Fuulbana 1, 2006 (Oromiyaa) - Yuniversity Jimmaa Hara Saa Duuba Yeroo
Lammataaf Ilmaan Tigree Boobii Itti Darban. Dhimmi gara Jimmaatii
dhagaahamaa jiru ammalleen doormii lammeessoo hardha (Fulbaana 1, 2006)
sa'aa booda boonbiin akka gugguban dhagaahamee jira. Jarri ilmaan Tigiree
tun hojjaa isiin itti jirtu ifa hin fakkaatu; ammoo sababa kanaan ilmaan
Oromoo yakkuuf akka tau shakkiin hin jiru. Ilmaan Tigree kun qabeenya
Oromoo karaa tokko gubaa karaa kaan Saammachaa jirti, ammoo Oromoon kana
callisee ilaaluu hin qabu, dantaa qabsoo isaaf oolfachuu irra taree; nama
qabeenyaa isaa dhidhimsaa jirtu kana tarkaanfii keessa deebi'ii hin qabne
irra fudhachuu qaba. Jarri Qabeenyaa Oromoo barbadeessan kun seeratti
dhiyaachuu qabu.
Dhimma kana irratti itti dhiheenyaan ija qaroon bilchinaan ilaalamee Oromoon
martinuu waan gochuu qabu gochuu qaba, wayyaaneen Oromoo maqaa balleessuu,
xureessuu, akka ummatoota biroo waliin jiraachuu hin dandeenyeetti
dhiyeessuu, akka inni violent taeetti dhiyeessuuf waan tattaafattu
fakkaata. Sanaaf ammoo beekaa xuxxuquu fi boombii darbachuu akka toftaatti
itti dhimma bahaa jirti.
Oromoon dhimma kana hubatee, shira rakasaa wayyaanonni xaxan kana saaxiluun
gochaa sheexanummaa isheen ummataa fi qabeenya keenya irratti hojjettu
haawaasa addunyaa fi ummattoota olloota keenyatti hubachiisuun yeroon isaa
amma tauu qaba.
Waraanni wayyaanee dhiyeenya kana barattoota ilmaan Tigree taaniin isin
barattoota Oromoo xuxuqaa, yeroo isaan isin reebuuf dhufan shanan tokko yoo
ajjeesne qabbanaahu jedhanii dubbachaa turuu isaanii beekamaa dha. Shirri
isaanii sun obsa barattoota Oromoon waan jalaa fashalaayeef itti milkaahuu
dadhabnaan ammas hojii diinummaa qabeenya Oromoo gubuu kana raawwatuun waan
qabsoo keenya dhaabu itti fakkaachuu dandaha. Guwwummaa isaanii kanas qabsoo
keenyaan fuuldura finiinutti itti agarsiisna jechuun gootonni barattoota
Oromoo dhaammatu.
********
Waraanni Wayyaanee Barattoota Oromoo Irratti Boombii Darbachiisee Gube.
Yunivarsiitiin Jimmaa ibidda ilmaan Tigiree ganama haraa(Fulbaana 1, 2006)
qabsiisteen gubachuun dhagaahame. Ibidda qabate kana barattoonni saba
Tigiree taan boombii waraana Federaalaa wayyaanee foonaa akka eegan irraa
kennameefiin meeshaa kan isaanii erga kaleessaa kaasanii keessaa guurrachuun
boonbii sadii barattoota Oromoo akka doormii keessa jiranitti itti darbuun
qabeenya isaaniif kan yunivarsiitichaa barbadeessanii jiru. Qabatamaan
waraana harkaa boonbii fuudhame tauu waardiyyooni yunivarsiitichaa kanaan
dura boonbii ilmaan Tigiree kana harkatti qaban ragaa bahaniiru.
Barattoonni Tigiree hedduu foonaa dhaa baqatanii gara dhaabbata mootummaaf
mooraa waraanaa baqataniiru, ijoolleen Oromoo garuu yeroof barnoota
dhiisanii galuu fi ykn ammoo akka waraanni wayyaanee fonnaa yuniversity gad
dhiisee bahu gaafachaa jiru.
