Waxabajjii 9, 2006 (Oromiyaa) - Zoonii Arsii Ona Shaashamannee keessatti guyyaa waxabajjii 09, 2006 tii Ummanni Tarkaanfii Sheelii abbaa Qabeenyaa basaasaa fi dabballee Lammii Tigree tokko, irratti Fudhateen Miidhaan cimaan irra gayuun dhagahame. Abbaan qabeenya lammii Tigree ta`e kuni Yeroo bay`ee Ilmaan Oromoo Hujii irraa kan ariisisaa tutree fi Ukkaamsisaa tuere ta`uun barame. Tarkaanfii uummataa kan irratti Waardiyootaa fi Ummanni walitti bu`anii Waardiyoonni basaasaa fi Lammii Tigree ta`an Lama madaa`uun isaanis dhagahame.
Haaluma kanaan Meeshaa Waardiyoonni qabattee Sheelicha ittin Eegaa turan Qawwee Kilaash Tokko Harkaa Booji`anii jiru. Godina kana keessatti Tarkaanfiin uummataa akka malee kan isaan naasise Wayyaanee fi Lukkeewwan isaanii Ummata nagayaa qabanii hidhuu itti fufanii jiru.
Godinuma kana keessatti Ona Siraaroo tti Fincilli UUmmataa Jabaatee itti fufee jira. Haaluma kanaan Guyyaa waxabajjii 2, 2006tti Qotee bulaan Naannoo Ajjee gara magaalaa Dhufuun Waraana Wayyaanee waliin dhukaasa sa`aa dheera walitti godhanii magaalaa ajjee keessaa bakkoota tokko tokko yeroodhaaf dhuunfatanii turanii yeroo muraasaa booda magaalaa gadi dhiisanii nagayaan gara naannoo isaanii deebi`anii jiru. Fincilli Ummanni Naannoo siraaroo fi Shaashamannee haga Oromoon mirga hiree ofii ofiin murteeffatutti kan itti fufan ta`uus beeksisanii jiru.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
|