Adooleessa 18, 2006 (Oromiyaa) - Magaalaa Shaashamaanneetti halkan kaleessaa(16-07-2006) humna hin beekamneen Kuusaa Boba’aa NOC Jedhamu kan Qabeenya Bulchaa magaalaa shaashamannee, Qabeenya ummataa Oromoo irraa Saamaniin Waldaadhaan Dhaaban, Kan Damisee Shittoo Fa’a ta’e tokko irratti boombiin darbamee dhohuun dhagahame!
Akka oduun garasii nu qaqqabeen Dhukaatuun irratti dhohuun beekamee hubaatiin qaqqabee jira! Ammaaf lubbuu fi qabeenyarra miidhaan gahe hangam akka ta'e hin beekamne!
*******
Godina Iluu A/Booraa Ona Daarimuu bakka Odaa Haroo jedhamutti gaafa guyyaa 7/11/98 A L Htti A B On Meeshaa Waraanaa fi W B O Ona kanatti galchaa jira dhenii Konkolaataa Mattuurraa gara Daarimuu deemaa jiru dhaabanii sikittaa’aa oolaniiru. Akka kanaan ummata harkaa Habilee ( Billaa ) fi Uleen otuu hin hafin harkaa funaanaa oolaniru. Haalli ummata harkaa qabeenyaasaa isaa saamuu fi Konkolaataa Ona Daarimuu fi Mattuu gidduu deemaa jiru sakitta’uun haalaan itti fufee jira.
Tarkaanfii kanas kan fudhachiisaa jiru Poolisa Ona Daarimuu fi Qajeelcha Poolisa godina Iluu akka ta’e baramuu danda’eera. Gochaa kana kan raawwatee raawwachiisaa jiru ergamaa Wayyaanee dhalootaan Lammii Tigiree ta’e dura taa’aa Poolisa Ona Daarimuu Maraawwii Afaworqi nama jedhamuudha. Akkasumas miseensa OFDM kan ta’an Obba Shifaa nama jedhaman torban kana keessa magaalaa Daarimuu keessa jiraatan haayyama mana murtii tokko malee manni isaanii sakitta’anii qabeenyaa warqii, qarshii fi qabeenyaa guddaa jaalaa saamamaniiru.
Kanas kan raawwataa jiru poolisa kan ta’e nama Maraawwii Afaworqi jedhamuudha. Gochaa seeraan ala isaan irratti raawwatame kana iyyannaaf gara Waajjira poolisaa deemanii akka dhimmi kun qulqullaa’uuf iyyatanuuyyuu deebiin kennameef dhaqi ABOn kee fi OFDM siif haa qulqulleessu ittiin jechuun aryataniiru. Dhumarratti ummanni naannoo kanaa nama Maraawwii Afaworqi jedhamu kun gochaa isaa anarraa yoo ofi hin qusanne tarkaanfiin keessa deebii hin qabne qabeenyaasaa fi anasaarratti kan fudhatamu ta’uu hubachiisaniiru.
Gara biraan ammoo Onuma kana keessatti wayyaaneen harka lafa jalaatiin dhaaba sobaa maqaa A B O Fi OFDM jedhuun Ona kana keessatti dhaabaa jirti. Dhaabni kunis namoota maqaan jaraa:
1 .Kadir Shamsuu, 2. Naasiroo Nuuraa, 3. Amsaaluu Ingidaa jedhamaniin bu’uree jira. Namoota kana wayyaaneen baajeta guddaa ramaddee sochoosaa jirti.
Egaa namoonni kun nuti A B O dha; dhaabaan wal-quunnamtii guddaa qabna; kottaa galmaa’aa; beekaa maqaa OFDM sochaa jirra malee nuti A B O dha jechuun ummataa baayyee dogongorsaa jiru waan ta’aniif akeekkachiifni cimaan itti haa kennamu; dabalatas ummanni Ona kanaa akka namoota kanarraa fagaatanu Sa-boontonni naannoo kanaa ciminaan hubachiisanii jiru. Dhaabni kun maqaa kanaan kan inni hundeeffamaa jiruuf karaa kanaan sochii miseensa A B O too’achuu fi humnasaa baruuf akka ta’e keessa beetonni ni dubbatu.
*******
Wal-gayiin barsiisota zoonii jimmaa keessatti bakka shanitti ( 5 ) deemsifamaa jiru :
- Mana barumsaa Jireen ykn Ajiippii, 2. Galma Gibee , 3. Galma mana barumsaa Preparatory magaalaa jimmaa , 4. Ona Limmuu Gannat 5. Ona Gommaa ( Aggaaroo ) keessatti torban kana keessa dabballoota wayyaaneetiin gaggeeffamaa jira. Akka kanaan gaaffii ciccimaan wayyaanota maataa bowwaa isu itti ka’uun wayyaanota waan qabanii fi waan deebisan wallaalanii jiru. Gaaffiin ka’aa jirus kana fakkaata.
- Erga Oromoon qabeenyasaatti fayyadamuu dhabee orma garaa guddisuu fi huddii iitessuu qofa ta’ee Oromiyaan maaf hin fottoqne ? Keeyyata 39 maaf OPDOn hin fayyadamne ?
