Hagayya 15, 2006 (Oromiyaa) - Dhaamsa Baga gammannee barattoota Oromoo yuniveristy ol aanaa.
Injifannoo ajaa’ibaa kan abdii sabboonoota daran jabeessu, mooraa diinaa immoo daran diigu torban kana gonfanneen baga gamanne! Bobaa diina jalatti warra hafan jabannee bu’aa ummata keenyaaf akka hojjannu bakka jirru maratti itti haa yaannu! Yaaddofnu! Injfannoo isa dhumaaf qophaa’uun yeroonsaa har’a!
Injifannoon kun Injifannoo hojii baroota dheeraa ABO dalagame ture ta´uu hubanna, wareegama lubbuu jaallan hedduu, wareegama gootota barattootaa fi qonnaan bulaa Oromoon ta´uus hubanna.
General Kamal Galchuu seenaa waraana biyyittii keessatti Oromoof hojii seena qabeessa hojjete. Hojii gootummaa dalage. Isaanis baga Obboloowwanii fi jaallan isaanii WBO bira baga nagaan gahan jenna. Fuuldurattis gumaachi isaan caasaa mootummaa diiguu keessatti xabatan guddaa dha jenna. Oromoon keessaa fi alaan harka wal qabatee socho´uun isaa waan guddoo nu gammachiise dha.
Dhguman gootummaan kan madaalamu saba ofiif hojjechuun malee saba akeeka saba biroo galamaan gahuun akka hin taane ifaan warri hubatan kun, warri hafes isiniin fakkeenya godhachuun akka keessaa fi alaan wal ijaaree akeeka qabsoo Oromoo kan ABOn durfamu galamaan gahuuf harka wal qabannee socho´uun guyyaa gabrummaatti xumura itti gochuuf haa kaanu!
**********
Barsiisaan muummee PSIR (political science end International relation) maqaan isaa Yoonaas Qatsalaa jedhamu 'handout' kan kitaaba Tashaalee Xibabuu keessaa fudhatame jecha fokkisaa maqaa saba keenyaa xureessuu kan guutame nuuf laannaan hatattamaan akka inni jijjiiru itti himnee diinii irrattis himanne.
Haa ta'u malee jarris waanuma barsiisicha gargaaru qofa waan dubbataniif gaafa 4/8/2006 kana barsiisuu hin dandeessu jennee kutaadhaa baafnee jennaan barattoonni keenya kan ala turan aarii irraa kan ka'e reebaniiru. Haala kana ijaa ba'uuf jecha barsiisonni hedduun gaafasuma 'pitition'nu irratti walitti funaanaa oolan. Yeroo ammaa tarkaanfiin yuniversiitichaa maal akka ta'u hin beeknu.
Walumaa gala haala kana Oromoonni martu bakka jiran irraa si'aayinaan akka hordofaan waamicha dhiheessina.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
|