Hagayya 21, 2006 (Oromiyaa) - Godina kibba baha Oromiyaatti Milishootii leenjii fudhatanii deebihan lukkeewwan diinaa didan !
Godina arsii Lixaa ona Shaashamannee fi ona Arsii nageellee keessatti Milishaa Gandaa fi Lukkeewwan Diinaa OPDOn Walitti bu'uun dhagahame. Milishoonni gandaa Ji'a sadii´iif Jimmattii Leenjii fudhatanii Gara naannoo isaanii deebi'an kan laakkofsi isaanii 2500 ta'an akkuma Leenjii fudhattanii Gara naannoo keessanii Deebitaniin Mindaan isinii kaffalamaa Nageenya naannoo keessanii Eegdu jechuudhaan kan Lenji'anii galan yemmuu ta'u Milishoonni kuni akka Leenjii isaanii Xumuratanii Deebi'aniin mootummaan Wayyaanee Waadaa Dura Seeneef Diiguudhaan osoo mindaan tokkollee hin kaffalaminiif turanii jiru. Yeroo amnmaa Yeroo Biyyoota Ollaatti Lola banuuf Qophaayaa jiru kanatti Milishoota Duraan lafatti Gate Haaroomsa fudhaattanii Nageenya Daangaa keessanii Eegdu jechuudhaan Walgayii Torbaan Tokkoof turu Gaggeessaa jira. Walgayii Lukkeewwan Diinaa OPDOn Milishoota kanaaf Qopheessite kana Irratti Mormiin Guddaan Itti Dhalatee jra. Gaaffii fi diddaan Milishoonni muldhisaa jiran keessaa:
1. Ji'a Sadi Guutuu kan lafatti nugattan ahardha akkamitti Nuyaadattan ?
2. Lola Nuun Ilaalleef Deemnee Seenaa keenya balleessuu hin qabnu.
3. Rakkoo Ummata Sumaalee keessatti Ka'eef Mootummaa Itiyoopiyaa maaltuu isa galche?
4. Nu ammo wanti hardha wanti barbaadamneef akkuma Yeroo Lola Ertiraa Dhukaatuu karaa irraa Isinii haa kaafnuuf?
5. Je. Kamaal Galchuu fa'aa Maaliif isinirraa bayanii ABOtti makman Rakkoon keessan maali?
6. Nuti ammo Lola Ilmaan Oromoo Didanii Keessaa bahaa jiran Deemnee dhumuu hin qabnu jechuudhaan Mormatanii jiru .
Diddaa Milishootaa kanatti akka malee kan rifatan Lukkeewwan diinaa Milishoota Irratti Roorrisuu yaalanis Milishoonni kuni Nuti Maatii Jiraachifna waan ta'eef Osoo yeroo hujii keenyaa nurraa fixuu baattanii gaariidha namni ammaan booda gara Lolaa sinii deemu hin jiru jechuun itti himanii jiru. Lukkwwanis Ijjannaan milishootaa kuni akka malee kan aarse jaalattanii jibbitanis Ni deemtu jechuudhaan Sodaachisuuf yaalaa jiru.
*********
Odeessa diddaa fi tarkaanfiin wayyaanoti abdii kutannaan fudhataa jiran.
Godina Iluu A/Booraa Ona Cooraa ganda Abbaa Gooroo magaalaa Gooroo Keessatti gaafa 10/12/98 A L Htti faphileettiin ABOn shororkeessaa miti, farra Oromoo miti, farri ummata
Oromoo OPDO & Wayyaaneedha. Akkasumas Poolisoonni, hidhattoonni fi dabballoonni warri hiriira ummataa, barattootaa fi sochii ummataa fuuldura dhaabbattanii jirtanu adeemsa keessan kanaarraa deebi’aa. Yoo kan diddan taatan bara haaraa kana keessa tarkaanfii
keessa deebii hin qabnetu isiniifii gooftaa keessanirratti fudhamaa beekaa. Kan jedhu magaalattii kana keessatti waajjira, mana qondaalota wayyaanee, mana barumsaa fi kkfn irratti maxxanfamuun wayyaaneerratti shororka cimaa uumeera.
