Nuti hojjetooti dhaabbiilee adda addaa, barsiisoti sadarkaa lammaffaa fi barsiisoti barnoota olaanaa haala qabsoo bilisummaa Oromoo ABO-dhaan hoogganamaa jiru irratti handhuura Oromiyaa Finfinneetti walgeenyee bal’inaan erga mari’annee booda ibsa ejjennoo armaan gadii baafannee jirra.
- Tumsa Bilisummaa fi Dimokiraasii (TBD) dhaabni keenya ABO ijaarrate jalqabaa kaasee jala buunee hordofaa kan turre yoo ta’u nutis tumsi kun Qabsoo Bilisummaa Oromoo daran shaffisiisuun Hiree Murteeffannaan nu ga’uu keessatti ga’ee guddaa akka qabu ni amanna; hundeeffamuu tumsa kanaas guutummaatti deeggarra;
- TBD akka milkaa’uuf kaayyoo fi galii isaa ummata keenya hubachiisuun olola farreen bilisummaa Oromoo fi qaamoti adda addaa oofan fashalshiisuuf jabaannee ni hojjenna.
- Nuti hojjetooti dhaabbiilee adda addaa qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn hoogganamaa jiru irraa hirmaannaa keenya gama hunndaan jabeessuuf waadaa keeyna haressinee jirra.
- Yeroo adda addaatti mootummaan Wayyanee sirna cunqursaa isaa dheereffachuuf ummata Oromoo addaan qoodee walitti buusuun akkasumas ummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo biraa walitti buusuun tooftaa addaan qoqqoodanii bituu inni hordofuu fi dhimma saboota biroo kanneen akka Somaalee fi biyyoota ollaa biroo keessa galuun shororkaa inni gaanfa Afriikaa keessatti deemsisu cimsinee balaaleffanna.
- Ummatni Oromoo afaanfaajjessuu wayyaanee hunda irratti dammaqee tokkummaasaa kan uumaamaa jabeessee tikfachuun tokkummaan bilisummaaf qabsaa’uutti akka fufu dhaamsa keenya dabarsina.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
|