Hagayya 27, 2006 (Oromiyaa) - Yuniversitii Jimmaatti walitti bu’iinsa gaafa guyyaa hagayya 25, 2006 ALH tti halkanirraa barattoota Oromoo fi Tigren eegale barattoota Amaaraa kan AFD Gufachiisuuf hojjetaniis gara barattoota Tigreetti cillaanfatuu hubatame. Akkasumas barattoota Tigiree waliin walitti bu’iinsi calqabe hanga yoonaatti itti fufee jira.
Sababni walitti bu’iinsa kanaas kan barataan Amaaraa yuniversity Haramayaa Tishertii Oromoo maqaa xureessuu uuffatee bahuu ta´uu hubatamee jira. Barattoota keessaa haga ammaatti Haramayaa irraa nama afur, jimma irraa ammoo namni lama akka du´an oduun naannoo jiru ibsa.
Barattoonni Jimmaa jiran Batskaana Kidaanamirat jedhamu, kan Karchallee Jimmaa bukkee jiru keessatti, wal gahanii marihataa jiran ta´uu hubatamee jira. Yeroo ammaa barattoonni Oromoo yuniversity ala kan jiran yeroo ta´u barattoonni Tigree fi Amaaraa ammoo humna waraanaa aga´aazii fi polisa federaalaan qobaa qobaatti akka eegamaa jiran dha.
Shirri wayyaanee barattoota Amaaraa fi Oromoo walitti buusuun TBD ijaarame gidduu shakkii uumuuf hojjetaa jirtu akka ta´e hubatameera. Kanas gochuuf humnoota Amaaraa adda addaa itti dhimma bahuu akka hin oollee himama. Gochaan wayyaanee ummatoota walitti buusuun keessaa bu´aa argatuu ammallee kan irraa barachuu hin daneenye waan ta´eef walitti bu´insa kanaaf warri sababa ta´an dogoggora isaanii fudhatanii araarri bu´u barattooti Oromoo jabeessanii dhaamanii jiru.
Kanarraa kan ka’een barattooti Oromoo yuneversitii jimmaa
1. Mahammad Adam
2. Daraaraa Tuujubaa
3. Margaa Magarsaa
Guyyaa kaleessaa poolisoota Feederaalaan qabamanii baayyee rukutamanii Qajeelcha Poolisa zoonii jimmaatti hidhamanii jiru. Barataan tokko ammoo qabamee bakkinni dhaqe hin baramin jira; innis guyyaa dhuma kaleessaa qabame.
**********
Walitti Bu´insi Humna Wayyaanee(TPLF) Amanamaa Ta´eef Humna Ummataaf Amanamaa Ta´e Gidduu Walitti Bu´insi Oromiyaa Keessatti Babaldhataa Jira.
Oduun dhiha Oromiyaa Naqamte irraa nugahee guyyaa kaleessaa, walitti bu'iinsi waraana wayyaaneef milishaa gandaa tokko waliin ta'e waraanna wayyaanee ilmaan tigiree tokko ajjeessee tokko harka mirgaa irraa kutuun dhagaahame. Walitti bu'iinsi magaalala Arjootti taasifame kun, ka'uumsi isaa waraanni wayyaaneef milishaan sun mana dhugaatiitti odoo sirba kaasetta Afaan Oromoo dhaggeeffachaa jiranii Waraanni Wayyaanee sun keessaa haabahu, hin dhaggeeffannu yoo jette milishaan sun ammoo akka baastun argaa jechuun jalqabe. Waraanni sun yeros kaatee saanjaan milishaa san yoo waraantu, milishichi deemuun meeshaa fidatee waraana tokko galaafatee tokko harka mirgaa irraa kute jedhame. Milishaan kun hojiin inni hojjate nu boonsee.
Haala walfakkaatuun naannoo Dhidheessaaf Jimmaatti illee waraana wayyaaneef poolisoota Oromoo gidduutti waliitii bu'iinsi ture jedhu jaallan naannoo sanii gurra qaban. Kun ammoo poolisoota, milishootaaf hojjatoota wayyaanee lammii Oromoo ta'an akka uummanni ofitti hawwachuun garaagarummaa jirtu dhiphisuun fiixan bahiinsa qabsoof oolfachuu qabani kan mulisu jedhu namoonni naannoo sanii.
