Adooleessa 17, 2006 (Oromiyaa) - Barattoota Oromoo Yuniversity Finfinnee.Guyyaa Finfinnee kabajatani oolani jiru. Nutti barattotni yuuniveersitii Finfinnee hundi (6 kilo, 4 kilo, south campus fi kkf`) kaleessaa Adooleessa 16, 2006 murtii dabaa Adooleesaa 12, wayyaane fi kittillayyoota isheen abbaa qabeenyaa fi mirga abbaa biyyummaa Oromoon Finfinnee irratti qabu haquuf murtaa`e waan ta`ef bara baraan guyyaa finfinnee jenne yaadanna, guyyaa kanaas kabaajnee oolleerraa. Haalli raawwii keenyaas :
-Faaruu Finfinnee leellisuu faarsuu dhaan, -Uffannaa aadaa fi tisheertii sabboontootaa Oromoo wareegamaan kan akka(B/ta Gaaddisaa Hirphaasaa, Geneeraal Waaqoo Guutuu fi kkf)uffachuun, -Alaabaa ABO uffachuun, akkasumas maal gochuun akka nurraa eegamurratti mari`achuun sirna baree daadhaan(ho`adhaan) ayyaaneffatameera.
Ibsa Ejjennoos baafanerra
- Adoolessa 12, Abbaa biyyuummaa Oromoon finfinnee irratti qabu haquuf wayyaanee fi kittillayyootni ishee fudhatan ni balaaleffanna.
- Gaaffii abbaa biyyummaa Oromoon Finfinneerratti qabu kaasanii murtii Adoolessa 12 sababa mormaniif mana hidhaatti dararamaa kan jiran hooggantiitni waldaa maccaa fi tuulamaa fi barattootni Oromoo hatattaman akka hiikamaan ni gaafanna.
- Gaaffii abbaa biyyummaa Finfinneerratti qofaa osoo hin taane hanga gaaffin uummata Oromoo mara tii deebi`utti qabsoo keenya itti fufa.
- Dhiheenyaa kana Tumsaa ABO dhaabbiilee biroo waliin hunddsse ni deggerra. Fiixa ba`insa isaafis kuta nnoon ni hojjeenna.
- Tumsaa bilisummaa fi dimookraasii guufachiisuuf utuu beekanis ta`e otuu hin beekin wayyaannee cina bu`anii qabsoo Oromoorratti warra aggaamaa jiran maal akka gochaa jiran hubatanii akka of qusatan ni akeekkachiifna.
********
IBSA EJJEENNOO BARSIISOOTA KOLLEEJII LEEQA NAQAMTEE
Turti waggaa 3 kolleejjii keessa turree keessaatti (2004-2006) cunqursa DH D U On riqichaa wayyaanee tatee ummaata Oromoo irraa geesseerra ilalichaa nuti
dhaaba kenyaa ABOf qabnu isa dura irra calaa ti akka nuti degeeruf jalaanuf nu goodheraa.
Dhaabni inni dhugaani ummataa Oromoof dhaabatu ABO male kanaan duraas hin ture ammas hin jiru gara fuladuraatis hin argamu. Kanaafu barsisoon kolleejjiichaa bayinaan 500n ol ta’an gaafa 9/7/2006 walga’ii godhaatan ibsa ejjennoo
bafataaniru. Innis:
1. Tumsaa ABOn dhaabota moormitoota wjjiin godhee ni deegeraa.
2. Keeyyaan 39ffaan nuf hamirkanaa’u Oromoon ofi isati of habulchuu, Abban biyyummaa Oromoo haa mirkanaahu, hoogganummaan ABO haa jabaatu.
3. Imamman garbumaa furmaata argatee dhaabachuu qaba.
4. Waldaan macaaf tulaama bakkatti haa deebihu, huuggantonni isaa haa hiikaman.
5. Hidhaamtoon siyasa Oromoof ogaantoon waldaa macaaf tulaama haa hikaaman
6. Olola garboonfataan fi farreen ABO irrati ololan of irraa fi dhaaba keenya ABO irraa tokkummaa kenyaan ni cabsinaa.
7. Qabeenyaan Oromoo Tigiroon samaan (fudhaatan)nuf hadeebi’uf ammas samichii nurraa haa dhabaatu
8. Dhaabni garboonfataan Dh.d u o nun hin bulchitu(nun hin ogaantu.)
9. Mirgii siyaasa degeruu wal qixa nuf keennaamenaan jala butoon wayyaanee nurraa ha’usaan.
10. Bilisummaa Oromoof dirqaama nuti laatamuu ni baana.
12. FDG hangaa bilisummaati akka itti fufu baratootaaf uummaata Oromoo maraa wajjiin ni hiriraa.
13. Walga’I jala butoon wayyaannee baratoota Oromoo sadarkaa 2ffaa, sadarkkaa ol anaa, barsisoota hundaan gegeesa jirtu tokkummaadhaan ni morminaa.
Ejennoo kenyaa hangaa hojii irraa oluti nutis dubaati hin debinu. Jabinaan qabsoofna.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!