Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila diddaa gabrummaa

Hagayya 3, 2006 (Oromiyaa) - Ona Beegiitti 30.07.06 Barattoota Sadarkaa lammaffaa 9-10ni jiran Abiyootaawwii  diimokiraasii kan jedhamuu barsisuuf walitti qabanii Waa’ee seenaa
Minilik yeroo barsiisuutti ka’anitti, waa’ee seenaa Taddasaa Birruu,Kan Elemoo Qiltuu,Kan Adam Jiloofaa nu barsiisaa malee isin hanga yoomiitti seenaa sabakenyaa dhoksitanii kan alagaa nu barsiiftuu? Jedhanii mormii guddaa yeroo kasanitti, barsiisaan sana barsiisaa jiru kan maqaan isaa Malkaamuu Hiikaa jedhamu Poolisii itti waamee jennaan gaaffin keenya gaaffi Poolisiin deebi'ii argatuu miti, gaaffiin Keenya yoomiyyuu kan ABOn deebi’ii argatuudha malee isiniyyuu
maxxantanii yoo ajjeesaa jedhan nu ajjaftanii yoo hidhaa jedhan nu hiitaniiti jiraachaa jirtu waan ta’eef nuti kanaan booda qarshii 10,10niin  nu goyyoomsuu hin dandeessan jechuudhaan fincilanii afaan qabachisanii oolani jiru.

Rifaatuu sanirraan kan ka’ee  magaalaa keessa deemanii isin deeggertoota ABOti ,Gumaa Hassan Umar bafannaa jettanii gurmooftanii akka deemaa jirtan beekna jechuudhaan Ummata Magaalaa sanaa dorsisaati jiru.kanneen kana gochaa jiran Fkn 1, Duulaa Ayyaanaa, Alamin Oljirraa, basaasaa jaraa kanaa kan ta'an  Jamaal Muusaa,  Mikaa’el Bushuu,  Alkanoo Ayyaanaa fa’aadha.

 *********

Dhddaa barattoota Oromoo Godina kibba bahaa

Walgayiin lukkeewwan Diinaa Zoonii Arsii Ona Dodolaa keessatti barattoota Oromoo waliin geggeessaa turte Injifannoo barattootaatiin xumuramuun dhagahame. Barattoonni sadarkaa 2ffaa Ona Dodolaa akkuma Walgayiin Jalqabsiisaniin tarkaanfii Dabballoota Meeshaa Diinaa ta’anii barattoota afanfaajjesuuf dhufanirratti fudhatuun ni beekkama barattoonni kuni Guyyaa guutuudhaaf Galma Walgayiin itti adeemamu dhuunfatuudhaan Waa’ee Qabsoo bilisummaa Oromoo Mari’ataa olanii jiru.

Itti fufudhaanis barattoonni kuni Gaaffiwwan addaa addaa kaasanii gaafatanis deebii argatuu hin dandeenye Lukkeewwan Gaaffii barattootaa kanaan Dhama’an barattoota tokko tokko  Doorsisuu yaalanis barattoonni gaafii isaanii gaafatuu irraa duubatti hindeebine Gaafii isaan gaafataa turan keessaa Waldaa Maccaaf Tullamaa kan Seenaa Ummata Oromoo keessatti bakka guddaa Qabu yeroo Waldaan kuni bu’aan inni Ummata Oromootiif Buuse hin jiru jettan akka Seenaa Ummata Oromoo hin beeknee fi akka Dantaa Ummata Oromoof Hin hojjanne ufitti Mirkaneessitanii jirtu. Waldaa Maccaaf Tullamaa jechuun Haadha Hylamaram Gammadaa,  J/ Taaddee Birruu, Maammoo Muzammil, J/Alamuu Qixxeessaa kan akka H/Aadam Daaraaraa fa’a  Kanneen Qabsoo Bilisummaa Oromootiif Bu’uura ta’an argamsiise ta’uu beektuu ? jechuudhaan itti Dhadatanii jiru. isin kan beektan Dirqama Gooftoliin keessan isinitti kennan fudhataa Ummata Oromoo Jiruu Dhoogguu dha. Jedhaniinii  jiru. 