Kanarraa kan ka’een gabaan magaalaa Abbaa Gooroo guyyaa tokkoof otuu hin dhaabbatin ooleera. Dhimma naannoo kanaa qulqulleessuuf poolisoonni namni 8 yaroo ammaa achitti ramadanii nama kana hojjete baasaa jechuun ummata gidirsaa juru. Akka kanaan yaroo ammaa kana dargaggoo Tashoomee Maammoo fi Taaddalee Tashoomaa hojii kana isintu qindeesse jedhamanii beellama tokko malee Karchallee Beddelleetti darbatamaniiru. Dagaggoonni yaroof maqaan jaraa nageenye waajjira Poolisa Ona Cooraatti baayyeen akka hidhamaa jiraniidha.
Gara biraan ammoo ergamtichi wayyaanee Bulchiinsa Ona Cooraa ta’e Girmaa Dheeressaa jedhamu gaafa 13/12/98 ALH tti jiraattota magaalaa ganda Abbaa Gooroo kana walitti qabanuun kanaan booda fincilli ykn barreeffamni siyaasaa tokko as keessa faca’ee mullannaan jiraattota naannoo kanaa hunda kee waraanaan harsiisee Birsholoqootti si erga, gaafa qaamaa hirrattee, ijji kee jaanfame gad teessa ittiin jechuun jiraattota magaalaa kanaa xinneesseera. Jiraattonni magaalaa kanaas alana badiisa keessan waan gaheef waan haasoftanuu fi bakka itti haasoftan wallaaltanii jirtu, jechuun itti qoosaniiru. Akkuma walii galaatti walgayichi waan tokkorra otuu hin gahin faca’e jedhu maddeen keenya achii.
Dabalatas gaafa 10/12/98 ALHtti mana jireenyaa Faakiyaa Jamaal jedhamturratti halkan irraa Boombii 3 ol manasiitti gadhiifamee qabeenyaa akka Konkolaataa fi biroorratti miidhaan guddaa geessisaniiru. Sababni kun ta’eefis Addee Faakiyaan kun waggaa dheeraaf miseensa ABOtiin baayyee kan hidhamaa turanii fi rakkifamaa turan waan taa´aniif ammas rakkoo Ona Cooraa fi naannoo kana keessatti dhalataa jiru kana isaantu harka keessaa qaba jechuun akka OPDOn irratti qindeessitee ummata nagaa shororkeessaa jirtu hubatamee jira. Sabboontuun Oromoo kun dhidheessattis nama hidhamaa turan dha jedhu.
********
Dhukkubni koleeraa godina kibba bahaatti dhalate wayyaanotaa itti dhimma bahuun nu fixaa jirtu, babaldhatee jira
Dhukkubni koleeraa Godina Arsii Lixaa keessatti Jalqabe gara Godinoota Oromiyaa Birootti Dabruun dhagahame. Dhukkubni Koleeraa Kuni Armaan Dura Naannoo Arsii Nageellee fi Shaashamannee akkasuma Kofale, Dodola Adaabbaa, Asaasaa fi Kokkosa kan Dhaqqabe yemmuu ta'u ammas Gara Godina Gujii 'Shawaa bahaa' Arsii fi shawaa kibba lixaa Dhaqqabuun Ummata fixaa jiraachuun Dhagahame. Dhukkuba kana ittisuuf Gama mootummaa Wayyaaneetiin Tarkaanfiin Qubsaan waan hin fudhataminiif Dhukkubni kuni akkuma Salphaatti Godina Tokkoo Gara Godina Tokko Dabraa jira. akkuma armaan Dura Ogeeyyonni Fayyaa tokko tokko Ibsaa turanitti Dhuklkubni kuni yoo yeroodhaan Dhunfatamuu baate yeroo Gabaabaa keessatti Guutuu Oromiyaa dhunfachuu akka Danda'u hubachiisaniiru. Haala Kana kana furuudhaaf ammas gama mootummaatiin carraaqqiin godhamaa jiru waan hin jirreef Hawaasa Addunyaatti nuu Iyyaa Jechuudhaan Ummata Waamicha Godhanii jru.
Kun meeshaa waraanaa wayyaaneen ittiin nu fix jirtu ta´uu nuuf hubahdaa. (It is a
biological weapon that wayyaanees are fighting an Oromo).
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!