***********
Ilmaan Oromoo Naannoo Xiqur Incinni Jimlaan Guuranii Hidhuun Itti Fufee Jira.
Jidduu kana ona Xuqur Incinni keessatti jeequmsatu ture. Sababni isaa hidhattoota OPDO lamatu ajjeefame. Kana irraa kan ka'een namootiin dhibba lamaa oli tahani guuramanee gara isaan buusan hin beekamu. Mee kanaafuu dhaabbilee tokko tokkootti dhaamsa kana dabarsuun barbaachisaadha. Akka oduun achii nu gahetti, yaroo darbe onuma kana keessatti OPDOn barattoota walitti qabdeetu turte. Durgoo qarshii kudhan kudhanii kenniteefii gaggeessite. Gaafa dhumaa qarshii keenya fudhanee boombii keenyas bitannee jechaa weeddisaa biraa deeman. Egaa kana kanatu haala achi jiru bifa isaa geeddaree halkan akka namni gadi hin baane jedhanii, rakkifanaa, jara du'an sana ajjeesan jedhama. Maqaan namoota ammatti argannee akka armaan gadiiti. Mana tokko keessaa namni hedduun fudhamaniiru.
1. Obbo Taammanaa Milkeessaa
2. Obbo Dajanee Cimdii
3. Shaambal Kabbadaa Gammannee
4. Barsiisaa Cimdii Dinagnee
5. Obbo Abbabaa Dharraa
6. Aadde Ilfinash Dhurgeessaa
7. Obbo Tashaalaa Fufaa
8. Obbo Geetuu Lataa
9. Obbo Abbuu Dhaabasaa
10. Obbo Abbabaa Dharraa
11. Obbo Boggaala Tasfaayee
12. Barattuu Gaaddisee Daggafaa |
13. Barattuu Taaddaaluu Niggaa
14. Barattuu Caalee Niggaa
15. Barataa Beellamaa Niggaa
16. Barattuu Zannuu Niggaa
17. Barattuu Immabet Tarreessaa
18. Barataa Tafarraa Galaasaa
19. Obbo Daandanaa Iddeessaa
20. Obbo Galaasaa Qadiidaa
21. Dargaggoo Baqqalaa Dhukaa
22. Obbo Waldee Guultii
23. Barataa Abdiisaa Guddataa
24. Obbo Zarihun Abdiisaaa ti |
**********
Shira wayyaaneen Ilmaan Oromoo Lafa irraa buqqisuuf hojjettuu fi Ibsa maadhee Godina Baha Shawaa.
Godina Shawaa Bahaa ona Fantaallee jiraattota ganda Deebitii fi Haroo Qarsaa jedhaman keessa kan tahan iddoo jireenya isaanii irraa buqqisuun naannoo Godina Jimmaatti dabarsani qubachiisuudhaaf Lukkeewwan Wayyaanee Uummata walitti qabuudhaan dirqisiisaa akka jiran beekame. Kanas tibbana uummata walitti qabanii maqaa keessan galmeessaatii qophii godhaadhaa jedhanii yoo itti himan, Uummanni lafa Akaakilee fi Abaabilee keenye irraa hin kaanu kana booda waa`ee kana kaasuuf nuutti debitu yoo tahe Qawweedhaan wal-simanna jedhee deebii jala muree kan deebiseefii tahuun hubatameera.
Sababin Uummanni akka iddoo isaa irraa ka`uuf barbaadames, Lafa isaani kana irra Shonkooraa Agadaa dhaabuudhaaf jedhanii akka tahe keessa beektonni ni dubbatu.
Sab-boontonni Oromoo naannoo sanatti argamanis Lukkeewwan Diinaa Uummata Lafa isaa irraa buqqaasuuf yaalaa jiran kana irraa akka of-qusatan akeekkachiisaa jiru.
*********
Ibsa Ejjennoo Maadheelee
Miseensonni Adda Bilisummaa Oromoo Godina Shawaa Bahaa maadheelee adda addaa jalatti gurmaahan, goototi oromoo B.j Kamaal Galchuudhaan durfamee diina qullaa dhaabuudhaan mooraa qabsoo Uummata Oromoo gabbisuu fi cimsuuf ABOtti makamtan maraaf jalallii fi kabajini isiniif qabnu o`aanaa ta`uu yoo ibsinu, gammachuu kana hin jedhamnetu nutti dhagahama.
