Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila diddaa gabrummaa

Hagayya 4, 2006 (Oromiyaa) - Wayyaaneen yeroo ammaa warra kastamaa kan duraan jiru ummata saamuu diddan jechuun warreen fedraalaa jettee kanneen tigrootaan guutaman leenjifattee hujiirra oolchuuf qindoomina xumurachaa jirti.

Warra duraan hojjachaa jiru odoo bakka biroottillee jijjiiruuf sagantaa hin qabne guutumatti arihuuf akka wayyaaneen qophaawaa jirtu barame. haalli kuni namoota kumootamaan lakkaawamu carraan isaanii kan hujii biyyatti akka laaqamuuf deemu keessa beetoonni dubbachaa jiran. sababa kanarraa kan ka'e warreen amma hujii irraa arihuun deeman kuniis waan isaanii dandahame hundaan mootummaa tana dura dhaabbatan akka marihachaa jiraniis barameera. wanni jechaa jiran beelaan dhumuurra waan dandeenyu goonee yoo duune gaariidha jechuun akka dhaadachaa jiran odeessi gama hojjattoota kastamootaa kanrraa dabru ni mirkaneessa.

*********

Shira wayyaanee fi Diddaa barattoota Oromoo. Mootummaan wayyaanee barattoota gargar qoodee  harkatti galfachuu yoo yaade iyyuu  akka inni yaadetti hin milkoofneef.

 

Jalqabaaf barattoota  sad.2ffaa addaan baasee  warra kaan dhorkee warra kaan immoo  walgayiin  sossbee miseensa godhachuuf yaalii godheeti ture garuu isa kana irratti dammaquun  barattoonni gaafii sammuu isaaniti ol ta’u gaafachuun waan qabataniifi waan dhiisan wallaalanii jiru. Kanuma irraa ka’uun warri walgayicha geggeessan harra’a gaafii kanatti hin qophoofne yeroo biraan deebisa jechuun yeroon itti walgayii dhiisanii bahantu jira. Kuni otoo kanaan jiruu  barattoota  yuunbersiitiif koolleejjii  barattoota gargar foo’ee kaan maqaa isaanii baasee maxxansuun kaan immoo biraa hambisee jira.

Warri afan deemanii nuti kobaatti ijaa maal ta’eef  hafnee jedhanii yoo gaafata  waraqaa miseensummaa fidaa  warrii maqaan isaani bahe miseensa ta’aniitu jechuudhaan  wal amantaan akka barattoota jidduudhaa dhabamu taasisaa jira  kun otoo kanaan jiruu  barattoota walgayiif gara adaamaa erge  achiin gaheen booda  warri misseensa hin ta’iin miseensummaan galmaa’aati waraqaa miseensummaa erga fudhataniin booda  asitti taa’uu dandeessuu jedheen kanaan booda barattoonni nuti  otoodhuma lubbuun nu dabartee miseensa keessan hin taanu jennaan  isin warri diddan koottaa jedhanii gara allaageetti geessan  kanaan booda qarshii nyaataf illee gahaa hin taane qar 19 qofaan taa’aa jedhaman. 

Kanuma irraa ka’uun barattoonni hin teenyu jedhanii jeeqnaan  human polisii federaalaafi loltuu ittii bobbaasuun akka isaan mooraa keessaa gadi hin bane godhee humnaaan teechisuuf yaalii gochaa jira. Kun immoo bu’aa akka  hin qabne beekanii  nuti  otoo lubbuun jirruu miseensa wayyaanee taanee lammii keenya  hin gannu  kanaafuu  uummaanni Oromoo fi barattoonni wayyaaneen tooftaan akka waan nuti miseensa taanee jirruu fakkeessee addaan  nu baasuuf  yaalaa jiru dammaqxanii  qabsoo keessan ciminaan akka itti fuftan isin beeksifna.

*********

Maandheewwan Maandhee Leenca Gannaalee Jalatti Gurmaayan  Walgayii yeroo Lammaffaaf godhataniin Haala  Qabsoo bilisummaa Oromoo irrattii bal’inaan erga Mari’atanii Booda Ibsa ijjannoo Qabxii Shanii ufkeessaa qabu baafatanii jiru.