Walgayiin isin bu’aa buufanna jettanii Dhama’aa jirtan kuni kan bu’aa takkallee isinii hin buufnee ta’uu hubadhaa. Nuti isin hin barbaannu, isin ummata Oromoo bakka Bu’uu hin dadeettan,Ummanni Oromoo Alagaadhaan hin bulu, Abbaan Duulaa /Minaaseen W/Giyoorgis nuun bulchu, Nuti kan Barbaannu ABOti Inni nuhaa bulchu,OPDOn Dhaaba Walaba Oromoo osoo hin taane Ergamtuu Wayyaaneeti kanaaf nuti kan barbaannu Kallacha Qabsoo ummata Oromoo kan ta’e ABOti Hangam yoo turellee isumatuu nu bulcha jechuudhaan itti himanii jiru. Walgayiin Lukkeewwan bu’aa irraa arganna jedhanii Waaman osoo bu’aa takka irraa hin’argatiin guyyaa dhumaattis Unkaa Lukkeewwan guutaa jettee barattootatti keennite barattoonni irraa nfuudhanii Ilkaaniin kukkutanii Alanshuudhaan fuula isaanii duratti Gatanii jiru. Suuraa OPDNOn Gaafattes dhooggatanii galma gadi dhiisanii bahanii jiru. Barsiisota Unkaa kana akka Barattoota Guchisiisan itti kennaan isintuu itti gaafatama jechuudhaan akka sodaachisaa jiranis dhagahame.

Gama biraan Zoonii Arsii Ona Arsii nageellee keessatti Walgayii Lukkeewwan barattoota waamte irratti mormiin cimaan akka isaanitti dhalate dhagahame. kanumarraa ka’uu dhaan Lukkeewwan Diinaa Kan ta’an barattoota Doorsisaa jiraachuun dhagahame.

Dura taa’aa Mana baruumsaa Sad.2ffaa kan ta’e Fiqruu Bayyanaa fi Itti gaafatamaa Milishaa Ona Arsii Nageellee Kan ta’e ergamaan Wayyaanee  Tolaa jedhamu Barattoota  akka malee Rakkisaa akka jiru dhagahame. Ergamtoonni Diinaa kuni armaan duras  Sabboontota Oromoo Arsii nageellee Keessatti argaman Rakkisaa kan turan yemmuu ta’u ammas gochaa Farrummaa isaanii kana itti fufanii jiru kanaaf osoo tarkaanfiin irra deebii hin qabne isaan irratti hin fudhatamne Gochaa Farruumaa kana irraa akka deebi’an Sabboontonni Arsii nageellee Hubachiisanii jiru.

********

Ibsaa fi diddaa

Maadheeleen ABO onaa Abee Dongoorotiin qajelchaamun sochiwaan lammiiwaan lammii bonsaan kan ABO jajjaabesaan Kuttannoo dhaan gegeesanii milkiin raawwatan.

Akkata kanaan waal ga’iwwaan adda addaa geggeesun maadheele ijarunif finciila didaa gabrummaa jajjaabrsun Qabsoo hadhooftuu gochaa jiraan fuuldurattis itti cimsan hubachiisan. Walgahii isaanii milkiin xumurachuun ibsa ejjennoo armaan gadii baafatanii jiru.

  1. Nuti miseensoon maadheele adda addaa jalatti ijaaramnee jirru akkata geggeesummaa ABOn durfamu waliin hiriiruun qabsoo ni finiinsina.
  2. Qabeenyaa keenya, beekumsaa keenyaa , yeroof waan hundumma qabsoo irra hin qusaanu.
  3. Namusaa maadhee kabajinee waan qabsoon nurraa feetu hunda ni dalagna.
  4. Tumsa bilisummaa fi diimokraasii ni deegeraa.
  5. Dhaabbata maxaanee OPDO fi warra ABO irratti duulan mara ni balaaleffanna.
  6. Qabsoo didaa gabrummaa ni tumsinaa.
  7. Beekaas ta’e wallaale ummaan dhaabon OPDO, kan biruu keessatti hirmaate akka gara dhaaba ABOn dursaamuti dabalamee hojii seena qabeesa hijjeetaan gaafanna.

Barsiisoni walga’ii wayyaaneen waamtee irrati hirmmataan gochaa jirtan ergama wayyaaneen isinitti kennite kana irraa akka of qusattanii ummata keessaniif yaaddan. Namoonni OPDOf amanamoo ta´anii hojjetan muraasa irraa kan hafe barsiisoti Oromoo gootummaan wal gahii wayyaanee mormanii jiru.

Barattooni Mana barumsaa Tulluu Waayyuu sadarkaa 2ffaa walga’ii gaafa 23fi 24/7/2006 godhaniin fincila kaasuun walga’ii diiguun, dhaadannoofi sirbaab diddaa isaan yomuu mulisaan dhaadannoowwan dhageessisan keessaas

    . Nuti Goobanaa hin feenu.

    . Qarshiin hin bitaamnu.

    . ABOn kallacha qabsoo uummata Oromooti

    . Hireeofii ofiin murteeffannaan uummata oromoo haa mirkanaa’u

    . Hidhaa, ajjeechaa fi doorsisni qabsoo bilisummaa ABOn degerammuu irraa dubaa nun hin  deebisu. jechuun warra muraasa turan

                                                                                     

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net