Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Guyyaa finfinnee fi Ibsa ejjennoo Maadhee

Adooleessa 16, 2006 (Oromiyaa) - Guyyaa finfinnee fi Ibsa ejjennoo Maadhee. Kanaf guya finifine ilalichise Adooleesa 16 waligayii baldhaa eriga godhatame boda MADHEEN CALII CALANQO, GARA ARIBA LAKKO.107 jala irirani kani jirani madholini kuni guyya adoolesa 16 gyya finifine ilalichise Ibisa Ejeno Qabixii shani {5}Qabu bafataniru

Ibisa Ejjenno

1. Nuti Madholeni kana jala jiruu qabso ummata Oromo kan ABOn hoganama jiru hanga bilisumatii Waregama barbachisa kafale dukka ni hirira.

2. Namootaa fi farreen kaayyoo ABO dura dhaabbatan, jaallan dhiiga isaanii mirga saba Oromoof baasan dura dhaabbachuu ta´uun hubatamee olola adda adda gageeffamu dura ni dhaabbanna, ni balaaleffanna.

3. Kayyoo dhaaba Kenya hawasa Oromoo cufa ni barisifana.

4. Warreni maxxane diina ta’an kayyoo Oromoo midiya gara garati biyya keessaf allati kayyoo ABO dura dhaabbatan hunda akka diinaatti ilaaluun cimisine ni balalefana.

5. Jarennii yeroo amma utuu hin bekinis ta’e utuu bekanii lukkewwan dinaa ta’ani jirani akka issan hojji akkasi irra offi qusatani cimisinee akkekachifna.

6. Guyyaa finfinnee bara baraan ni yaadanna.

********

Qonnaan bulaa

Godina Arsii Lixaa Ona Shaashamannee keessatti Qotee Bulaa lafa isaa irraa Buqqisuun itti fufee jira. Ganda Qotee bulaa Awaashoo Dhanquu Keessatti Manniin Qotee bulaan dafqaan ijaarratte Lukkeewwan Diinaa Ta’an Kantiibaa magaalaa Shaashamannee Damisee Shittoo, Jamaal Abdallaa/Eeyyaa/ergamaa wayyaanee  Abdoo munaa jedhaman yemmuu ta’u namoonni kunniin bu’aa mataa isaaniitiif jecha   Qotee bulaa lafa isaa irraa kaasaa mana isaa irratti Diigaa Abbootii qabeenyatti  gurgurataa jiru.

Qotee bulaa lafa isaa irraa hin ka’u jedhe Waraanaan tumsiisaa caccabsanii irraa akka Oofaa jiranis dhagahame.  Qotee bulaan Awaashoo Dhanquu keessa jiraatu lafa irraa jiraatu kan biraa waan hinqabneef yeroo ammaa Ijoollee wajjiin rakkatanii maatii waliin Badhee irratti gadi naqamanii rakkataa jiru isaan hafan ammo kan fira baadiyyaa qaban gara fira isaanii Socho’anii qubataa jiru. Namichi damisee shittoo kuni Lammii Tigree yemmuu  yeroo ammaa karaa argateen qabeenya ummataa gurguratee karaa irraa socho’uu akka barbaadu nibeekkama. Ergamaan Wayyaanee Jamaal abdallaa  /Eeyyaa / jedhamu kuni yeroo ammaa itti gaafatamaa Milishaa ona Shaashamannee yemmuu ta’u yeroo barataa irraa jalqabee ummata Oromoo Basaasaa Diinaaf kan kennaa tureedha. Boodas Yuniversiitii bahirdaar keessatti barattoota Oromoo Sabboonaa fakkaatee itti dhiyaatuudhaan Dabarsee wayyaanotaaf kan kennaa turee dha. Ergaa Mooraa Yuniversiitiitii bayes Itti gaafatamaa Milishaa Ona Shaashamannee ta’uu dhaan Sabboontota Naannoo shaashamannee akka malee kan dararaa jiru yemmuu ta’u barattootaa fi Barsiisota yeroo barataa ture cimina isaanii beeku karaa irraa ukkaamsuudhaan akka doorsisaa jirus dhagahame. Gama biraan Godinuma kana, ona Siraaroo keessatti Waraanni Wayyaanee Daangaa Sidaamaa fii Oromiyaa akka Ummata Siraaroo Eegu qubate Meeshaa gurguratee akka badaa jiru dhagahame. Waraanni wayyaanee gaara Siraaroo keessa qubate kuni yeroo achii qubatu laakkofsi isaanii 2000 yemmuu ta’u yeroo ammaa garuu jalaa badaa laakkofsi isaa 1000 deebi’uun dhagahame. Waraanni kuni hedduun isaanii Saba Amaaraa, Oromoofii saboota  kibbaa yemmuu ta’an Diinni nuti akka Waraannu itti nu’ergan Eenyu jechuudhaan akka walgaafataa tures dhagahamee jira. Waraanni kuni meeshaan gurguddaalleen osoo hin hafne akka gurgurataa ture dhagahamee jira Wayyaaneen Waraana Jalaa badaa jiruu kanatti akka malee naate Waraanaa hafaniifii waraana osoo jalaa badaa jiru karaan jalaa badee harkaa jaraa bu’an gara Kaanpii Waraanaa fiddee akka malee dararaa akka jirtus irra gahamee jira.

Gama biraan Ummata Oromoo fii ummataa Sidaamaa Daangaa san irra jiran Meeshaa waraana irraa bittan fidaa jechaa akka Dararaa jiran dhagahamee jira. Gama biraan Godinuma Arsii lixaa jedhamu Ona Qoree keessatti armaan dura Shira lukkeewwan Diinaa OPDOn Xaxxeen ummata saba Amaaraa magaalaa Qoree  keessa jiraataniif Ummata Oromoo Ona kana keessa jiraatu walitti buusuudhaan Lubbuun Ijoollee afurii Baduun ni beekkama. Komishiiniin Dhimma rakkoo kana Qoratuu gara naannoo Qoree fii kofalee Deemee Namoota Siyaasa irraa Walaba ta’an Onoota Godina arsii keessa jiran irraa gaafannaan OPDOn Miseensota isaanii Ona adda addaa irraa walittio Qabdee erguun isii irra gahame. Kanneen keessa namoonni Ona Dodolaa irraa akka Rakkoo Ona Qoree keessatti umame ragaaf Dhaqan Namoota OPDO keessatti itti gaafatummaa qaban ta’uun irra gahame. Namoota ergaman keessa Jamal Kadiir kan jedhamu Dura taa’aa OPDO Ona Dodolaa ta’uun dhagahame. Inni lammafaa Eda’oo Kojii jedhamus Bulchaa ganda 01 Dodolaa ta’uun dhagahame. Onoota hafan keessaallee Miseensota isaanii OPDO keessatti Gafatamummaa qaban akka ergan irra gahamee jira kanaaf sabboontonni ona Dodolaa fii Onoota biraatis Shira  lukkeewwan diinaa OPDOn Xaxaa jirtu kanatti ummanni Qoree akka Dammaqee Ufirraa Ari’u Dhaamsa isaanii dabarsanii jiru.  

 

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net