Caamsaa 20, 2006 (Oromiyaa) - Wayyaaneen Uummata Walitti buusaa jirti. Godina Arsii Ona Siraaroo Naannoo Xaaxessaa fi Harree jedhamu keessatti Mootummaan Wayyaanee fi Lukkeewwan isa UUmmata Oromoo fi uummata Sidaamaa Daangaa irratti walitti buusaa jirachuun dhagahame. Lolli kuni guyyaa 16-05-2006 irraa eegale hanaga ammaatti kan itti fufe ta`uun isaa beekkame.
Sababni lola kana Sochiin uummataa yeroo ammaa Ona Siraaroo fi naannoo isii keessatti akka malee waan yaachiseef akkuma Amala ishe uummata walitti buusuun yaada ummata bilisummaa isaaf falmaa godu gara dabarsuuf akka ta`e hubatamaa dha.
Waldhabbi Saboota lamaan keessatti godhama jiru irratti Lubbuun namaa fi Qabeenya irrattis miidhaan guddaan Akka gayaa jiru dhagahamee jira. Waldhabbii Shira Wayyaaneen Xaxxe kanaan kan ka`e dhaamsuuf anguddoonni Saba lamaaniituu sochii kan jalqaban yemmuu ta`u Lukkeewwan Diinaa Manguddoota Araarsaaf Edduu gama lamaaniituu deemaa jiran akka Doorsisaa jiranis irra gahamee jira. Manguddoonni biyyaa kuni uummanni Sidaamaa fi Oromoo Shirri kuni shira Wayyaaneen Xaxaa jirtu ta`uu hubachuun Shaffisaan Waldhabbii isaanii kana karaa nagayaatiin akka furatan Waamicha godhanii jiru.
Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa waan qabatuuf waan gadi dhiisu dhabee uummata Gosaan walitti buusuun Nuuf Haarawa mitis jedhanii jiru. Manguddoonni kuni uummanni Gama Lamaaniituu Hatantamaan walitti bu`insa kana dhaabanii Huumna isaanii gara Mootummaa Wayyaanee akka Deebisan waamicha godhaa jiru.
I njifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
|