Oromoon martinuu, tarkaanfii gootonni keenya fudhatan baga gammaddani jchaa Oromoonni mooraa diinaa keessatti haftan gootota kana irraa barumsa fudhachuudhaan, gara qabsoo Uummata keessaniitti akka deebitan waamicha lammummaa isiniif dhiyeessina.
Ejjennoon gootonni kuni fudhatan hamlee Uummata keenyaa kan cimsee fii si`achi Gatiitiin Oromoo Diina baatee deemuun akka itti hin jirre agarsiisuudha! Garaaf jiraachuuf qofa, diinaaf bitamuu, ergamuu, du`uun hafuu akka qabu kan nu argisiisedha.
Kanaaf :
- Beektaniis tahe otoo hin beekiin Oromoonni Wayyanee jala galtanii ilmaan Oromoo a sab-boonoo tahan diinatti ertanii sodaachiftan, reebsiftan, hiisistan, ajjeesistan, hojii irraa ariisiftanii fi biyyaa baasiftan gochaa kan irraa akka dhaabbattan.
- Sabbontonni Oromoo gochaa diinni Oromoofi Oromiyaa irratti raawachaa jiru, teenyee mararfachuu fi hidhii xuuxuu qofaa otoo hint a`iin, jagnummaadhaan dura dhaabbachuudhaan dirqama keenya akka baanu;
- Warri hojii Mootummaa keessa jirrus taane mooraa waraanaa keessatti hafne, garaaf jennee qabeenya Oromiyaa saamu callifnee ilaaluu dhiifnee, Wayyaanee nu saamaa jiru fuula dura dhaabbannee mormuu; akkasumas, dhimma ykn waraana nu hin ilaalleef qaamaa hir`achuu fi du`uun hafee qabsoo Uummata keenyaaf qofaa haa wareegamnu.
- Fincila Diddaa Gabrummaa bara 2005 dhiiga Barattoota Oromootiin qabsiifamee ife, Oromiyaa hundaa haala walgahu irratti ciminaa fi jabinaan hojjechuu qabna.
- Tumsi Bilisummaa fi diimookraasii mormitoota Wayyaanee waliin ABOn Uume adeemsa sirrii fi karaa dhugaa waan ta`eef, diinota tumsa kana gufachiisuudhaaf tattaafatan dura dhaabbachuudhaan kaayyoo isaanii ni fashalleessina.
Walumaagalatti yeroon keessa jirru murteessaa waan taheef, jabaan keenya akka warraaquu fi Laafaan ammoo akka jabaatu; Barataan, Brsiisaan, Qotee Bulaan, Hojjetaan fi daldalaan harka wal-qabatnee socho`uu qabna.
********
Fincila diddaa Gabrummaa Yuniversity Haramayaa
Guyyaa kamisaa (24-08-2006)yunivarsitii Haramayaa keessatti barataan amaaraa tokko t-shart ´´gaalla´´ jedhu tokko uffate yeroo moraa keessa dedeemu ijoollee teenya tan Oromoo wajjiin walitti bu'anii jiran kana irraa kan ka'e baratoonni amaaraa cinaan tokko ijoollee tigreetii wajjiin tahuun ijoollee teenyatti dualanii jiran. hataahuu immoo ijoolleen teenya cimanii ofirraa dhoorkuun bartoonni tigree fi amaaraa hedduun madaawanii hospitaala hiwat faanaa fii joglaa keessatti wallaanamaa jiru. barataan ´´gaalla´´ jedhe t-shart uffate battalumatti ajjeefamee jira. barataan biraa tokkoos du'eera jedhama. Akka odeeffannoo arkadhetti kan kana godhe tigroota jedhama. sababiiniis tumsa amma ABOn uume kana fashalsuuf jecha oromo fii amaara walitti buusuuf jedhama.
