Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Hagayya 20, 2006 (Oromiyaa) – Wayyaaneen yeroo ammaa  humna waraanaa  feediraalaa  magaalaa finfinnee keessa jiran gara waraanaatti guuraa jira ilmaan Tigiraayi kan ta'an immoo  humna feediraalaa keessaa baasee CPAtti jijjiraa jiraachuun beekamee jira. bakka isaanii immoo humna darbatamaa jedhamanii  baatii  2/lamaaf/ kan leenji'anii  biyya keessa jiran bakka buusaa jiru.

**********

Mallattoolee moohamuu fi abdii kutannaa wayyaanee.

Yeroo ammaa wayyaaneen lola keessaa fi alaan ishee mudatee jiru kana nan fashaleessa jecha wixxifannaa isa dhumaa gochaa jirti.

Rakkoo keessaan isee mudate, ummata kaleessa ajjeessaa turte gumaa na baha sodaa jedhuun sossobbaa, sodachisaa, dantaan sossobaa fi kadhataa namoota ofitti qabuuf wacabbaraa jiratuun hubatame. Haala kanaan keessaa ummata qabaneessuuf jecha namoota baroota kana dura maqaa ABO tiin torbee torbeetti hidhamaa turan muuduun fala dha jechuun gochaa akkanaa bakka bakkatti raawwatuun ishee muldhataa jirti. Abjuun wayyaaneen qabdu ummanni Oromoo gochaa isaanii namoota maqaa ABO tiin kana dura miidhaman yoo muudne ummanni gaaffii isaa dhaaba jedhu irraa akka ta´e hubatamee jira.

Waan wayyaanonni hin hubanne garuu gaaffiin ummata Oromoo jijjiirraa namootaa osoo hin taane jijjirraa sirnaa ta´uun osoo hin hubanne dha jechuun nama rakkisa. Gaaffiin ummata Oromoo ammallee gaaffii mirga hiree ofii ofiin murteeffannaa fi jijjiirraa sirnaa gaafatu malee jijjiirraa namoota muraasaan hiikamuu hin dandeenye ta´uu Ummanni Oromoo hubatee akka afaanfajjawiinsa wayyaanonni itti jiran irratti dammaquun ummanni Oromoo qabsoo itti jiru kana jabeessu sabboontonni Oromoo dhaammatu.

************

Ona  buraayyuutti  Maadhee Nyaatee Tufaa jalatti  kan hun daa'an  Maadhee  Humna  Galaanaafii  sardaa Gaggabsaa. Gmmachuu sabboontonni Oromoo hoomaa waraanaa wayyaanee keessa  turan  tarkaafii isaan fudhatan kan gammachiisudha jedhanii dhaamsa gammachuu gootota oromoo warra akka   Birgaader  Janaraal Kamaal Galchuufii Koloneer  Abbabaa  Garasuu  fii gartuun isaanii fudhatan kan uummata oromoo gootummaa isaa diinnatti agarsiisu ta'uu   yeroo ammaa Janaraal Taaddasaa Birrufaa duubatti deebinee kan nuyaadachiisu yoota'u   baga nagaan  WBOtti dabalamtan jechaa  kan waraana wayyaanee keessatti hafniifii  biyya keessatti sadarkaa hojii adda addaan uummata oromoo miidha jiran ejjennoo isaan fuddhatan  fakkeenya go'chuudhaan isaanis  tarkaanfii akkasii akka fudhatan nihubachiifna jedhanii jiru.

Kanarratti hundaa'uun ibsa ejjennoo qabxii  5 ofkeessaa qabu baafatanii  jiru.
      1/ Gaaffiifii deebii  Janaraal Kamaal Galchuufii koloneer  Abbabaa  Garasuu  SBO oromoo waliin godhan ni dinqisiiffanna  keessumaayyuu waa'ee minaasee il aalchisee.
       2/  Gartuu isaaniis  guddaa galatoomfanna galanni hunda  isaaniif qabnus  Bilisummaadha.
       3/Mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu kabajamutti  waan qabsoon nugaaffattu hundaa nibaana
      4/  Hayyoonniifii  darggaggoon ,manguddoon,oromoo hundi mana hidhaatti dararamaa jiran hundii hatattamaan akka gadlakkifaman ni gaafanna.
      5/ Mormitoonni oromoo biyya keessatti wayyaanee waliin  walii galanii jiran akka walii galtee isaanii ammaatti  ragaa tokko  malee hin hidhamu  yoo hidhames guyyaa tokkofii lama gidduutti dhimmi isaa qulqullaa'ee gadlakkifama jedhama kanaaf mormitoonni oromoo biyya keessa jiran   OBK, WFDO,ABO jedhanii osoo addaan hinqoodiin  dhala oromoo hundaaf akka
dhaabbatan nihubachiifna erga dhala oromoof dhaabbanne jedhanii haqaan ala oromoo maraaf akka dhaabbatan nihubachiifna.  
**********

Ibsa Ejjennoo Maadheelee Ambachaa Tuutee, Tuuta Goototaa, fi Odaa Bulluq.

Maadheeleen ABO armaan olii Ona Deedoo keessatti argaman ibsa ejjennoo  baafatan akka harmaan gadii ta’a.

  1. Tuumsa Bilisummaa fi Dimokraasii kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn dhaabota biraa waliin ijaarame ni deeggarra.
  2. Ummata keenya walbarsiisuun akka qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hirmaatan ciminaan ni hojjenna.
  3. Waadaa keenya haaromsuun waan qabsoon bilisummaa Oromoo nu gaafattu ni hojjenna.
  4. Olola diinni dhaaba bilisummaa saba keenyaaf falmu ABO irratti oofaa jiru fashalsuuf ciminaan ni hojjenna.
  5. Ummanni Oromoo Otoo amantii fi godinaan addaan walbaasiin dantaa diinni gootu ta’uu irratti dammaqee akka tokkummaa isaa cimsatu waamicha goona.
  6. Oromoonni faayidaaf, ykn wallaaluun mootummaa gabroofattuuf ergamaa jirtanu akka gara qabsoo bilisummaa keessantti deebiitanii qooda fudhattanu waamicha goona.

 

Rabbiin bara bilisummaa nuuf haa godhu.

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Ona Deedoorraa

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net