Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Hagayya 1, 2006 (Oromiyaa) - Godina Jimmaa, Ona Saqqaa Coqorsaa keessatti lukkeewwan diinaa OPDOn gooftaa isaanii, Wayyaanee irraa abdii kutuu irraa kan ka’e qabeenya uummataa saamaa jiraachuun irra gahameera. Ganda Qofee keessatti gaatiraa heektaara 12 olitti tilmaamu kanaan duras waajjirri Qonnaa fi bulchiinsi Ona S/coqorsaa dura taa’aa ganda Qofee wajjin walii galuun tarkaanfii akkanaa qabeenyaa kana irratti fudhachuu jennaan tarkaanfii uummanni fudhateen to’annaa jala oolanii jiru. Haa ta’u malee, ammas dura-taa’aan Ganda Qofee Zinaab A/Boor wajjin walii galuun  uummata Gandichaa sobuun calbaasii sobaa baasanii gurguruuf socho’aa jiraachuun isaanii irra gahamee jira.

Calbaasii sobaa kanas saba biraa kan ta’ee fi dhimmichi kan isa hin ilaallanne, barsiisaa W/Sambat, miseensa OPDO kan ta’e fi  daldalaa saba Tigiree tokkotti akka gurguramu hojjetaa jiraachuun isaa ifa bahee jira. Calbaasiin sobaa kunis qarshii kuma dhibba tokkoo fi kuma digdamii shan (125,000)in akka eegalames baramee jira.

*******

Godina Arsii Lixaa Ona Gadab Asaasaa keessatti Walgayiin Lukkeewwan Diinaatiin Barattoota Ona Asaasaatiif dhiyeessan irratti Mormiin guddaan akka isaan Muudate Dhagahame. Barattoonni kuni Gaafima barattoonni Oromoo Naannoo birootti Gaafataa jiran gaafatuudhaan Dabballoota OPDO Dhamaasaa jiraatuun dhagahame. Gama biraan barattoota Muraasa Garaa isaaniitiif bulan kan gaaffii barattoonni kaasan kanaan faallaa ta’anii Deeggarsa OPDOf kennuu yaalan  barattoota lama battalumatti Tarkaanfii itti fudhatuudhaan Shamara takkaafi dhiraa tokko irraan miidhaa guddaa gayanii jiru.

Gama biraan Haaluma kanaan kan walfakkaatuun Manneen Baruumsaa Goobbaa keessa jiran irraa barattoota walitti qaban yemmuu ta’u barattoonni Goobbaatis gaaffii adda addaatiin waan isaan dhamasaniif Gaaffii barattoota kana deebisuu dadhabnaan Guyyaa guutuu Sirna Nafxnyaa Jechuudhaan Qaaqaa Olanii jiru  gama biraan Barattoota Shirri isaan Barattoota Oromoo fi barattoota Amaaraa Walitti buusuuf yaalan Harkaa Fashalaayuun dhagahame dabballoonni kuni Sirna Nafxanyaa armaan dura Hardhas warri Hordofaa jiru nu keessa jiru jechuudhaan barattoota Lamaan walitti buusuuf Shirri isiin Xaxxe itti Dammaqiinsa  barattoota Oromootiin harkaa fashalaayee jira.

Gama biraan Ona Siraaroo keessattis Walgayii barattootaa kanaan Mormiin guddaan akka isaan muuddataa jiru dhagahamee jira.

*********** Nuti barattoonni  yeroo kana iddoo kanatti walitti qabamnee maatii keenyaaf yeroo boqonnaa keenyaa kanatti bu´aa guddaa yeroo itti buusnutti kana nu asitti walitti nuqabdanii waan nu balleessaa jirtaniif durgoo yoo nuuf kaffaltan malee hin barannu jechuudhaan nama garaa isaaf bulu  Tasfaayee Tuulii jedhamu qaanessuu isaanii dhagaa´ame.
  1. Isin warri nu barsiistan kun maaliin nu caaltanii akka nu barsiisuu dhuftan  nuuf ibsaa?  Osoo galmee keessaniif galmeen keenya walbiratti ilaalame namni qabxii isiniin gadi qabu hin jiru. Jechuu dhaan abbaa garaa Nagaash Dhugumaa Jabir jedhamu qaanessaa jiru.
  2. Yoo isin nurraa barattan malee waan nun nu barsiistan waan hin qabneef  hanga guyyaa isin saganteeffattanii dhumutti isin bira oollee galla malee nufi isin warra gumaati jedhanii mormii diddaa isaanii isa yeroo darbe caalaatti karaa qindaa´aa ta´een akka itti fufan osoo hin dhoksin ifatti itti himaniiru.

