Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Odeessa mana hidhaa. 

Oromoota FDGtin sadasa 9,2005 qabamani mana hidhaa karchale jiran keesa kan qama reebichaa fi giraan irran kan ka'e rakkon faaya irran ga'ee rakachaa jiru. Hidhamtooti kun kana dura iyyannoo qaamoolee adda addaan godhanii hardhallee mana hidhaa keessatti gidiraa arga jiran keessaa haga tokko dha. 

A. kan keesi guraa midhamee mala'ufi dhageeti dhaban:

1. Assafaa lataa umuri, 25, amboo kan qabame

2. Guddata shubee umuri 24, finfinnee irra akan qabame.

3. Taamiru Alammayyoo umuri 30, kan Geedo irra qabame

 4. Asfaw Waltajji umuri,25,hoplota iarra akan qabame.

B.  kan harki issani hoji ala ta'e:

1. Daawit urgaa umuri 22, ambo irraa

2. Laaqo G/tsaadiq  umuri 40 meeta roobi irra kan qabamedha

Sababaa fi iyyaannaan kana dura hidhamtooti siyaasaa Oromoo dhiyeessan armaan gadiitti maxxanee jira. Ammas warra naannoo isaanitti yoo deebihani bakka isaan jiranitti yoo filannoon gageeffame moohaman jedhanii yaadan akka gad dhiisaa hin jirre hubatama.

*********

Sabboontota Oromoo sababa mirga isaanii gaafatan qofaa fi sababa Oromoo ta`anii of irratti abdii qabaniif wayyaanonni isaan sodaattee, OPDOns yoo jarreen kun filannoo ona fi gandaa keessatti hirmaatan isaantu moohata, sana duuba bulchiinsa naannoo isaanii dhuunfatu jettee sodachuu fi dhiphachuun, yoo sabbontoti Oromoo kun naannoo isaanii jiraatan mirga ummataa gaafatu kun ammoo wayyanootaa fi OPDOf akka du`a ta`e waan hubatteef Oromoo Oromiyaa bakka adda addaa irraa ukkamsamanii mana hidhaa Maakalawwiitti hiraarsi hiriyaa hin qabne irra gahaa jirti.

Sabboontonni Oromoo too’annaa Wayyaanee mana hidhaa ma`ikalawii fi karchallee keessatti hojii, qe`ee, jireenya fi barnoota isaanii irraa sababa wayyaanonni isaan sodaataniif qofa ukkamfamanii jiran hawaasa addunyaa fi Oromoo adunyaa irra jiruuf iyya keenya iyyaa nuuf dabarsaa jechuun iyyatu, Oromoon bakka jiru maraa hojiin jabaatee mirga isaa deebifachuuf harka wal qabatee hojii qabsoo jabeessuu malee falli biraa hin jiru kan jedhan sabbootonni mana hidhaa ma`ikalawii keessa jiran kun dhaamsa armaan gadii dabarfatanii jiru.

Wayyaanonni gara jabinaan waan dhalli namaa dhalaa namaa irratti hin dalagne ilamaan Oromoo irratti hojjechaa jiru, Oboloota keenaya garii yeroo barbadanitti nurraa adda baasanii reebuun, hiraarsuun, qaamaa hirdhisanii nutti deebisu, garii ammoo mana murtiitti dhiyeessanii manni murtii mirga wabi erga itti kennee mana hidhaati akka meeshaa isaaniitti kaahu, garii ammoo waan galmeen isaanii cufame akka mana hidhaa keessatti umurii isaani guban gochuun akeeka mataa isaanii qabu.

Kun ilaalcha dadhabaa Oromoo mana hidhaatti hamlee buusanii akka abdii kutatu, gariin mataa dhukkubsatu, of irratti abdii dhabu fi yeroo mana hidhaatii bahu akka mirga isaa hin falmanneef jiilchina yaada jedhu irraa akka maddu eenyuufu ifaa dha. Haa ta`uuti ilaalchi isaanii kun ilaalcha gowwummaati, Oromoon mirga waliin dhalate! Mirga dhalootaan qabu kana hidhames hidhamuu baatees gaafachuun isaa waan hin oolle dha! Mirga kana waaqatu kenneef, namni irraa fudhachuu hin dandahu! Nama akkasaan mirga isaa dhorkamee hidhamuun isaa inumaayyuu akka mirga isaa jabeessee gaafatu isa kakkaasa! Jibbiinsa warra isa hiraarsan kanaaf dabalee yeroo gabrummaa isaa gabaabsuuf hojjeta malee takkaa akka isaan qaadanitti qajeeluu hin dandahu!

