama Hayidar jedhamuu dha. Isarratti tarkaanfiin fudhatamuuf karoorfamus yeroof miliqeera. Ammallee yoonni badiisaa kana amanee dhiifa dhiifama hin gaafanne tarkaanfii adabbii sana caalaan akka irratti fudhatamu sab-bootonni eranii jiru.
Odeessi biraan Ona Qarsaa magaalaa Sarbootti mana Kaalid Jamaal itti huccuu hodhee jiraatu isaa hidhamee Karchallee jimmaa jiruu mana irratti cufaniiru; Sababni isaas Tishertii Alaabaa A B O achi keessatti gurgura jechuuni. Kanas kan raawwachiisaa jiru Waajjira Poolisaa fi Bulchiinsa Onaati.
Wal-gayiin barana wayyaaneen barsiisota Iluu Abbaa Booraa waliin godhaa jirtu wallaansoodha ykn Ulee jechuutu danda’ama. Godina Iluu Konyaa Beddelleetti wal-gayiin barsiisota guddaatu adeemaa jira. Akka kanaan Gaaffiin barsiisota biraa ka’aa jiru kana fakkaata.
Barsiisonni wal-gayii kanarratti argamanis:-
1. Konyaa Beddellee, 2. Ona Gachii, . Ona Boorrachaa, 4. Ona Dhidheessa ( Dambii )
5. Ona Yaanfaa, 6. Ona Cawwaaqaa, 7. Ona Daaphoodha. Kan Ona 7 kana keessaa walitti dhufan kun Beddellee dhumarratti wal-gayii kana gaggeessan. Ona Cooraa fi Ona Deeggaa Makkoo ammoo Onuma jaraatti wal-gayiirra jiru. Kan jaraas gaaffiin kanuma. Wayyaaneedhaan alana barsiisonni hudhanii wal-qabaniiru. Baayyee baayyee kan nama dhibuudha; kann alanaa qobaadha.
1. Kitaabichi qophaahee dhiyaate kun hiree Oromiyaa waan daangessuuf fudhatama hin qabu.
2. Keeyyata 39 hojiirra oolchuuf ni qabsoofna.
3. Abbaan Duulaa Oromoo bakka bu’uu goonkumaa hin danda’u; Oromummaan dhiigaan malee gitaan miti.
4. Amma gaaffiin Oromiyaa deebi’utti nageenyi biyya Itiyoophiyaa jedhamtu kana keessaa jiraachuu hin danda’u.
5. Waldaan Maccaa fi Tuulamaa ( W M fi T ) haal-duree tokko malee banamee akka hoggatoonni isaa gad-lakkifaman ni gaafanna. Jechuun wayyanee hudhanii qabanii jiru.
Gara biraan dabballoonni wayyaanee ABBAAn Jifaar nafxenyaa dha; jedhanii yaadasaan dhiyeessan barsiisonni sagalee tokkoon mormuun dabballoota qaanessaniiru. Dhimma kanarratti falmii guddaatu adeemsifamee jira.
Barsiisonni Konyaa Beddelleerratti walitti qabaman kunMaadhee “Dinnee Didaa Miseensummaa OPDO Beddelleerraa” jedhu guyyaa kaleessaa walitti dhufanii moggaafachuun battalumatti qarshii 200.00 qabsoo bilisummaa Oromoo A B On hogganamuuf gumaachaniiru. Maqaa Maadhee jaraa kun dhuma wal-gayii kanaarratti
OPDOn miseensa keenya ta’aa waan jedhaa jiraniif kana harkatti fashalsuufi.
Hubahiisa:- buusiin jarri godhan kun otuu isa torbii hin gahin oduudhumarratti qilleensarra haa ooluuf. Sababni isaas hololaaf nu gargaara waan ta’eefi.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti !!
Injifannoo Ummata Oromoof!!