Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Waxabajjii 10, 2006 (Oromiyaa) - Hidhamtooti ilamaan Oromoo naannoo Guduruu fi Abayyi Comman keessaa 300 ol ta'an sababa fincila diddaa gabrummaa Oromiyaa mara keessatti sadaasaa 9, irraa kaasee jiru waliin wal hidhatee haga ammaa mana hidhaa Naqamtee keessatti dhukuba fi beelaan dararamaa jiru.

Maddeen naannoo sanaa akka ibsanitti hidhamtooti kun akka mana murtiitti hin dhiyaatiin hubatamee jira. Sababani haga ammaa mana murtii dhiyeessuu dhabaniifis ragaa mana murtiitti dhiyeeffatan waan hin jirreef jedhama. Amma garuu ragaa sobaa qopheessanii mana murtitti dhiyeessuuf akka qophaahan bira gahame.

Haala kanaan hidhamtoota kana keessaa gar-tooko gafaa waxabajjii 17, 06 dhiyeesuuf kaan ammoo gaafa 23/06/06 dhiyeessuuf karoorfatanii qopheeffatanii jiru, dhimma kanaaf lukkeelee ragaa sobaa ta`an. a. Ganda Gutamnee Migirutii irraa : 1. Namoomisa Hordofaa, 2. Buzee Dhugumaa, 3. Tasfayee Gurmeesaa yeroo ta'anii. b. Nanoo Homiitii immo: 1. Nama Babisa Jedhamuu fi 2. Tarikuu Tadasaa jedhaman sobaan lammii isaaniitti ragaa bahuuf garaa isaaniin bitaman hubatame.

Jarii kun iccitiin lammii Oromoo sobaan yakkaman kana irratti ragaa bahuu malaqa garaa isaanii itti guutan kanfalamee fi gara naqamtee deemani jiru.

    ************  

Baaartoonni lama lamaa ammaan kana qabamanii mana hidhaatti gidiraa argaa jiraniiti.

1. Barataan Wosen  Daamxoo (2ffaa Accounting, akka malee kan dhaanme irra taree, ammaan kana mana hidhaa keessatti dararamaa jira. haalli barataan kun irra jiru beekamuuf illee nu rakkisee jira.) 

2. Barataan Diriirsaa Qajeelee immoo osoo haala jeequmsa barattoota Oromoo irratti raawwatame keessa hin jiraanne bakkee dhaa waraana wayyaaneen fudhatamee mana hidhaa addaa keessatti hidhamee jira. Barataan kun  duraan gantuu (lukkee turu illee) waggaa darbee kaasee Oromoo waan ta'e fakkaata. Barataan kun qabamee akka malee mana hidhaatti dhaanamee yeroo ammaan kana haala badaa irra jira. Guyyaa guyyaan 'torch' akka gochaa jiran odeeffanoon ni jira. Yeroo Fincila barattoonni yunivar. Maqalee waggaa darbe godhan mucaan kun baayyee dubbachaaf yaada laachaa waan tureef qaama wayyanotaan beekame. Dheengadda, yeroo Sintaayyoon  maqaa Oromoo haadhessee barreesse illee barataan kun aari dhaan yaada hedduu laachaa yeroo turetti Dr.Mitikun (president uni.) arganii ammallee hin eebbifamiin jira namichi kun ittiin jedhan. Barataan kun barataa seera waggaa sadaffaa, waggaa darbe eebbifamee deemu ture, garuu waan Oromoo ta'e qofaaf qaphxii duraa balleessuun akka hin eebbifamne ta'e. Haa ta'uutii yeroo ammaa jireenyi barataa kanaa yaachisaa dha. Wayyaaneen aarii ishii itti baahaa jirti, ofuuldura illee waan gadhiisan hin fakkaatu.

**********

Godina Wallaggaa Bahaa Ona Jimmaa Gannatii Ganda Gaamoo Nagaroo keessatti armaan dura barattootaa fi uummata keenya gidirsa kan ture hidhataa Wayyaanee Bookaa Katamaa jedhamurratti tarkanfiin keessa deebii hin qabne fudhatameera. OPDOn haala kanaan rifachuun uummata nagaa naannoo sanaa hidhaa jirti. Armaan dura 'leenji qonnaan bulaa' jechuun OPDOn gandarraa nama 150 kan galmeessitee turte torban darbe G/Wallaggaa lixaa Ona Ganjiitti gandarra demuun 'isin miseensa keenya waan taataniif suura fi qarshii kudha tokko fidaa' jechuun uummata sossobuu yaallaan uummatni 'miseensa keessan ta'uun hafnaan maqaa keessanuu halaalatti lagachaa jirra' jechuun salphisanii of irraa galchani jiru.

 

Injifannoo Ummata Oromof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net