Hagayya 16, 2006 (Oromiyaa) - Polisii Wayyaanee Gidduutti Jeequmsi Dhalate! Hagayya 15, 2006 galgala keessaa naannoo sa´aa 9:00 irratti Ona Calliyaa magaalaa Geedootti Humni darbatamaa fi Polisa federaalaa gidduu walitti bu´iinsi dhalateen gama lachuunu miidhaan guddaa gahee fi Hawaasa nagaa irrattis balaan qaqabuun dhagahame.
Walitti bu´iinsa dhalate keessatti polisoota federaala keessaa namooti lama yeroo du´an, humna darbatamaa keessaa akka namooti sadii madaahan maddeen qabatamaa ibsu. Ummata nagaa irrattis balaan gahuu ibsamee waan haga ammaa hubatame namoonni nagaa lama madaahuu dha.
Haala yeroo ammaa xiinxalamu keessatti mooraan wayyaanee jeeqama hamaa keessa galee jira. Yeroo ammaa mooraa waraanaa, polisaa fi tikaa wayyaanee keessatti jeequmsi fi wal shakkiin guddaa akka dorrobee jiru dhagahama. Haalli amma walitti bu´iinsi Geedootti ta´e illee mallattoo jeequmsa boru dhalatuu ta´uu sabboontonni Oromoo himu.
*******
Naannoo jijjigaatti wal gahiin akkaan eegumsa cimsanii waraanaa walitta qabanii itti dubbisaa akka jiran barame. sakattaan waraanni akka hin banne bakkayyutti jachuun karaa adaree deemmutti godhan cimee itti fufee jira. Harar ammoo poolisoota leenjii odoo hin fixatin bakka leenjiirrra magaalatti bobbaasanii, inumaa heddomina irraa kan ka'e akka waan mana manatti nama eeganii hulaa hunda dura jaajjanii bulun kan nama ajaa'ibsaa jiruudha.
********
Ona Ada'aa Bargaa, Godina lixa showatti keessatti madhee Gurmeessaa Lammii jalatti kan walitti qabaman Maadheen 8 walgahii bal'aa erga godhatanii booda ibsa ejjenni qabxii 5 of keessaa qabu baafatanii jiru ,
1. OPDOn ummata oromoo fuul duratti daawwitii ta'ee kan diina nuratti dagaagsaa jiru nimormina ummata oromoon bakka bu'ee, hin danda'u .
2. Tumsa dhaabni keenya ABO dhaabbilee mormitootaa biro waliin godhata ni deeggarra fiixa ba'insa isaatiifis ni hojjenna.
3. kallacha oromoo kan ta'e ABO waliin hanga dhumaatti ni dhaabbanna , wareegama nurraa barbaachisu hundaa kaffallee bilisummaa keenyaa nii gabaabfanna.
4. waldaan Machaaf Tuulamaa cufamuunsaa Aadaafii seenaa saba oromoo balleessuu waan ta'eef ciminaan ni mormina .
5. Wal gahii OPDOn barattoota goyyomsuuf yaalaa jirtu ciminaan nimormina barattoota cinaa dhaabbannees ni mormina .
********
Ona Aqaaqii keessatti Maadheen Booree Baasaa Alamuu Roorrisaa jalatti walitti qabaman maadhee hedduun walgahii bal'aa erga godhataniin booda ibsa ejjennoo qabxii 5 ofkeessa qabu bafatan.
1. Tumsa dhaabni keenya ABOn dhaabbiilee mormitootaa biroo waliin godhate ni deeggarra .
2. Waldaan maccaaf Tuulamaa cufamuu isaa yoomis ta'ee ni mormina, dhimma kanaan walqabatee hayyoonni oromoo mana hidhaatti dararamaa jiran hatattamaan akka hiikaman ni gaafanna .
3. Dhaabbiileen Mormitootaa oromoo biyya keessaa taayitaaf osso hin taane bilisummaa qofaaf akka falman ni beeksifanna.
4. Abbaan Duulaa oromoota qabsoorra jiran addaan qooduuf tattaaffii Biyya Ambaatti gochuuf xaaraa jiru akka dhaabu ni akeekkachiifna .
5. Goyyomsaa OPDOn baati 8 fuuldura Aadaafii turiizimii galma oromoo finfinnee keessattii jaaruuf jalqabee jira jedhee biyya goyyomsaa jiru ni mormin hanga ammaattis yoo goyyomsaaf ta'e malee waan ijaarames hin jiru .
********
Ejjennoo Barattoota Oromoo Sadarkaa Tokkoffaa fi Lammaffaa Haaramaayaa
Nuti Barrattootni Mana Barnoota sad. Lammaffaa Haaramaayaa fi kaanneen Anaa kana keessa argamnu martinu guyyaa 15/ 08/ 2006 tti wal gayuun marii bal'aa ademsiifnee ibsa ejjannoo qabxii 4 qabuu baafannee jirra. Isaanis:
- TBD ABOn uummatee fi kan dura taa'ummaadhaan hoggannuu bu'aa qabsoo barattootaa fi uummata Oromoo waan taheef ni deggarra.
- Walgahii lukkeewwan Wayyaannee qopheessan irratti gootootni barattoota Oromoo OPDO'tu sareef i maxxantuu wayyaaneeti malee ABO'n maxxantu miti jeedhani dabballoota wayyaaneeti himuun isaanii haalaan nu baansee jira. Itti fuufee haa jabaatu.
- Warreen dantaa fi faayidaa xixxiioqqodhaan soobamtani Wayyaaneef waardiyaa dhaabbachaa jirtan hundi yeroon itti qabsoo saba ofoitti makamtani bilisuummaa keenyaaf qooda gumaachuu qabdan amma waan taheef tarkaanfii jaalatamaa kan akka Gen. Kamaal Galchuu faan fuudhatan akka fudhatan waamicha isiinif dhiheesinna.
- Lukkeewwan diinaa kanneen gochaawan adda addaa uummata irratti raawwatana, Farrootni qabsdoo bilisuummaa ummata Oromoo gocha diinuummaa irraa yoo of qusachuu baatan tarkaanfi irratti fudhamtamuuf matuuma isaanitu itti gaafatmummaa fudhata.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Barattoota Oromoo Manneen Barnoota Anaa H/Maayaa keessa jiran irraa.
(sad. 2ffaa fi Elementary's dabalate)
Hagaya 15, 2006