- OPDOn paarlaamaa keessaa barcuma 107 otuu qabuu maaliif waan tokko murteessuu dadhabe ?
- Gaanfa Afirkaa keessatti nagaan waaraa haa bu’u yoo jettanii fi dhuguma yoo saba Oromoo keessaa dhalanne, isaaf dhaabbanna jettan aangoo qaama baratee, dandeetti biyya kana bulchuu danda’u fi Ummata biratti kabaja guddaa qabu A B Otti aangoo kennaa jedhamee barsiisota biraa dhiyaateef deebiin jara biraa kenname kana fakkaata.
Innis : A B On kan akka Arbanyaachi fi Qinijjit (Qindoomina ) waliin hiriiree jira kan jedhutu
dabballootaan deebiin yaroo kennamu isinoo eenyuu waliin ooltanii bulaa jirtu ? Warra kaabaa qullaa dhufee miti ? Ittin jedhanii sammuu jaraa gara galchaniiru.
4. Finfinneen maaliif Addunyaarratti Addis Ababaa jedhamtee waamamti ? Maaf Finfinneen hin waamamne ?
5. Mootummaan biyya kana keessatti nagaa buusuu hin dandeenye, buusuufis gahumsaa fi hamilee hin qabne tokko maaf dhimmaa Soomaliyaa keessa galee jeeqa ?
6. Warri Kaabaa maaf nu bulchu ? Gaaffii kanaa fi kan kana fakkaatan itti kaasuun wayyaano gurra itti duuchaa jiru.
7. Ona Qarsaatti ijoolloon Tishertii Alaabaa A B O fi Suuraa GOOTOTA OROMOO qabu uffattan jedhamanii ijaa jaamanii, qaamaa hirrifaman, fi hidhaman maaliif ? Kan biraa ishertii “Ye Abashaa lij “ jedhu uffatee Oromiyaa keessa olii gadi burraaqaa jira maaf jara hin gaafanne ?
8. OPDOn Ulaagaa dhaabni tokko guutuu qabu waan hin guunneef dhaaba jedhamuu
hin danda’u ittiin jechuun qaanessaniiru.
Gara biraan ammoo dabballoonni wayyaanee Seenaa ABBAA JIFAAR xureessanii dhiyeessuun Oromoota Arsii fi Jimmaa walitti buusuuf dhiyeessanullee barsiisonni harkatti fashaleessanii kun tooftaa dulloomaa dha; nuti Oromoon tooftaa mootummaan addaan nu qooduuf baafate kanaan wal-hin lollu jechuun harkatti fashaleessaniiru. Kitaaba kana namni katabe YKN seenaa ABBAA jifaar xureessee dhiyeesse kun seeratti nuuf haa dhiyaatu jechuun sagalee tokkoon murteessanii jiru. Gaaffiin kun mana barumsaa Jireen keessatti kann ka’eedha.
Egaa akkuma walii galaatti wal-gayichi bu’aa tokko malee ammallee itti fufee jira. Eeyyee silas OPDOn yoo maaluu hojjete Ummata Oromoo biratti maqaansaa hin tolu; ixaas irraa hin qabu jechuun qaaniisaanii dubbataa jirani. Walumaa galatti gaaffiin harmaan 1-6 fi gaaffiin saddeettaffaan wa-gayii bakka 5 keessatti deemsifame keessatti gaaffii ka’eedha.
*******
Godina jimmaa Ona Gommaa ( Aggaaroo )tti namni Kadir A/Fiixaa jedhamu damee Seeraa fi Haqaa Ona Gommaa kan ta’e qabeenya saba Oromoo Buna facaasaa baayyee ta’u Mattayaa qarshii kuma 20 ol-ta’u Guraagota harkaa fudhachuun qabeenya kana saboota kanaa murteessuun Oromoo harka qullaatti hambisaa jira. Akkasumas sabaa fi sab-lammoota kana gidduutti walitti bu’iinsa guddaa
uumee jira.
Namoonni Mattayaa ( Gubboo ) kana adda dummaan bakka bakkaa Guraagota harkaa walitti qabee itti fidu :
1. Jamaal Azmaacha bakki jireenyasaa Coocee, 2. Ahimad Sharafuu bakki jireenyasaa Limmuu Shaa’ee, 3. Bad-laalaa bakki jireenyasaa Geembee kan ta’eedha. Namoonni kun sabummaansaanii Guraagota kan ta’anii dha. Egaa namni Kadir A/Fiixaa jedhamu kun yaroo ammaa kana qabeenyaa sabaa kana gurgurachuun mana dhagaa fi jireenya isaa kan ittiin guddifataa jiru ta’uusaarra darbee Oromoon dandeetti hojii hin qabdu, maallqa hin qabdu waan taateef carraan kan nama maallaqa gahaa qabuuti jechuun hamilee ilmaan Oromoo baayyee xuqee jira. Dhumarratti nama kanarratti yoonni hojii isaa kanarraa hin deebine tarkaanfii barbaachisu kan irratti fudhatan ta’uu isaa hubachiisani jiru.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!