Biyya heera qabdu, biyya maqaaf ol-aantummaan seeraa kabajama jedhamee afuufamu keessatti gochaa fi gidiraa akkanaa quba qabeenyaa abbaa seeraa fi addunayaan alatti bakka kanatti ukkamamnee ta`uun keenyi akka mootummaa wayyaanee irratti xiiqii qabannu nu taasise malee waan qabsoo irra duubatti nu deebisu tokkollee hin qabu.

Sodaan wayyaanee ummata bifa kanaan hiitee hidhamtoota gidirsuun rakkoo cimaa itti dhalcha malee waan rakkoo keessaa ishee baasu miti, fkn yoo qabsoo kibba Afrikaa keessatti nama gootaa fi muldhata biyya isaaf qabu tokko Maandellaa nu yaadachiisa. Nama ganna 27 mirga ummata isaa gaafachuuf hidhamee, morka qabatee, dhugaa isaaf falme, diina gabroonfattuuf osoo hin jilbeenfatiin dhugaan isaa fi ummata isaa ifatti baatee, Ummata isaa kan kibbi Afrikaa bilisummaa ishee goonfachiise goota addunyaan aja`ibsiifate kana irraa dhimmi Oromoos adda baafamee kan ilaalamu miti, hoogganni kun hooggana kabajamaa fi adunyaan dinqisiifattu ta`e. Egaa nutis hardha mirga keenyaaf hidhamnus hidhaa sodaa mirga keenya gaafachuu irraa duubatti hin jennu! Waan ummata hoogganu jedhanii nu sodaataniif nu hidhan! Waan mirga keenyaaf duubatti hin jenneef nu soodaatan! Kanaaf Oromoon addunyaa irra jirtan marti kan biyya alaa fi keessaa:

  1. Kan biyy keessaa diddaa amma itti jirtan jabeessuun akka nuti mana hidhaatii baanu dabalatee gaaffii qabdan fi dhiibbaa wayyaanota irraan geessan jabeessaa itti fufa!
  2. Oromoon biyya alaa jirtan sagalee keenya mana hidhaatti ukkamfame kana xalayaalee mootummootatti bareessuun, hiriira nagaa bahuun, mootummootaa fi dhaabbilee dhimmi dhala namaa itti dhagahamu hundaatti rakkoo keenyaa fi ummanni Oromoo keessa jiru akka hubachiiftan gaafanna!
  3. Dhaabbileen mirga dhala namaaf falman, kana akka fannoo diimaa, amnesty international, human right watch fi kkf  akka seeraa ala wayyanonni heera biyyitti cabsuun hojii seeraa ala hojjetaniif akka gaafataman! Heera biyyittii diiguun isaanii biyyittii diiguu irraa waan addaa baafamee ilaalamu miti isin kana  hubachuun, miidhaa diiggaa fi rakkoo sabatinsa dhaba gaanfa Afrikaa keessatti dhalatuuf wayyaanonni gaafatamaa ta`uu isaanii hubachuun akka of sirreessan gorsitan! ol-antummaa seeraa cabsanii balaa biyyittii keessatti dhaltuuf gaafatama akka ta`uu fi dararamaa nu irra jiru akka addunyaan hubatu fi dirmatu gaafanna!
  4. Biyya keessaa akka addunyaan dhimma keenya hubatu Imbasiiwwan biyya keessa jiraniitti hubachiiftan!  fi kan biyya alaa Mootummoota angawootti kana akka USA fi EU wayyaanonni nuu fi ummata Oromoo irratti miidhaa gahaa jiru hubatanii dhimmi kun rakkoo sabatinsa naannoo kanaaf waan rakkoo qabuuf jabeessanii itti yaaduun dhiibbaa barbaachisu mootummaa abbaa irree kanarran akka gahan gaafanna.
  5. Oromoonni paarlaamaa wayyaanee keessa jirtan dararama nurraa fi Ummata Oromoo irra gahaa jiru akka addunyaatti nuuf iyyitan, dhiittaa mirgaa saba isaan filate irra gahaa jiru akka ustanii hin ilaalee, mootummoota adunyyaa maratti akka dhageesisan  Jechuun dhaammatan.
  6. Maqaa fi bakka irraa qabaman fi haala keessa jiran akka armaan gadiitti ibsamera.