 

1         Qabsoo Bilisummaa Oromoo Yeroo ammaa Sadarkaa Murteessaa irra gaye kana Jabeessuudhaan Guyyaa Mootummaan Wayyaanee itti kufu as dhiyeessuudhaaf  Murannee Kaanee jirra.

2        Diinota Qabsoo keenya  irratti Olola Ofanii fi  Qabsoo keenya afoo Dhaabbatuu barbaadan hunda Dhaaba keenya bira Dhaabatuun Hiddaan buqqifnee Dhabamsiisuuf Nihojjanna.

3       TBD Dhaabni keenya ABO Dhaabota  Mormitoota Wayyaanee waliin godhate Nideeggarra.

4        TBD ijaarame gufuuwwan QBO afoo jiran Hiddaan buqqisee waan jalaa kaasuuf Ijaaramuun TBD Fiixa bahiinsa Bilisummaa keenyaaf Shoora Guddaa waan taphatuuf Diinota TBD ijaarame kuni akka malee isaan naasisee Olola irratti Oofan afoo dhaabbatuuf Qophii dha.

5         Dhumarrattis TBD ijaarame kana Fiixa bahiinsa isaatiif  Hojjataa Gumaacha Qabsoo Bilisummaa Oromootiif godhamu jabeessinee itti fufna jedhanii jiru.

  

Injifannoon Ummata Oromoof !!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

******

Ibsa ejjennoo maadhee Ona Limmuu Kosaa Magaalaa Ambuyyeerraa

 

Ibsi Ejjennoo Maadhee “Tarkaanfataa Dhugaa”, “Ijoo Bilisummaa” fi “Abdii Boruu” Ona limmuu Kossaa magaalaa Ambuyyeerraa baafatan akka kanaa gadiitti ibsataniiru.

 

1. Tuumsa Bilisummaa fi Dimokraasii A B On durfamuun bu’uureffametti guddoo gammanneerra. Akkasumas TBD kana galmaan gahuuf qabeenyaa, giidoo fi dandeetti

qabnu otuu hin qusatin A B O bira dhaabbannee galmaan gahuuf kan yaroo kamii caalaatti hidhannee kaaneerra.

2. Jabina A B O qabuu fi qabsoo bilisummaa Oromoo adda durummaan tarkaanfachiisee sadarkaa kanaan gahe guddoo dinqisiifataa galata guddaa qabnu A B O tii galchina.

3. Dhaabotiin Oromoof qabsoofna ofiin jedhan A B Otti Inaafuu dhiisanii akka A B O jalatti hiriiranii qabsoo Saba Kanaa galmaan gahan waamicha Lammummaa dhiyeessina. Tarkaanfii kana hin fudhattan yoo taatan ammoo gaafatama qabsoo fi Seenaa jalaa akka hin baane

hubadhaa.

4. Sab-boontonni Oromoo Ona Limmuu Kossaa fi Limmuu Saqqaa  ( Atinaagoo ) fi naannoo isaatti argamtan ykn keessa jirtan walqindeessuun akka maadhelee kana keessatti hirmaachuun dirqama qabsoo fi Lammummaa fudhattanu waamicha isinii goona.

5. Ona Limmuu Kossaa ganda Dhuujumaa fi Yaatuu Tirgii keessatti wayyaneen dhimma mataa isii baafachuuf walitti isin buusaa jirtu kana hubattanii gandoonni kun lachan akka Aadaa Oromootti walitti dhuftanii rakkoo jiru fixattanu nuti maadheleen kun waamicha

isinii gooneerra.

6. Jiraattonni magaalaa Ambuyyee keessa jirattan Walloo Oromoo jechuun maqaa adda addaa waliibaaftanii imaammata wayyaanee tarkaanfachiisuu dhiiftanii akka umurii wayyaanee gabaabsuurratti walii galtanu waamicha isinii goona. Walloo jechuunis Oromoodhuma;

kanaafuu, Shira OPDOn xaxaa jirtu irratti dammaqaa jenna.

 

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Hagayya 30,2006

Ona Limmuu Kossaa magaalaa Ambuyyeerraa.  


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net