*******
Dhimma gara HARAMAYAA
Lakkoofsa bartootaa complete dismis godhaman ammallee dabalaa jiru;
barattoota 40 ta'aniiru jedhama; hojjettoonni mootummaa sababa kanaaf hojii
irraa ari'aman illee ni jiruu jedhan; barattoota dismissed godhaman kana
yunivarsiitichi fakkeessuuf waan qabxii barattootaa waliin wal qabate wal
fakkeessuuf (acadamic) dha jedhu jedhama, garuu yunivarsiitiin kun eerga
semisteera lammeessoo jalqabee ji'aaf torbee lama dha, jedhu bartoonni,
kanaaf hanga hardhaa eessa turaniitu har'a nu ari'uu yaadatan? jedhu...mee
maqaaf muummee jaraa akka na dhaqqabeenan siinii dhaama. Barattooni jeequmsa
keessa miidhaman kan keenya dubara lamaaf kan dhiiraa lama yoo ta'an
barattoota madaahan kana keessaa barattaan inni tokko barataa ilmaaTigiree
tokko waliin walhudhanii osoo jiranii argee deemee barataa Oromoo kana
saanjaan cinaacha jala akka waraane bartoonni jeequmsa san keessa turan ni
dubbatu. Uummata naannoo yunivarsiitii Haroomayaa Wayyaaneen walitti qabdee
sakatta'aaf isintu bartoota jeequmsaaf sisi'eessa, jechuun doorsiisaaf
qabdee hidhaatti akka malee dhaanaa akka jirtu ilaalleen naannoo ni ibsu.
Barattoonni Oromoo ukkamsamanii gara hidhaatti guuraman yeroof hin beekamuu
jedhu namoonni naannoo sanii
******
KAN YUN. ADAAMAA
Ilmaan habashaa jeequmsa kana kaasuuf dheengada(Roobiii barii mariif
bataskaana/church) keessatti walitti qabamanii deebi'uun yunivarsiitii
weeraran, sana booda bartoonni Oromoos lubbuu walii baraaruuf walitti
qabamanii jennaan poolisiin adda bittimsee jedhama. Guyaa kamisaa ganama
bartoonni walitti qophaahanii buluun walitti namannii gaaga'ama lubbuu
ilmaan Amaaraa tokkoof Tigiree Lamaa gahee jedhu. Bartoonni Habashaa qaamaa
hirdhataniif gurriirraa cite illee ni jiruu jedhu bartoonni; gama Oromootaan
ammoo bartoonni sadii hedduu kan madaahan yoo ta'u kan ukkaamsamanii
fudhataman yeroof maqaaf lakkoofsi isaanii hin beekamne jedhama. Halkan
eedaa toora sa'aa torbaa namni yunivarsiitii kanatti bilbile tokko akka
jedhetti yeroo poolisoonni barattoota Oromoo doormii cabsuun itti seenanii
ukkaamsanii baahan dhagaahaan turee jedha. Barattoota hedduu halkan edaa
uukkamsanii fudhatanii yerootti doormii sakattan ammoo waraqaa eenyummaaf
ID.NOisaanii ilaaluun akka ta'e brtoonni dubbatu. Bartoota ukkaamsaman warri
kaan akka hin argineef doormiitti nuittisanii jedhu. Dhimma yunivarsiitii
Adaamaa qulqulleefachuuf.
*****
Lukkeewwan Aadaa Ummata Keenya Gad Qabuu fi Maqaa Kontrobandiin Ummata
Keenya Irratti Shira fi Daba Guddaa Dalagaa Jiran
Godina Arsii Lixaa Ona Dodolaa keessattii Sabboontota Oromoo irraa uffannaa
Aadaa fi Callee Aadaa Poolisoota lukkeewwan Diinaa Ta'aniin Magaalaa
keessattii irraa guuramaa jira. Poolisii Ergamaa Diinaa Ta'e kan Maqaanisaa
Warquu Amaaraa Jedhamu Garee isaa waliin ta'uun dhiyeenya kana Shamarran
Oromoo, Dargaggoota, Haawwolee Baadiyaa gabaadhaaf gara magaalaa dhufan
Gabaa keessa Deemuudhaan Callee Adaa Shamrranii fii haawwoliin Oromoo
Diratanii deeman Alaabaa ABO Diimaa magariisa mormatti Kaawattanii deemtu
jechuu dhaan Magaalaa keessatti irraa Ciraa ooleera, jiras. Ergamaan kuni
kana qofatti osoo hin dhaabbanne Magaalaa dodolaa keessa Deemuun Manguddoota
Magaalaa Dodolaa fi manguddoota baadiyyaa Ona Dodolaa irraa dhufan irraa
Karaa irratti Qabuun Uffannaa Aadaa akka irraa Mulqaa jira. Kanaaf Lukkeen
Diinaa Shamarran, Dargaggoota Hawwolii Oromoo Kabajaa irraa fuudhuun karatti
irraa Ciru kana yoo hatantamaan Gochaa isaa kana irraa ufin qusanne Guyyaa
gababaa keessatti Deebii kan kenninuuf ta'uu haa hubatu jedhanii jiru.
