Hagayya 26, 2006 (Oromiyaa) - Fincilli baratoota yuuniversiitii Haromayaatti ka`e amma gara yuniversititti brootti babaldhatee jira. Jimmatti baballachuun walitti bunsi ka´een polisini federaalaa akka amala isaa barattoota Oromoo adamsee reebuu itti fufee jira, haala kanaan barattooni murtaahan Hospitala galuun isanii hubatameera. Ka`umsi jeequmsa kanaa akka jedhamutti yoo tahe T-shirtiii barreeffam habashoonni yuniversity haromayaa keessatti ´´Gaalla´´ jedhu qoopheessuun uffachuu isaanii irraa akka ka´e himama.
Yeroo ammaa barattoonni Oromoo yuniversity jimmaa dallaa ala jiru. Yeroo ammaa kana loltuun fi polisin federaalaa polisii Oromiyaa dallaa keessaa baasuun dallaa yuniverity weraree jira.
Walitti bu´iinsi jiru barattoota Oromoo fi Tigree gidduu dha. Barattooti Oromoo guyyaa eengaddaa mana naataa keessatti ugguramanii buluun hubatamee jira. Sana duuba walitti qabamuun qaamni dhimmi ilaalu isaan dubbisee gaaffii isaanii kan yuniversity jimmaa keessa jiru sirnaan dhiyessanii jiru.
Walgahii gaaffii barattoota Oromoo gaafatan irra turan.
- Dr. Kabaa –presedanti yuniversity jimmaa
- Obbo Gizaw- Deanii barattootaa
- Ittaanaa kantibaa jimmaaf gaaffiileen dhiyaatanii jiru.
Gaaffileen barattoti kaasan keessaa:
- Barataan Yuniversity haromayaatti t-Shartii ´´Gaalla´´ jedhu uffate seeraaf haa dhiyaatu.
- Namni barreeffama maqaa Oromoo xureessuun barreffama macaafa qulqulluu kan boqonnaa 102 fi 262 xuqee maqaa Oromoo balleesse maaliif deebbii hin arganne?
- Mana boqonnaa fi shayii(lunge) keessatti yeroo sirbi afaan biroo sirbamu afaan Oromoo maaliif hin sirbamu?
- Moggaasni Dormii fi bakkeewwan yuniversity keessa jiran maaliif afaan Oromootti hin ta´u?
- Maqaan yuniversity jimmaa maaliif Afaan Oromoon sirnaan hin barreeffamne? Jedhan keessatti argamu.
Warri wal gahii kana walitti qaban kan maqaan isaanii armaan olitti xuqame waan ofii furuu dandahan akka shaffisaan furanii fi waan humna isaanii ol ta´e qaama mootummaatti akka dabarsan himanii adda bahan.
Barattooti Oromoo haga maqaan isaanii xuraahuu, mirgi isaanii abbaa biyyaa insanii irratti sarbamaa jiratuu irraa wareegama barbachisu haga wareegama lubbuutti baasanii qabsoo isaanii itti fufan walii galanii adda bahanii jiru.
Kun otoo kanaan jiru, ilmaan tigree guyyaa Jimaataa (hagayya 25, 2006) bakka dhagaa qabatanii bakka sana irraa dhagaa darbachuu eegaluun dubbii kaasan, dhukaasns dhukaafame. Barattooti Oromoo otoo nyaata nyatuuf deemanii hookkara kaasanii jeequmsi dhalate. Barattooti hojii fi nyaata isaanii osoo hin nyaatiin oolan, kun hundi jeequmsa barattooti Tigree nu arrabsanii ammoo deebihanii mootummaa humna federaalaa fi waraanaa eerguuf itti abdatanii nu sodaachisuu kajeelu.
Bifa kanaan halkan keessaa sa´a 9:00(3:00ALH) loltooti waraana mootummaa fi polisini federaalaa polisii Oromiyaa keessaa baasee mootaa yuniversity dhuunfate. Barattoota illee mana nyaataa keessatti ugguranii bulchan.
Haala kanaan barattooti Oromoo polisii fi waraanaan reebaman keessaa.
- Galaana
- Samu´eel
- Habtaamu
- Caalaa
- Muldhisaa
- Dawud
- Eebbisa
- Tashoomaa jedhaman keessatti argamu.
Warri mana hidhaatti guuramaa jiran keessaa ammoo kan haga ammaa nu qaqabe:
- Milkiyaas
- Daraara
- Margaa
- Fiqru
- Mohamed jedhaman akka keessatti argaman maddeen naannoo hubachiisaniiru.
Yeroo ammaa kana illee barattoonni Oromoo loltuu f ipolisa mooraa yuniversity keessa jiruun doorsifamanii mooraa keessaa bahanii akka loltuu fi polisini federaalaa naannoo sana gad dhiisu gaafataa jiru. Otoo polisiin Oromiyaa jiruu maaliif polisiin federaalaa fi loltuun nutti dhufu nuuf galaa hin jiru jedhu. Loltuu fi polisiiin federalaa kun barattoota afaan Oromoo dubbatan barbaadee hiraarsaa jiachuunis maddeen ibsu.
Haala naannoo yuniversity haramayaa jiru qulqulleeffachuuf wayyaanonni bilbila naannoo kutanii akka jiranii fi naannoo yuniversiti bahuunis ta´e galuun akka ulfaataa ta´e hubatamee jira.
