Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Odeessa Biyya Ambbaa


Adoolessa 17, 2006 (Oromiyaa) - Wayyaaneen hojii biyya ambaa keessatti maadhee ishee babaldhifachuuf tattaafachaa jiraatuun beekame.

Haala kanaan namoota lukkummaan kaadhimatte biyya Jarmany naannoo frunkfurt jehdmutti socho´aa jirachuun hubatame. Namoonni lukkummaan kaadhimaman kun akeeka wayyaanummaa isaanii galmaan gahuuf olii fi gadi figaa akka jiran hubatamee jira.

Lukkeewwan dhimma kana qopheessuuf wayyaaneen ergites bilbilaan namoota adda addaa qunnamanii dhimma Oromoof fala barbaaduu qabna jechuun akka namoota quunnamaa jiran hubatamee jira. Saboontonni Oromoo dhimma kana irratti dammaqan akka dhaammatanitti, otoo dhiigini gootota Oromoo bilisummaa Oromoo baddaa fi gammoojjii, magaalaa fi baadiyyaa keessatti didanii dhimma Oromoof wareegamaa jiranii, otoo dhiigni Oromoo kun hin qooriin biyyoota ambaa keessa naannahanii dhiiga ilmaan Oromootti qoosuun isaanii qoosuun isaanii guddoo akka isaan gaddiisiise hubachiisanii Oromoon biyya ambaa jiraatu dammaqinaan akka of irraa eegu hubachiisan.

Wayyaanonni dhimma kana bakkaan gahuuf maallaqa miliyoonaan lakkaahamu  ramaddee bakka hundaatti socho´aa akka jirtu hubatame.  Wayyaaneen namootaa fi dhaabota nuti Oromoof dhaabbanne jedhan bifa adda addaan itti siiquun akka gargaaraa jirtus dubbatama. Maadheelee isheef illee maqaa adda addaa itti kennuun diriirfachuun ummata Oromoo fi ummatoota cunqurfamoo biyya keessa jiran gabrummaa jalatti hambisuuf tattaafatti. Kanaaf Oromoon bakka jiru hundaa irratti dammaqee hojii maadhee isaanii saaxiluu fi hojii itti jiran harkatti bisheessuu irratti hojjetuu qaba jechuun sabboontonni Oromoo biyya ambaa jiran dhaammatu.

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net