Gama biraan Godina baalee Magaalaa Roobee keessatti Lukkeewwan Diinaa Maqaa
Kontorbaandii jedhuun nama ajjeessaa jiraachuun dhagahame. Ergamaa
wayyaanee Isaaq hasan kan jedhamuu fi lammii Tigree Itti Gafaatamaa Tikaa
Godina baalee kan Ta'e Dajannamtiochi jedhamu fi Itti gaafatamaa haqaa kann
jedhaman walii galuu dhaan Qabeeny Bosonaa maqaa kontorbaandii jedhuun
karatti eegaa kan nyaatan yemmuu ta'u Dhiyeenya kana garuu akkuma amala
isaanii Isuzuu Xaawlaa tokkicha baattee Deemtuu tokko irratti Dhukaasaa
banuudhaan Shofeera Awwaqaa Jedhamu tokko irratti Rasaa saaddeet
dhukaasudhaan miidhaa guddaa irraan gayuun Dhagahame. Shofeerri kuni yeroo
ammaa hospitaalli goobbaa huumna isaatii Oli waan ta'eef gara hospitaala
Yirgaalam Rifarii barreessuufiin dhagahame. Lukkeewwan diinaa kuni maqaa
kontorbaandii eeguu jedhuun nama Politikaan Shakkanis akka miidhaa jiran
dhagahamee jira.
**********
Ibsa Ejjennoo Sabboontota Orommoo Magaalota Kofalee fi Shashamanne!
1. Tumsa Bilisummaa fi Dimokiraasii (TBO) ABO fi paartilee mormitoota biroo
giddutti ummame Sagalee guutuun ni deeggarra, galma gauumsa kayyoo
isaatiifis ni qabsoofna.
2. Kaayyoo fi akeeka ABO yeroo ammaa qabatee Sossoaa jiru guutumaa ni
deeggara. Paartilee Oromoo Walaba hunda garaagarummaa isaan giddu jiru
furuun tokkummaa akka ijaaratan Cimsinee dhaammanna.
3. Nama dhunfaas taee garee yoo kaan paartii kamiinuu kan faallaa akkeeka
qabsoo bilisummaa Oromoo adeemu Cimsinee balaalefanna.
4. Tarkaanfii gootichii Oromoo B/G kamaal Galchuu fi Sabboontonni ilmaan
Oromoo isa wajjiin fudhatan ni dinqisiifanna. Ilmaan Oromoo qabsoo
bilisummaa Oromootti hin makamne hundis Sunaa isaanii haala kanaan akka
haromsan ni gaafanna
5. Hidhamtoonni Siyaasaa Oromoo hatattamaan akka hiikaman !
6. Waldaan maccaa fi Tuulama haa banamu Hooggantoonni isaas hattattamaan gad
haa likkifaman!
7. Gocha eragamtoonni diinaa Oromiyaa fi Sabboontota ilman Oromoo Irratti
dalgaa jirtu ni balaalefanna. Lukkeewwan diinaa gocha kana irratti
hirmaatanii jiranis of hin qusatan yoo tae, tarkaanfii barbaachiisaa
irratti fudhachuuf qophii dha.
8. Walumaagalatti gatii qabsoon bilisummaa Oromoo nurraa barbaadan kafaluuf
Yomiyyuu Caalaa qophiidha.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
|