Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Hagayya 15, 2006 (Oromiyaa) - Wayyaanoonni barattoota Oromoo irratti gidiraa itti guddisaa jiran Ilmaan Oromoo lama kan Idi'aadii(directarummaa mana barumsaa ta´uuf) baratan humna tika mootummaan fuudhaamanii miidhaan jabaa irra gahe. Barattoonni kun dura 'security' mootummaa uffata siivilii uffatanii ni barbaadamtu jedhanii otoo isaan deemanii gaafatamanii dirqisiisuu eegallaan ijoolleen eenyummaa keessan hin beeknu jechuun ofirraa faccisnaan battalumatti Faxinoo qophaahee eeggataa jiru itti waamuun torban darbe reebbitii akka malee irraan gahanii iji barattoota lameenii baqaa jira, qaamaanis akka malee miidhamanii jiru, mana yaalaas hordofuun  akka hin yaalamne godhanii rakkisanii ijoolleen hanga ammaa iji isaanii akka malee miidhamee rakkataa akka jiran hubatameera.

 *******

Ibsa Marii Maadhee Ijoollee Wancii

Tarkaanfii Gen. Kamaal Galchuu Waa´illattoon isaa waliin fudhate fakkeenya ilmaan Oromoo mooraa waraana wayyaanee keessa jiruuti. Kamaal Galchuu fi waa´illannonni isaa waamicha dhaaba isaa uummataa fi dhugaa ummataa hubachuun wayyanee waliin hin dhaabbadhu! Kana duuba dhaaba koo fi ummata koo waliin dhaabadhee hojjedha jechuun Lukkeelee fi wayyaanee kann waaroo salphina itti uffise dha. Haalli kun kufaatii wayyaanotaa fi diigama waraana wayyaanee dhiyaachuu isaa kan mirkaneesse dha. Kun ammoo bu'aa Gootowwan Oromoo dirree qabsoo, FDG irratti wareegamanii fi shororkaa wayyaaneen Tumsa Bilisummaa fi Dimokiraasii irraa qabdu irraa ta´uun hubatamee (TBD)  TBD guyyaa bilisummaa akka gabaabse agarsiisa. Kanaaf uummanni marti warra afaan isaan afaanfajjessuun otoo hin moofkamiin/gowwoomiin akka dura dhaabatu waamicha dhiyeessaniiru.

Haaluma kanaan ibsa ijjannoo qabxii lama qabuu baafatni jiru.

1. Lukkeeleewwan wayyaanee TBD ILAALCHISEE olola ofaa jiran irraa of hin qusatan taanaa tarkaanfilee barbaachisaa ta'a fudhachuun nurraa eegama.

2. Ilmaan Oromoo meeshaa wayyanee baatanii jiraniif obbolaawwan isaanii dhiisanii isuma wayyaanee diina ummataa kan ta'etti akka garagalchan kana ta'uu baannan kufaatiin isaanii kufaatii diinaa ta'uu isaa akka hubatan dhaammanna.

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net