         Mana Barumsaa Sad 2 ffaa Biiftuu irraa

**********

Nuti Barattoonni Mana Siibuu magaalaa Mandii keessatti argamnu barumsi isin nuuf laattan kan dhugaarraa fagaate waan ta’eef yeroo keessan hin balleessinaa yoo dhugaaf deemtu ta’emmoo gaaffii keenya kanaaf deebii dhugaa nuuf kennaa. 1ffaa Dh.D.U.O yoo dhugum dhaaba mataa isaa danda´ee uummata kanaaf kan dhaabbatu yoo ta’e gaaffii hiree ofiin murteeffannaa yaa dhugoomsu !

2ffaa Qubee afaan Oromoof bu’uura kan ta’e sadarkaa olaanaatti guddisuuf madda kan ta’e eenyu dha? Dhaaba kanaan waltaatanii uummata kanaaf qabsa’aa! 3ffaa Filmaata Yeroo darbe irratti uummataan osoo hin filatamin haftanii humna keessaniin mooneerra jettanii saba keenya nu filuu diddan jechuudhaan hidhaaf hajjechaa isa deebisaa jirtu kun maalif ta’a? Kanaaf isin waangoo gogaa hoolaa huffattanii hoolaa keessa jiraattu waan taataniif hanga duuti isinitti hariifatee hafuura isin kutaa jiru kana obbaafattanii bakka hawwaala keessaniin isin geenyutti diddaan keenya itti fufa jechuud haan mormii isaanii agarsiisaa jiru .

Injifannoo Uummata Oromoof !!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Sagalee diddaa barattoota magaalaa Mandiirraa

********

Akkuma kanaa dura isiin ibsu yaalet baratoot aanaa walso diina gaafi ciccimaadha gara walaalchisaa turan.haal kun kan gube diin ummata kanyaa kan ta'eeopdon baratoota gaaffi gaafachaa turan filun koophaat gaafa guuyyaa 21/11/98 alh walgayii waame. waantii ta'ee garuu dursaan manicha electric waan qabateef barataa cimaa kan ta'ee barataa badhaasaa baqqalaa kan kutaa 9 baratuu batalumatii ajjesse kan immomidhee. waa'e barataa kanaa yoo ilaalu; -barataa badhaasaan baqqalaa barana kutaa 9 tookkoffaa ba'ee badhaafamee jira. dabalataanis immoas barattooa hunda /whole/ tookkkoffaa bahee badhaafamee jira.   -awaalchi isaa idoo dhaloota isaa diilala jadhamut gaafa guyyaa 23/11/98 raawate.

eergi inni du'ee walgayiin adda citee jire.

******

Akkuma naannoota biroo oromiyaa keessaatti fincilli diddaa koonfaransii wayyaaneen barattootaa fii barsiisotaaf jettee itti jirtu dura dhaabachaa jiranitti, barattoonni fii barsiisoonni oromoo kan Onoota Kamisee fii Baatee turbaan darbe irraa kaasee koonfaranisii wayyaaneen qopheessitee irratti waamicha gooteef diduun kan dirqamaan dhaqees gaafii adda addaa ergamtoota wayyaaneetti dhiheessuun wal gahiin akka fashalamu godhaniiti jiran, wal gahiin hanga ammaa toftaa gara garaatiin barattoootaa fii barsiisoota itti hawwachuuf yaalii godhaa jiranitti wayyaanoonni hin milkoofne.

Barsiisoonni fii barattoonni shirri wayyaanee fii jala deemtuun isii ummatarratti raawwachaa jirtu qabsoo ummataatiin ni fashala, ABOn kallacha qabsoo keenyaati, WBOn gaachana ummata oromooti, yoo miyyuu tannaan garaaf bitamnee saba keenya hin gurgurru, hamma wareegama lubbuutti qabsoo teenya itti fufna kan jedhu dhaadannoo dhageessisaa jiran.

Injifannoo ummata oromoof!!

Gadaan gadaa bilisummaa ti!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net