 

Maqaa                              Bakka qabaman                   Ibsa

1. Guddataa Shubbee                Finfinneerraa         Wabii jedhamee gadhiisuu kan didan                                                          

2. Kabbadaa Baqqalaa              Finfinneerraa         Wabii jedhamee gadhiisuu kan didan

3. Asaffaa Lataa                        Finfinneerraa         Wabii jedhamee gadhiisuu kan didan

4. Asaffaa Waltajjii                   Finfinneerraa         Galmee cufanii ka teechisan

5. Laaqoo G/Tsaadiq                Finfinneerraa          Wabii jedhamee gadhiisuu kan didan

6. Bars. Gonfaa Dureessaa       Naqamterraa           Wabii jedhamee gadhiisuu kan didan

7. Dhaabaa  Asafaa                  Naqamterraa            Wabii jedhamee gadhiisuu kan didan

8. Dhugaasaa Maangashaa       Naqamterraa           Kan galmee cufanii teesisan

9. Bafiqaaduu Dabalaa             Naqamterraa           Kan galmee cufanii teesisan

10. Fiqaaduu Nagaraa              Naqamterraa           Kan galmee cufanii teesisan

11. Barataa Sanyii Taaddasaa  Naqamterraa           Kan galmee cufanii teesisan

12. Bars. Abraahaam Likkaasaa  Naqamterraa       Kan galmee cufanii teesisan

13. Bantii Kumaa                      Gimbii                 Kan Galmee cufanii teesisan

14. Walqixxee Olanii                Gimbii                 Kan Galmee cufanii teesisan

15. Yaasin sayid                        Gimbii                Wabii jedhamee gadhiisuu ka didan

16. Bars. Zawudee Tulluu   Meettaa Roobii           Wabii jedhamee gadhiisuu ka didan

17. Galataa kafanaa                Giinci                  Kan Galmee cufanii teesisan

18. Taammiruu Alamaayoo    Geedoo                Kan Galmee cufanii teesisan

19. Tashoomaa Eebbisaa      Geedoo                 Wabii jedhamee gadhiisuu ka didan

20. Yoonaas Galaanaa           Dambi Doolloo        Wabii jedhamee gadhiisuu ka didan

21. Fiqaaduu Shibashii             Qeellam                 Wabii jedhamee gadhiisuu ka didan

22. Birraa Roorrisaa                 Adaamaa                Kan Galmee cufanii teesisan

23. Asaffaa Taaffasaa              Adaamaa                 Kan Galmee cufanii teesisan

24. Caalaa Huummoo              Adaamaa                 Wabii jedhamee gadhiisuu ka didan

25. Warquu Fayyiisaa              Ambo

26. Caalumaa Mangistuu         Ambo

27. Furgaasaa Barsiisaa         Ambo

28. Shuumii Dandanaa            Ambo                       Wabii jedhamee gadhiisuu ka didan

29. Daawwit Urgaahaa            Ambo  Harki bitaasaa reebicha diinaatiin hojii ala kan tahe

30. Fufaa Gulee                       Ambo                      Kan Galmee cufanii teesisan

31. Abbabaa Gonfaa              Ambo                      Kan Galmee cufanii teesisan

32. Likkaasaa Leejjisaa         Ambo

33. Taaddasaa Teessoo        Ambo

34. Shifarraa Taganyi             Ambo

35. Shifarraa Daksiisaa         Ambo

36. Alamuu guddataa             Ambo

37. Tasfaayee Beekaa           Ambo

38. Baqqalaa Beekaa            Ambo

39. Taakkalaa Koorsaa         Ambo

40. Habtaamuu Gaaromaa    Ambo

41. Rattaa Makonon               Ambo

42. Taammiraat Eebbisaa    Ambo

43. Massalaa Caalaa            Ambo

44. Minilik     Jifaaraa            Ambo

45. Qana’aa Chuuchee         Ambo

46. Abdataa Baatirii              Ambo

47. Abiyoot Daandanaa       Ambo

48. Sisaay Dhinsaa              Ambo

49. Imnat Hayiluu                 Ambo                        Yaroo mara kan hidhaamaa turte

50. Simmanyi Dayyaasaa   Ambo      Jaagamaa waliin 2004 irraa eegaltee Karchalee Ambo keessa hidhaa kan turte.

51. Sawunat Taammanaa   Ambo

52. Taarik Girmaa                Ambo

53. Moosisaa Dirribsaa       Ambo

54. Shifarraa Eebbisaa      Ambo             Reebicha Diinaatiin du’af jireenya jidduu ka jiru(wallaansi godhaamaafii hin jiru.)

55. Bars.Toleeraa Owwaataa   Ambo     Wabii jedhamee gadhiisuu ka didan

56. Maammush Tasfaayee   Adaamaa

57. Adam Gaarisoo              Adaamaa

58. Minishaa Girmaa           Adamaa        Filannoo caamsa darbe irraatti Junneddii ka injifatte.

60. Sannii Xilaahuun            Ambo            Kan Galmee cufanii teesisan

Hidhaafii Ajjeechan Mirga Keenya Kabachiisuurraa Tasa Of Duuba Nu Hin Deebisu!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaat !!

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net