Hagayya 14, 2006 (Oromiyaa) - Reebichi hamaan Weellisaa Oromoo Tooleeraa Ittiisaa irratti wayyaanotaan fudhatame Weellisaa Oromoo kana du´aa fi jireenya gidduu akka jiraatu isa dirqe.
Adolessaa 29, 2006 Magalaa Gabra Gurraachaa Kan jiraatu weellisaa Tooleeraa Ittisaa humnaa polisa federaalatiin qabamee tumamuun yeroo ammaan tana weellisaan kun du'aaf jireenyaa gidduu jiraachu oduun naannichaa nu qaqqabee mirkaneessee jira. Weellisan kun dararaa cimaa irraa gaheen garaa manaa yaalaa illee akkaa hin deemnee dhorkamuun yeroo ammaan tanaa wajjiraa polisii aanaa G/gurraachaa haalaa gaddisiisan harkaa lamaan hidhamee jiraachuu sabbontoonnii gaaffii dhaqan ni dubbatuu.
*********
Wayyaaneen abdii kutannaan ummata saamuu fi mana irratti dugaa jirti Wayyaaneen Mana ummata Oromoo kan burrayyuu fi walmaraatti ijaaraman diiguun itti hankaakee ummata maaliif manni koo diigama jechaa jiru irratti dhukaasuun ajjeessaa fi madeessaa jirti. Buraayyuu ykn walmaraatti ijaarsa seera alaa jechuun ajajaa wayyaane ergamaa Abaa Duulaatiin `fedaral police` ummatta Oromoo irraatti bobbaasun 08/08/06 irraa kaase nama 2000 ol manni isaan irratti diigame jira.
Abbaan ijoollee lama 1 yoo du`uu namni 20 ol madaawe jira. lafti kun kan barbaadameef minaasen W/Giyoorgis namoota biyya alaa jiran akka investorti akka biyyatti galan fi irraatti hojjetan jedha akka Odeessaa keessaa argannetti. karaa biraa immoo ammaan tana wayyaaneen naannoo Carqoosi fi Lidataatti bakka gara garaatti halkan uummata saama jirti; ittis fuftess jirti. Injifannoo Ummata Oromoof!! Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
|