-----------------
Haala walitti bu'insi Yuuniiversiitii Haramaayaatti Gootonni barattoota Oromoo fi habashootaa gidduutti ka'e wajjin walqabatatee Yuniversiitii Jimmaa keessattis hagayyaa 24, 2006 qabee, barattoota keeny(Baratoota Oromoo), fi Barattoota habashootaa gidduutti walitti bi'insi cimaan ta'aa jiraa. haaluma kanaan poolisiin fadaraalaa dallaa yuuniversiitichaa seenuum Gootota barattoota Oromoo addaan baasee reebaa, caccaabsaa jira. haa ta'u malee Gootonni barattoonni keenya kutannoo qabanii fi jabina qaban argisiisaa jiru. yeroo ammaa kana irratti yuunversiiticha keessa jeequmsa guddaati jiraa. poolisiin federaalaa dalaa seenanii baratoota Oromoo reebaa fi gidirsaa jiru.
*******
Maadheen Falmataa Lammii Mattuu ibsa Ejjennoo akka kanaa hadiitti baafataniiru.
1. Tuumsa Bilisummaa fi Dimokraasii A B On durfamuun ijaarame sagalee guutuun ni deeggarra.
2. Galmaan gahuufis waan dandeenyu hundaan waliin dhaabbanna.
3.Tarkaanfiin General Kamaal Galchuu fi Loltoonni Oromoo fudhatan itti guddaa gammanneerra. Isaanis baga nagaan gara qabsoo sabaasaaniitti deebi’an
4. Loltoonni Lammii Oromoo taatanii fi Saba cunqurfamaa taatan hunduu keessanuu tarkaanfii General Kamaal fudhate kana barcumeeffachuun akka gara qabsoo saba keessanitti dabalamtanu waamicha Lammummaa isinii goona.
********
Shiraa Wayyaaneen Gantootatti Dhimma Bahuu Sabboontota Oromoo Basaasuun Saaxilame
Godina kibba Bahaa keessatti mootummaan Wayyaanee Gantuudhan WBO Fakkaatanii Maqaa Waraana bilisummaa Oromoo Zoonii kibba Bahaa keessaa baleessa jedhuun dhiyeenya kana Bifa Riphee Lolaan Gantuudhan sabaa ijaaree Nuti Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun akka Sabboontota Godina kibba Bahaa Basaasan Qophii isaa Xumuratuun Irra Gahamee jira akka Odeessi achi irraa nudhaqqabe jedhutti Namootni yeroo ammaa akka Sabboontota Zoonii kanaa basaasan Dirqamni itti kenname kan armaan duras Deeggartootaaf miseensota Basaasuudhaan Diinaaf Dabrsanii Kennaa turan ta’uun dhagahame Kanaaf Sabboontonni Zoonii Kibba bahaa Shira Mootummaan Waayyaanee xaxaa jiru kanatti dammaaquudhaan Nama Caasaan ala nuti WBOti Jedhee isin dubbisu kamillee akka hindubbifne jechuudhaan I/ Zoonii Kibba bahaa hubachiisanii jiru. Gama biraan Dhiyeenya kana Konkolaataan Gabateen isee 04601 kan Raayyaa kan taate Bulchiinsitoota Zoonii Kibba bahaa walitti qabuun haala sabboontota Zoonii Kibba bahaa itti Basaasanii Isaaniif kennuu Danda’an irratti Dirqisiisaa jirachuun Dhagahame. Gama biraan Namoonni kuni Waajjiraallee adda addaa Seenuun Dhimma isaan hin’ilaalle keessa seenaa akka Namoota jeeqaa jiran dhagahamee jira.
*********
Ibsa ejjannoo maadhee Abdii
Miseensotni maadhee ´´Abdii´´ dirqama ABOn itti kennamu hunda galmaan gahuun qabsoo bilisummaa Oromoof gumaacha isaanii akka itti fufan gammachuun dirqama itti kennamu bahuuf qophii ta´an ibsuun ibsa ejjennoo armaan gadii baafatanii jiru.
1. Tumsa Bilisummaa fi dimookraasii ni deeggarra;
2. Tarkaanfiin dhiyeenya kana Jen.Kamaal Galchuun fudhatame diina hoollachiisee, fira gammachiisaa jira. Ilmaan Oromoo sadarkaa adda addaa irratti wayyaanef hojjataa jirtan qabsoo haqaa ABOtiin gaggeeffamu jala akka hiriirtanii dirqama lammummaa keessan akka baatan waamicha isinii dhiyeessina.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!