************
Wayyaaneen ilmaan Oromoo hidhuu itti fuftee jirti
Wayyaaneen yeroo ammaa uummata Oromoo Xuqur Incinnii irraa 200 ol ta'an mana hidhaa waajira poolisii aanaa Amboo magaalaa Amboo keessatti hiitee rakkisaa jirti; nyaataaf bishaan irraa kuttee namoota nyaata geessan waliin ariihaa jirti; sababiin hidhaatti guuramuu uummata kanaa OPDO hin deeggratan, mootummaaf hin ajajamtan, namoota dabballee mootummaa ta'an doorsistu reebdu fi kan biroo jetti Wayyaaneen jedhama; hidhamtoonni mana hidhatti gidiraa argaa jiran kun qaama uummataa hundaa, qotee bulaa, daldalaa barattootaa fi hojjettoonni illee akka keessatti argaman himama. Wayyaaneen sodaa ummata Oromoo naannoo isaa dhuunfachuuf wal qindeessee socho´a jedhu irraan raafamaa jirachuun beekamaa dha.
Jeequmsi yun. Haroomayaa fi Jimmaa ammoo akkuman sii himuu yaale, barataa warra Amaaraa tokkotu maarkeriin t-shirt adii irratti jecha fokkuu san barreessee offatee adeemaadha; walitti bu'iinsi haaromayaa cimaa ta'u illee miidhaan ijoolleen keenya habashoota irraan gahaniif, kan isaan irra gahe illee sababa bilbilaaf fi waan bartoonni seenuuf bahuu ittifamaniif hin beekamnee jedhu; ka barattoota Jimmaa akka gara mana hidhaatti guuramaa jiran odeeffaama.
**********
Ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuramaa jiran keessaa haga tokko.
Gootonni Oromoo nannoo zoonii shawwaa lixaa Ona(aanaa) xiqur incinnii sirna saamtuu fi hacuuccuu wayyaaneef hin bullu jechuun isaanii akka mana hidhaatti guuraman isaan dirqe. Guyyaa kiphxata(hagayya 22, 2006) irraa kaasee humna federaalan (Warra afaan Tigree malee biraa hin beeknen) hiraarfamuu fi hidhamuun ilmaan Oromoo naannoo xiqur ammallee kan itti fufe yeroo ta´u, jaarsaa, jaartii, jiraattota magaalaa, bulchitoota durii illee osoo hin hafne walumatti hidhamaa jiran. Magaalaan xiqurii fi naannoon ishee guddoo onee akka jiru gabaafama. Barattooti illee naannoo irraa baqatanii gara gudar, amboo fi finfinneetti socho´aa jiran dhagahama. Ummata nagaa kana gara mana hidha poolisii amboo, galmaa mootummaa, sanqallee leenjjii poolisitti hidhamaanii rakkachaa jiru, warshaa rasaasaa hoomachoo jedhamutti har'a fi kalleessaa illee guuraa oolan.
Bulchitooti naannoo durii akka ummataan jibbaman ibsanii gaafatamummaa wayyaaneen itti kennite hin fudhannu jechuu isaaniif illee akka ummata kana waliin hidhamanii fi hiraarfaman hubatamee jira. Bulchitoota Oromiyaa keessa jiran bifa kanaan seenaa hojjechuun ummata isaanii waliin dhaabbachuun tokkummaa Oromoo tiksuun sirna hacuccuu fi saamtuu wayyaanee of irraa kaasuun yoona ta´uu isaa sabboontoti Oromoo murannoon dubbatu.
Sababaa mana hidhaatti guurama jiran sabaabin isaas mootummaa kanaaf hin bulluu jedhanii fincilaa diddaa garbummaa geeggeessaniifi. Ummanni xiqur buulchiinsa wayyaanee dhiisee bulchiinsa mataa isaan buluu eegaluun kan isaan aarse wayyaanonni furmaanni isaan lafa kaahan marii osoo hin taane humna dha. Ummata bifa kanaan jimlaan hidhaa waayee demokrasii haasahuun waan bulchitoota, waraana, polisoota fi walumaa gala ilmaan Oromoo mara aarsee fi gaddiisiise ta´uu maddeen naannoo irraa nu qaqabe ibsu.
Ilmi Oromoo bakka biroo jiraniis naannoo ofii dhuunfatanii bulchuuf, caasaa saamtuu, ofittoo fi cunqursituu caasaa humna ummataaf quuqamuutti jijjiiruuf ummanni harka wal qabatee yeroon itti socho´uu amma ta´uu dhaamu.
Ilmaan Oromoo lakkoofsaan 200 ol ta´an keessaa:
1. Tashaalee Fufaa
2. Hayiluu Fufaa
3. Shambal Matios
4. Kitaabaa Qabata
5. Bogaalee Tasfaa
6. Shambal Kabbadaa
7. Abdiisaa Guddataa
8. Bekisisaa Dekisiisa
9. Wagaarii G/Silaasee
10. Abdiisaa Mitikkuu
11. Darajjee Bokoree
Beeksisaa Deksiisaa fi Wagaarii G/Sillaasee haga ammaa eessa akkaa ga'an hin beekamnee. Wayyaaneen rakkina kana hin jedhamne ummata biyya isaa irratti mirga isaa gaafate irraan gahaa jirti. Kanaaf falli isaa Oromoon huundi bakka jiruu ka´ee keessaa fi alaan hojii jabaa hojjetuun biyya isaa dhuunfachuu malee falli biraa hin jiru.
GADAAN GADAA BILISUMMATI!!
INJIFANNOO UMMATA OROMOOf!!