Fincila diddaa gabrummaa
Hagayya 31, 2006 (Oromiyaa) - Jeequmsi Yuniversity Adamaa Babaldhataa Jira. Kaleessa hagayyaa 30, 2006 Waree boodaa irraa egalee barattoonni Amaaraa fi Tigree mooraa Yuunversitichatii ala bahanii kan jiran yoommaa tahu, sababii isaas, Poolisoonni Oromoo jeequmsicha qabbaneessuuf deeman, barattoonni Tigree fi Amaaraa Yuunversiticha irra miidhaa geessisuudhaaf yoo carraaqan Yuunversitiin kuni qabeenya Uummata Oromoo waan taheef miidhaan irra gahuu hin qabu jedhanii Barattoota kana Mooraa keessaa waan yaasaniifi dha jedhu warri Ijaan argan. jeequmsa kaleessaatiin miidhaan qaqqabe:
- Barattoonni Lammii Oromoo tahan 7(Torba) madaahaniiru. Isaan keessaa, Barattoonni Lama garamalee waan madaahaniif “refer” jedhamanii gara Finfinneetti kan dabarfaman tahuun beekameera.
- Barataa lammii Amaaraa tahe Tokkoo fi yeroof maqaa isaa beekuu hin dandeenye du`ee Renfi isaa gara Hospitaala Minilikitti Halkan sa`aa 4:00 booda kan ergame yoommaa tahu, jarri jeequmsicha calqaban waan dallatii ala tahaniif sochiin jeequmsichaa yeroof kan qabbanaahe fakkaata.
- Barattoonni Tigree Jaha (6) tahanis madaahaniiru garuu yeroo ammaa haala maalii irra akka jiran hin beekamne. Maqaa barattoota miidhamaniis tahe du`anii akkuma arganneen isiniif ibsina.
*********
Wallaga bahaa keessatti Gutini naannoo AMAARAA ta'uu qaba jedhu Habashoonni dhidhiibbaa dabballoota Tigreen kaka´uun Oromoo irratti duulaa jiran.
Godina Wallaga Bahaa Aanaa Giddaa keessatti Habashoonni Guttinii fi Limmuu keessa qubatanii jiran dhidhibbaa dabballota wayyaaneen kaka´anii Guttiniin godina addaa Amaaraa ta'uu qaba! jedhanii gaaffii adda addaa kaasuu kan jalqabani turaniiru. Haa ta'u malee barakana immo sochii cimsachuu dhaan uummata Oromoo naanno sana jiran irratti waraana banu dhaan laammii hedduu ajjeesuun kaan immoo
madeesaniiru. Uummati qubatteen kun yeroo ammaa mootummichaan meeshaa waraanaa hidhatanii tarkaanfi qe'ee buqqisuu uummata irratti fudhachaa jiru.
Uummati Oromoo naannoo sana jiran akka itti hin birmaanne mootummaan humna waraanaatin marsee Oromoo Guttin keessa jiran ficcisiisaa jira. akka kanaatti
dhalataan Oromoo hanga hara'aatti lakkobsaan hedduun du'anii kaan immoo madaa'anii jiru.
Kan du'an keessaa:
- Kabaa Bayyanaa bakka Lalii jedhamutti Habashaa Ayiinaaddis jedhamuu fi hiriyyoota isaan
2. Karashoo Nagaash bakka Andooddee jedhamuutti
3. Ifaa Moosisaa magaalaa Guttinitti Kanaafuu uummati oromoo Guttini iyya nuuf birmadhaa uummata Oromoof qaama dhimmi ilaaluutti dhageesisaa jiru.
*********
MOOTUMMAAN AANAA LIMMUU BAAKKA SADIITTI QOODE
Aanaa Limmuu yeroo kana to'annaaf akka isaaf tolutti bakka sadiitti qoode hojjetoota miindaa dhorkee jira. Kunis kan ta'e kaan gama Giddaatti qooduun, kaan immo Limmu fi Haroo jechuudhaanidha.Yeroo ammaa hojjetoonni gara aanaa Gidaatti citan miindaa dhorkaamanii dararamaa jiru. Achuma aanaa Giddaa ganda Guddinaa calliyaa keessatti sabboonaa oromoo maqaan isaa Jabeessaa Fufaa jedhamu yeroo dheeraaf mana hidhaa Wayyaanee keessatti reebicha isa irra ga'aa tureen
eela'ee gaafa buultii 18,07,2006 lubbuun isaa dabarteetti.
*********
Yuuniversin Jimmaa humna waraanaafi poolisii Federaalaa jala jira. Barumsi hin jalqabne, hojiin hin jiru. Ijjoolleen Tigiree humna waraanaa fi polisaa kana abdattee Ijoollee keenya doorsisaa jirti. Humni waraanaa kuni ijoolee tigiroota sin lola kaasaa nuti ammoo irratti dhufnee ijoolee Oromoo keessaa shanan tokko ajeefna yegus malee hin qabbanaahu jedhanii haasahuun isaanii sabboontota Oromoo fi ummata Oromoo naannoo jiru guddoo aarsee fi gaddisiise dha.
Amma barattoota 12 fi Diinii barattootaa "Gizawu Abaraa" sababaa fi ragaa tokko malee hidhanii dararaa jiru. Waanti baayee nama ajaa`ibu Ijooleen tigirootaa Walgahii ajajaan waraana toko walitti isaan qabe irratti, nuti hin barannu bulchiifni magaalaa Jimmaa ABO dha, poolisiin jimmaa, hojeetooni yuniiversiitichaa hundi diina keenya waantaheefi asiti hin baranu! nugashaa! jennaan ajajaan waranaa kun dhuguma hundi saanii diina waan taheef amma asii isaan baafnutii asii hin deemnu jedhe.(kun jechuun hojjettoota, bulchiinsa, fi barattoota Oromoo hunda waraanni yuniversity keessaa baasna jedhee ajajaan waraanaa Tigree dhaadate). Kana jechuun Uummani Oromoo hundi diina wan taheef ....... jechaa dha. Otoo nuti diina isaan hin jedhiin ofumaa dhufanii biyya keenya irrati afaan guutanii diina nun jedhu. Biyyaa isaan baasna nuun jedhu. Uummani Oromoo kana callisuu hin qabu. Mirga isaa kabachiisuun dirqama Oromoo hundaa malee kan barataa duwwaa miti. Harka wal qabannee mirga keenya haa kabachiifannu.
Yaa Ummata Oromoo bakka jirtuu karaa qotuun, warra diinummaatti biyya keetii si baasuf waraana sitti bobbaasu kana wal gurmeessitee of keessaa baasuuf yeroon itti kaatee sochootu yeroon fagoo miti. Warra abdii kutatetu sitti roorrisa jabaadhu!
SBOn sirrttii olola oofee ummata kakkaasuu qaba! Miidiyaan irratti hojedhaa.
Himani Gizayu abaraa, diinii barattootaa iratti dhiyaate Barattooni gaafii gaafannaan harka walitti rukuteeta, eeba ijoollee barattootaa iratti argamteeta kan jedhu ture. Dhimma nama hin hiisisnee fi qabatamaa hin taane dha.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!